KALLATTIIN, Aangawaan US Pirezidant Shimallis waliin 'dhimma nageenyaa' mari'atan

Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Hogganaan Itti aanaa Dhimmoota Afrikaa Firaank Gaarsiyaa nageenyi carraa invastimantii banuuf waan ijoo barbaachisudha jedhan.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Barana badhaasa Ballon d'Or mo'achuu nan danda'a - Imbaappee

    Kiiliyaan Imbaappee

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Imbaappeen bara dorgommii baranaa tapha afur irratti galchii afur galche

    Jifataan Riyaal Maadirid Kiiliyaan Imbaappee barana badhaasa Ballon d'Or argachuu akka malu hime.

    Taphataan ganna 27 kuni kilabii isaaf taphoota 44 irratti galchiiwwan 42 galcheera garuu waancaa hin mo’anne.

    Waancaa Addunyaarratti garuu galchii 10 galchuun Kophee Warqii fudhateera.

    Walumaagala Waancaa Addunyaarratti 22 galchuun riikardii cabseera. Faransaay garuu osoo waancaaf eegamtuu 4ffaan xumurte.

    Dhimma kana kan gaafatame Imbaappeen isaa badhaasa Ballon d'Or walqabsiisanii namoonni dubbatan akka jiran hime.

    ‘’Tarii barana bara gaariidha [badhaasicha fudhachuuf] garuu namoonni akkuma hubataniin sagalee kennu,’’ jedhe gaazexeessitootaan.

    Taphataan lammii Faransaay kuni badhaasa taphataan hunduu fedhu kana argatee hin beeku.

    Sadarkaan wayyoo inni argate bara 2023 isa 3ffaa bahedha.

    Barana isa dabalatee taphattoonni kanneen akka Haari Keen, Laamin Yamaal fi Roodriin badhaasa kana fudhatuu malu jedhamee tilmaamameera.

  2. MM Abiy du'a abbaa warraa Pirezidantii Tanzaaniyaan gadda ibsan

    Haafid Ameer Hasan Pirezidantii Tanzaaniyaa waliin yeroo mul'atan hin beekamu

    Madda suuraa, TCB

    Ibsa waa'ee suuraa, Haafid Ameer Hasan Pirezidantii Tanzaaniyaa waliin yeroo mul'atan hin beekamu

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad du'a abbaa warraa Pirezidantii Tanzaaniyaan gaddi cimaa itti dhagahamuu himan.

    Obbo Hafid Ameer Hasan osoo yaalamaa jiranii hospitaala keessatti lubbuun isaanii darbe.

    Gadda isaanii hordofee dureewwan addunyaa gadda isaanii ibsan keessaa tokko Ministira Muummee Abiy Ahimadidha.

    MM Abiy maatiifi ummata Tanzaaniyaaf jajjabina akka hawwan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaanii X irratti barreessaniin ibsaniiru.

    Haafid Ameer Hasan Pirezidantii Tanzaaniyaa waliin yeroo mul'atan hin beekamu.

    Pirezidantiin ittaanaa Taanzaaniyaa Diyoogiraatas Injeembii ibsa Wiixata har'aa ibsa uummataaf kennaniin abbaan warraa Pireezidant Saamiyaa Suhuluu, Hafiid Amiir Hasan du'aan boqochuu kan beeksisan.

    Amiir dhibee onneen rakkataa akka turaniifi Wiixata har'aa hospitaalatti otoo yaalamanii lubbuun darbe jedhan pireezidantiin ittaanaa kuni.

    Sirni owwaalcha isaaniis Zaanzibaaritti raawwatameera.

  3. Aangawaan US nageenyi ulaa ijoo invastimantiif karra banuu jedhan

    Pirezidant Shimallis, Aangawaa US Firaank Gaarsiyaafi Finfinneetti ambaasaaddara US Ervin Masiingaa

    Madda suuraa, U.S. Department of State: Bureau of African Affairs

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Shimallis, Aangawaa US Firaank Gaarsiyaafi Finfinneetti ambaasaaddara US Ervin Masiingaa

    Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Hogganaan Itti aanaa Dhimmoota Afrikaa Firaank Gaarsiyaa nageenyi carraa invastimantii banuuf waan ijoo barbaachisudha jedhan.

