Yunivarsiitiiwwan Tigraay keessaa 'hidhattoonni' yoo bahan malee barataa hin ramadnu - Ministeera Barnootaa

Madda suuraa, Getty Images
Yunivarsiitiiwwan afur Naannoo Tigraay keessatti argaman dallaa isaanii ''sochii waraanaa kamirraayyuu bilisa'' akka godhan Ministeerri Barnootaa akeekkachiise.
Kaampaasiiwwan yunivarsiitii keessaa ''madoon waraanaafi hidhattoonni'' hanga hin baanetti manneen barnootaa kanneen keessatti barattoota akka hin ramadnellee beeksiseera.
Ministeerri Barnootaa akeekkachiisa kana kan kenne xalayaa ALI Qaam'ee 02, 2018 Yunivarsitii Maqalee, Aksum, Addigraatiifi Yunivarsitii Raayyaaf barreesseeni.
Ministeerri Barnootaa akeekkachiisa kana kan kenne yeroo waldhabdeen mootummaa federaalaa fi TPLF gidduutti hammaateettidha.
Hooggansi yunivarsitii Tigraay keessa argamu kan maqaan isaanii akka dhahamu hin feene tokko xalayaan Ministira Barnootaa Pirof. Birhaanuu Naggaan barraa'e har'a akka isaan dhaqqabe BBC'f mirkaneessaniiru.
Yunivarsitiin Addigraat fuula Facebook isaarratti xalayaa kana qoodee kan ture yoo ta'u daqiiqaa muraasa booda balleesseera.
''Yunivarsiitiiwwan dallaa isaanii sochii waraanaa kamirraayyuu bilisa gochuu'' mata duree jedhuun xalayaan barraa'e kana dura kaampaasii Kuhaa Yunivarsitii Maqalee akkasumas Kaampaasii Miwitsaa'i Warqii Yunivarsitii Addigraat keessatti ''madoon waraanaa turuu isaanii'' ibsa.
''Dhihoo immoo mooraa muummee Yunivarsitii Aksuum fi Addigraat keessatti madoon waraanaa akka taa'an [mirkanaa'eera],'' jechuun himateera.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Haalli kuni dhaabbileen barnoota olaanoo ''ergama siviliifi barnoota isaaniin ala [ergama] waraanaaf oolaa jiraachuu'' akka agarsiisu ibseera.
Gochi akkanaa ''jireenya barattootaafi nageenya [isaanii] balaaf kan saaxilu'' ta'u isaas xalayaarratti ibseera.
BBC'n dhimma kanarratti Ministeera Barnootaa irraa ibsa dabalataa argachuuf barreeffamaan gaaffii dhiheesseera.
Bilbilaafi barreeffamaan yunivarsitiiwwan afran irraa yaada argachuuf yaaliin taasise dafee deebii hin arganne.
Hooggansi yunivarsitii tokko xalayaan kuni akka isaan dhaqqabe ibsanis, dhimmicharratti yaada kennuu akka hin barbaanne himan.
Yunivarsitii Maqaleetti pirezidantiin Itti aanaa dhimmoota akkaadaamikii Dr Abdulqaadir Kadir ''xalayaan akka isaan bira hin geenye'' dubbataniiru.
Yunivarsitiiwwan ''buufata humna waraanaa, kuusaa, ijaarsa yookiin waan waraanaan walqabatu kamuu kan keessatti adeemsifamu'' akka hin taane Ministeeri Barnootaa ibseera.
Ministeerichi tarkaanfiiwwan sadii dhaabbilee barnootaa kanneen fudhatamuu qaban jedhe tarreesseera.
Kan jalqabarra kaa'e yunivarsitiiwwan dallaa isaanii keessatti ''madoon waraanaa argaman atattamaan akka baastan'' ajaja jedhudha.
''Dallaan hunduu sochii waraanaa kamirraayyuu bilisa akka ta'an akka mirkaneessitan'' jechuunis akeekkachiisa kenneera.
Dabalataan kaampaasiiwwan, mana jireenyaa barattootaa, wiirtuu fayyaa, gamoo, kuusaafi qabeenya yunivarsitiiwwan kanneen akka konkolaataawwan'' sochii waraanaa kamiifuu akka hin oolle to'annoon cimaa akka taasifamu'' jechuunis ajaje.
Hoggansi yunivarsitiifi boordiin ajajoota kanaaf ''xiyyeeffanoo addaa kennanii raawwii isaa itti dhiheenyaan akka hordofan'' akeekkachiiseera.
Yeroo ramaddii barattootaa Ministeerri Barnootaa ''lubbuu barattootaa, nageenya, haala barnoota nageenya qabuufi barnoonni akka itti fufu dursa'' akka kennu xalayaarratti ibseera.
Dabaluunis, ''dallaawwan yunivarsitii sochii waraanaa kamirraayyuu bilisa ta'u isaanii sirnaan yoo hin mirkanoofne gara yunivarsitiiwwanitti barattoota akka hin ramadne beeksisuu barbaanna'' jechuun tarkaanfii fudhatu beeksiseera.
Dallaa yunivarsiitiiwwanii keessa argamu kan jedhaman ''madoon waraanaafi hidhattoonni dallaa yunivarsiitii keessaa'' bahuu akka qabanis akeekkachiiseera.
"Murteen kun hanga nageenyi barattootaafi haalli barnootaa nagaa qabu mirkanaa'utti hojiirra akka oolu" ibsuun, Ministeerichi ''ergama yunivarsiitichaan ala" sochii gaggeeffamu gabaasuu dhiisuun "ittigaafatamummaa cimaa" akka hordofisiisu akeekkachiiseera.
Kana duras dhimma barnootaan walqabatee aangawoota federaalaafi Naannoo Tigraay kan harkaa qabu, TPLF, gidduutti dhibdeen dhalatee ture.
Adooleessa darbe keessa hoggantoonni naannoo Tigraay qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa ilaalchisee muddama keessa seenanii turan.
Biiroon barnootaa naannichaa murtoon biroon federaalaa qormaata biyyaalessaa ilaalchisee kenne ''kan wal faallessu, iftoomina kan hin qabneefi yeroo yeroon kan geeddaramu'' jechuun qeeqee ture.
Biiroon barnoota naannoo Tigiraay barattoota kutaa 12ffaa naannichaaf qormaata ofii qopheessee akka qoru ibsuun barattoota biratti burjaajii uumee ture.
Haa ta'u malee, barattoonni kunneen xumurarratti akkaataa Ministeerri Barnootaa karoorseen Yuunivarsiitii Maqalee fi Adigraat keessatti qormaata qoraman.
Akkasumas barattoonni Naannoo Tigraayirraa gara Finfinneetti imalan guyyuma sana Yunivarsiitii Finfinnee keessatti qoramuu Ministeerri Barnootaa beeksiseera.



















