Artist Ilfinash Hacaaluu biratti owwaalamte

Ibsa waa'ee viidiyoo, Artist Ilfinash Hacaaluu biratti owwaalamte
Artist Ilfinash Hacaaluu biratti owwaalamte
Maxxanfame

Artist Ilfinash Qannoo Magaalaa Amboo owwaalcha Artist Hacaaluu Hundeessaa biratti owwaalamte.

Ilfinash bara lubbuun turte ture bakka dhalootashee Naqamtee osoo hin taane magaalaa Ambootti akka awwaalamtu dhaammatte jedhame.

''Kan Hacee [Hacaaluu] waliin wal biratti awwaalamani ...Haceen mucaashiiti,'' jedhan kantiibaan magaalattii Obbo Hacaaluu Gammachuu.

Ummanni hedduu kan argame yoo ta'u ''Gaggeessaa gootaa gooneefi jirra'' jedhan.

Artistiin sirboota qabsoofi jaalalaan beekamtu kuni dhibee ishee mudateen Finfinneetti yaalamaa erga turteen booda Dilbata darbe lubbuun ishee darbe.