    Aangawaan olaanaa tibbana Itoophiyaa daawwataa jiran kan kana dubbatan Pirezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa waliin daawwannaa taasisaniini.

    Waajjirri isaanii akka beeksisetti, Obbo Shimallis akkasumas kantiibaa magaalaa Shaashamannee Obbo Adaane T/Giyoorgis waliin Warshaa Oomishaalee Meeshaalee qonnaa daawwataniiru.

    Aangawaan US Obbo Shimallis waliin lafa qonnaa naannawa magaalaa Bishooftuu argamu daawwachuullee waajjirri isaanii ibse.

    Isaan waliinis Itoophiyaatti ambaasaaddarri US Ervin Masiingaa argamaniiru.

    Oomisha qonnnaa ammayyeessuun galtee oomishaalee qonnaa Ameerikaaf gabaa akka banu Gaarsiyaan himaniiru.

    Naannoo Oromiyaa keessumaa gama lixaafi giddugaleessaatti sochii hidhattootaan walqabatee sochiin hawaasaa qormaata keessa jira.

    Mariin kana dura mootummaan marsaa lamaan hidhattoota WBO waliin taasise milkii malee xumurameera.

  4. Itoophiyaan sirreeffamtoota 487 dhiifamaan gadhiifte

    Magaalaa Finfinnee

    Madda suuraa, Getty Images

    Naannoon Giddugaleessa Itoophiyaa sirreeffamtotoa 487 dhiifamaan gadhiisu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

    Kunis, Ayyaana Bara Haaraa Itoophiyaa 2019 gaafa Jimaataa kabajamu sababeeffachuuni jedhameera.

    Kanneen dhiifama taasifameef kanneen murtii argatanii mana amala sirreessaa keessa jiranidha.

    Akka gabaasa FBC'tti, kanneen amala gaarii mul'isan, badii isaaniin kan gaabbaniifi miidhamtoota waliin araara kan buusanidha kan dhiifamaan gadhiifaman.

    Itoophiyaa keessatti keessumaa yeroo Bara Haaraafi ayyaanota tokko tokkoorratti sirreeffamtootaaf dhiifamni ni taasifama.

  5. Gatiin boba'aa torbee keessatti daballii olaanaa agarsiise

    Dhiirota lama qarqara galaanaa taa'an

    Madda suuraa, Reuters

    Ameerikaan Iraan irratti lammata haleellaa banuun booda dabalaa kan dhufe gatii boba'aa Wiixata har'aa akkaan dabaleera.

    Guyyoota darban Ameerikaa fi Iraan dooniiwwan boba'aa fe'anii qaraqara galaana Faarsii keessa darban irra haleellaa banuun lakkoofsi dooniiwaan Ulaa Hormuuz keessa darbanii baayyee hir'ateera.

    Gabaa baha Eeshiyaa har'aan gatiin boba'aa jalqaba torbee darbee Ameerikaan haleellaa jalqabuun dura isa turerraa doolaara 10 dabaleera.

    Wiixata har'aa gatiin boba'aa baarmeela tokko doolaara 97tti siqeera.

    Wal haleeluun Ameerikaa fi Iraan gidduu adeemaa jiru torbee darbe akka haaraatti jalqabuun dura baarmeelli tokko doolaara 86 galee ture.

    Ameerikaafi Israa'el Iraan irratti waraana labsuun as baatii jahaaf gatiin boba'aa dabalaadhuma dhufeera.

    Sababiin ammoo Iraan haleellaa irratti baname hordofuun sararri boba'aan addunyaa dhibbeentaa 20 keessa darbu cufamuu dha.

