Godaantonni Itoophiyaa Sa'udiitti gareen wal ijaaranii wal ajjeesan to'atamu eegalan

Godaantota Itoophiyaa gammoojjii Yaman keessatti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Godaantonni Itoophiyaa Yaman keessa bahuun jireenya wayyoo barbaacha Sa'udiitti imalu
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Godaantonni Itoophiyaa gammoojjii Sa'udi Arabiyaa keessatti gareen wal ijaaranii nama ajjeesan to'atamaa akka jiran Embasiin Itoophiyaa Riyaaditti argamu beeksise.

Embaasichi ibsa gaafa Kibxataa baasen akka himetti, nama ajjeechaa raawwate jedhamee shakkame dabalatee namoonni shan to'atamaniiru.

Kaanis akka to'ataman hawaasa Itoophiyaafi qaamolee nageenyaa Sa'udi waliin akka dalagu beeksiseera.

Waggoota muraasa darban godaantonni Itoophiyaa gareen wal hiranii ajjeechaa walirratti raawwatan yaaddoo guddaafi mufii uumeera.

Ajjeechaan kuni hanga miidiyaa hawaasummaa gubbaa TikTokiirratti kallattiin haala suukaneessaan ajjeechaa raawwatuurra gahuu himameera.

Embaasichi ibsa isaan ''yakka suukkaneessaa garee muraasa gidduutti naannoo daangaafi gammoojjii Sa'udii keessatti raawwatame irratti hirmaatan'' faana bu'aa akka ture hime.

Dabaluunis, ''nama gocha fokkisaa kana raawwate tokkoofi namoota shan dabalatee to'annaa seeraa jala oolaniiru,'' jechuun beeksise.

Embaasichi kana dura namni tokko to'atamuu kan ibse yoo ta'u namoonni miidiyaa hawaasummaa irratti ''balaa babal'isuun shakkaman dhibba tokko ol'' to'atamuullee dubbate.

Yeroo ammaa dhimmi isaanii qoratamaa akka jiruufi embaasichis namoonni shakkaman seeratti dhihaatanii 'olaantummaan seeraa akka kabajamu' akka hojjetuu ibse.

Waa'ee namoota gareen wal ijaaranii badii wal irratti raawwatan ilaalchisee BBC'n kanneen dhimma kana itti dhiheenyaan hordofan iyyaafateera.

Waa'ee garee kanaa maaltu beekama?

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Kanneen nageenya isaaniif jecha maqaa isaanii dhoksanii BBC'tti himan akka jedhanitti, dhimmi kuni erga eegalee waggaa sadii afur ta'eera.

Haa ta'u malee, waggoota lamaan darban keessumaa waggaa tokko darbe keessa hammaachuu dubbatu.

Taatee kana dura raawwataa ture yoo ibsan ''Ilmi namaa lafarra harkifamaa ture,'' jedhu namni dhimma kana quba qabuu himan.

Kanneen kana raawwatanimmoo gammoojjii Sa'udi Arabiyaa Yaman daangessuufi gaarreen qabu keessa jiraatu jedhu.

Keessumaa lammiilee Itoophiyaa addattimmoo Naannoo Oromiyaa irraa gara Sa'udi imalan gidduutti taateen bal'inaan mul'ata.

Jiraataan Riyaad tokko dhimma kana yoo ibsan ''akka shiftaatti bosonatti galtee'' badii raawwatu jedhu.

''Dhimmi ijoolleen kuni barbaaddu waan isaa namaaf hin galu. Shiftaan kuni maallaqallee hin barbaaddu. Lubbuu walii dabarsuu qofa kan ishiin barbaaddu.

''Yoo maallaqa kaffaltellee nama kana baafachuu hin dandeessu.''

Baatii Hagayya keessa torban tokko keessatti qofa yoo xiqqaate namoonni sadii haala suukaneessaan ajjeefamuu himu.

Kanneen wal ijaaran kuni ''Ajajaa qabani, itti aanaa qabani. Nama qabee fidu qabani,'' jechuun waardiyaallee akka qaban himu.

''Si nyaachisna, si obaasna jedhanii miskiina karaa deemu qabanii saamani. Harka irra gahe jennaan birrii irraa hin barbaadani lubbuu isaa dabarsuu qofa.

''Osoo abbaa kiyyatti nagaa dhaammadha, harmee kiyyatti nagaa dhaammadha osoo jedhuu lubbuun nama meeqa darbaa jirti.''

Dabalataan, shakkamtoonni kuni ''Meeshaa shugguxii fa'i hidhatu birrii biyya kanaatti shugguxii bitachuun salphaadha waan ta'ef kuma sadii afur hin caalu,'' jedhu.

Akka kanneen dhimmicha itti dhiheenyaan beeknaafi Sa'udi jiraatan jedhanitti, kanneen gammoojjii Sa'udii keessatti badii raawwatan jajjabeessan jiru.

Kunneenis, biyya alaa ta'anii keessumaa miidiyaa hawaasummaa irratti isaan deeggaraa akka barreessaniifi dubbatan himu.

''Diyaasporaan biyya faranjiillee ni jira. Gama keessaan waan wal quba qaban qabu malee kaan Facebook irratti kaan live garagaraa irratti lubbuu baasaa jiru ijoolluma keenyadha,'' jedhu.

Godaantonni Itoophiyaa Sa'udi jiraataniifi BBC'n dubbise kanneen badii kanaan shakkaman seeratti akka dhihaataniifi dhimmichi akka isaan yaaddessuu himu.

Alaabaa Itoophiyaafi Sa'udi Arabiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Lammiileen Itoophiyaa jireenya wayyoo qabu barbaacha gammoojjii Jibuutiifi Somaaliyaa keessa lubbuu ofii balaarra buusanii qaxxaamuruun gara Yaman imalu.

Yaman kan ofiifuu wal waraansa keessa jirtutti dararaan akka isaan dhaqqabu himaa turan.

Keessumaa daangaa Sa'udii irratti haleellaa humnoonni nageenyaa Sa'udi raawwatan jedhameen dhibbaan kan lakkaa'aman ajjeefamaniiru.

Ji'oota muraasa darbanimmoo lammiileen Itoophiyaa 20 ol osoo qoricha daddabarsuun shakkaman murteen du'aa irratti murtaa'eera.

Kuni kanaan osoo jiruu ammallee lammiileen Itoophiyaa dabalataan daangaa irratti jimaafi qoricha dhorkame jedhame osoo daddabarsanii to'annoo jala oolaa jiru.

Baatii Hagayya keessa qofa lammiileen Itoophiyaa 60 ta'an qoricha sammuu hadoochu waliin to'atamuu BBC'n mootummaafi miidiyaalee Sa'udi irraa odeeffateera.