Afrikaan Kibbaa duula gaggeessiteen godaantota 53,000 biyyaa baaseera jette

Madda suuraa, EMMANUEL CROSET / AFP via Getty Images
Mootummaan Afrikaa Kibbaa duula ''to'annoo godaantotaa'' jedhuun lammiilee alaa 53,000 tahan biyyaa baasneerra jedhe.
Lammiileen Itoophiyaa kumaatamni Afrikaa Kibbaa keessatti hojiiwwan akka daldalaa fi kaan irratti bobba'uun hojjetu.
Haa tahu malee sababa fincila godaantota irratti ka'een yaaddoo guddaa keessa turan.
Kaan ammoo qabeenyi isaanii jalaa saamamuu himan. Mootummaan Itoophiyaa mootummaa Afrikaa Kibbaa waliin dhimmicha irratti dubbachuu malee nama meeqa akka achii baase garuu lakkoofsaan hin ibsine.
Mootummaan biyyichaa erga fincilichi jalqabee godaantonni kumaatamni akka biyyaa baafaman hime.
Irra caalaan isaanii Maalaawwii, Zimbaabuwee, Moozaambik irraa tahuu mootummaan himeera. Ammas godaantota biyyaa baasuun itti fufee waan jiruuf lakkoofsi kun dabaluu akka danda'u himameera.
Afrikaa Kibbaan erga waggoota dheeraan as yeroo jalqabaaf dula godaantota biyyaa baasuu guddaa gaggeessite.
Duulli farra godaantotaa biyyattii keessatti gaggeeffamaa ture gara fincilaa fi saamichaatti jijjiiramuun miidhaan dhaqabeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Finciltoonni to'annoo daangaa cimaa fi godaantota seeraan ala biyyicha jiraatan ammoo akka baafaman gaafatan.
Kun ammoo hojii dhabdummaan akka malee dabaluu fi yakki biyyicha keessatti waan dabaleefi. Tajaajilli uummataa biyyicha keessaa kufaatii keessa galuun sababa fincila kanaa akka tahes himameera.
UN kufaatii diinagdee fi tajaajila hawwaasaa Afrikaa Kibbaa mudateef godaantota qabata godhachuun sirrii akka hin taane hime.
Finciltoonni hanga mootummaan gaaffii isaaniif deebii gahaa kennutti akka itti fufan himaniiru.
Sodaan jiru garuu fincilli kun gara jeequmsaatti jijjiirama kan jedhudha.
Finciltooni Waxabajji 30 akka guyyaa dhumaatti kaa'uun godaantonni seeraan alaa haga sanatti biyyicha gadhiisuu bahuu akka qaban duula gaggeessaa turan.
Godaantonni kumaatamni qabeenya isaanii dhiisuun lubbuu isaanii baafachuuf jecha bahaniiru.
Biyyoonni akka Gaanaa, Naayijeeriyaa, Yugaandaa fi Keeniyaa lammiilee isaaniif deeggars akennuun achii baafataniiru.
Mootummaan biyyittii osoo lammummaa isaanii irratti hin hundaa'iin karaa mirga namoomaa isaanii kabajeen godaantota seera qabsiiuu itti fufna jedhe.
Adeemsi godaantota galmeessuun biyyaa baasuu kun namoota kana dura yakkaan shakkee poolisiidhaan barbaadamaa turan akka to'atuufis gargaareera jedhan.
Qondaalonni mootummaa biyyichaa seera immiigireehsinii cimsanii akka hojiirra oolchan himaniiru.
Pirezidaantiin biyyichaa Siiril Raamaafoosaan yaaddoo uummanni biyyichaa kaase sirrii tahuu kaasuun garuu haleellaa godaantota irra gahu balaaleffataniiru.
Uummanni seera cabsuun miidhaa akka hin dhaqqabsiifne himaniiru. Fincila farra godaantotaa kana to'achuuf humni nageenyaa hedduu bobbaafamuu himameera.
Afrikaan Kibbaa Ardii Afrikaa irraa biyya guddina dinagdeen jalqabarra jirtu yoo tahu godaantonni hedduun carraa hojii fi jireenya fooyya'aa barbaacha garas imalu.


