    Dubbiihimaan Haajaa Alaa Iraan Ismaa'el Baagaay Ameerikaafi Israa'el biyya isaaniirratti ''weerara banuun dura Ulaan Hormuuz banaa ture. Ameerikaan waraana seeraan alaa fi hamaa banuusheen geejjibni idilee galaanarraa akka hin taane taheera,'' jedhan.

    Dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessa darbe haleellaa sodaa dhaabbatanii hafuusaaniin gatii boba'aafi oomishoota kaanii dabaleera.

  6. Abbaan warraa pireezidantii Taanzaaniyaa du'aan boqotan

    Saamiyaa Suhuluu

    Madda suuraa, Getty Images

    Pireezidantiin ittaanaa Taanzaaniyaa Diyoogiraatas Injeembii ibsa Wiixata har'aa ibsa uummataaf kennaniin abbaan warraa Pireezidant Saamiyaa Suhuluu, Hafiid Amiir Hasan du'aan boqochuu beeksisan.

    Amiir dhibee onneen rakkataa akka turaniifi Wiixata har'aa hospitaalatti otoo yaalamanii lubbuun darbe jedhan pireezidantiin ittaanaa kuni.

    Haalli sirna awwaalcha isaanii yeroo dhihootti ibsamas jedhaniiru.

    Hafiid Amiir Hasan hayyuu sirna qonnaa yoo tahan nama gad of qabuun jiraataa turani dha.

    Pireezidantii Taanzaaniyaa Saamiyaa Suhuluu waliin bara 1978tti walfuudhan, kunis pireezidantittiin siyaasatti seenuun dura dha.

    Waliin ijoollee afur- dhiira sadiifi dubara tokko kan horataniiru. Saamiyaan du'a pireezidantii duraanii biyyattii hordofeetu aangootti dhufan.

    Pireezidantittii waliin yeroo baayyee nama hin mul'anne yoo tahu, yeroo tokko tokko taateewwan siyaasaafi biyyaa irratti wajjin mul'ata.

  7. Keeniyaan lammiileen alaa daldala xixiqqoo akka hin hojjenne tarkaanfii fudhachuu eegalte

    Lammiilee biyya alaa Keeniyaa keessatti daldala xixiqqoo irratti hirmaatan

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Keeniyaan lammiilee biyya alaa daldala xixiqqoorratt bobba'aan dhorkuuf tarkaanfii fudhachuu eegalte. Tarkaanfii kanaan biyyooti ollaa yaaddoo kaasaniiru.

    Pireezidantiin biyyattii Wiiliyaam Ruutoo daldalli xixiqqaa daandii irratti hojjetamuufi qinxaaboon lammiilee Keeniyaaf dhiisamuu qaba jedhan.

    Invastimantiin biyya alaa kaappitaala jabaa barbaadu eeyyamamaa tahuu himuun ''lammiileen biyya alaa garuu lammiilee Keeniyaa daldala xixiqqaa qaban wajjin dorgomuu hin qaban,'' jedhe.

    Ministarri Daldalaa Keeniyaa Lii Kinyaanhuuyi lammiileen biyya alaa garii viizaa isaanii akka malee fayyadamaa jiru jedhan.

    ''Viizaa malee Keeniyaa seenuun qacarrii, daldalaafi sochiiwwan kaaniif eeyyama hin kennu,'' jedha ibsi mootummaa.

    Lammiileen biyya alaa daldala irratti bobba'an eeyyama hojii sirrii qabaachuu qabu seera immigreeshinii namni cabse viizaan jalaa haqama jedha mootummaan.

    Pireezidant Ruutoon X irratti ergaa barreessaniin falmii dhimma seera wixinee Local Content Bill yeroo ammaa kana paarlaamaatti dhiyaatee jiru irrattis deebii kennaniiru.

    ''Hojjettoonni lammii biyya kamiyyuu seera,sanadaafi eeyyama guutuu eeguun daldala xiqqaas tahe guddaa irratti bobba'aan seeraan akka eegaman wabii kennina,'' jedhe.

    Seerri wixinee Local Content Bill jedhamu kuni hirmaannaa lammiileen Keeniyaa daldala irratti qaban kan guddisuufi warrii alaa ammoo carraa dabalataa uumuun lammiilee biyya keessaa akka qacaran gochuu irratti kan xiyyeeffatu dha.

    Mootummaan tarkaanfii kanarratti ibsa kennus lammiilee biyya alaa garuu yaaddoorraa hin hambisne.

    Aleeksiis Niitinaanirwaa hogganaa Waldaa Lammiilee Burundii Keeniyaa jiraataniiti, murtoo mootumaa kanaan gammachuu akka hin qabne hime.

    Tahus lammiileen Burundii obsaan akka turan gaafate. Lammiileen Keeniyaallee biyyoota Baha Afrikaa biroo keessatti daldala xixiqaa irratti waan hojjetaniif tarkaanfii kuni dhiibaa biraa qabaachuu mala jedhe.,

  8. Somaliland Itoophiyaatti ambaasaaddara haaraa muudde

    Ambaasaaddar Sharmarke Ahmed

    Madda suuraa, MOFA

    Ibsa waa'ee suuraa, Ambaasaaddar Sharmarke Ahmed

    Somaliland kan Somaliyaa irraa adda bahuun ofiin of bulchaa jirtu ambaasaaddara ishee haaraa Sharmarke Ahmed Itoophiyaatti muuduu beeksifte.

    Ambaasaddarri kunis dippiloomaatii muuxannoo waggaa 15 ol hojii mootummaa fi dippilomaasii keessatti qabuudha jedhame.

    Kanaan duras Itti-aanaa Ambaasaaddaraa SomAaliIland Keeniyaa ta’uun hariiroo dippilomaasii naannichaa irratti hojjetee ture.

    Muudamni ammaa kunis hariiroo siyaasaa fi diinagdee Somaliiland fi Itoophiyaa cimsuu keessatti ga'ee guddaa qaba jedhe ibsi ministirri dhimma alaa Somaliland baase.

    Itoophiyaan Somaliland waliin hariiroo cimaa qabaachuu akka barbaaddu fi keessumaa waliigalteen isheen ulaa galaanaa argachuuf Amajjii 2024 taasifte xiyyeeffannoo guddaa argachuun ni yaadatama.

    Haa ta'uu malee waliigalteen sun mootummaa federaalaa Somaaliyaa irraa mormii cimaa kaasuun utuu hin milkaa'in hafe.

    Somaaliyaan Somaliland kutaa biyya ishee ta’uu fi waliigalteen Itoophiyaa waliin taasifame daangaa fi abbaa biyyummaa ishee kan sarbuu ta'uu himachuun booda Turkii Ankaratti marii araaraa taasisan.

    Somaliland bara 1991 Somaaliyaa irraa adda of baasuun akka biyya walabaatti of labsaa turte. Biyyoota addunyaa keessaas Israa'el yeroo jalqabaaf bara kana beekamtii Somalilaandiif kennite.

    Itoophiyaan beekamtii kennuuf Somaaliland ammoo Ulaa galaanaa Itoophiyaaf kennuuf waligalanis Itoophiyaaan hanaga yoonatti Somaliland akka biyya walabaatti beekamtii kennuu ishee ifatti hin labsine.

  9. Qataar michoota idil-addunyaa qabaattullee humna ittisaa barbaada jette

    Pireezidantii Ameerikaa Donaaldi Tiraamp fi Imiir Tamiim bin Hamad al Taanii

    Madda suuraa, Reuters

    Dubbiihimaan Ministara dhimma Alaa Qataar Ameerikaa waliin michoomni tarisimawaa barbaachisaa tahus, nageenya biyyattii eegsisuuf garuu gahaa miti jedhan.

    Haasaa kora UAE'tti taa'amerratti taasisaniin Ansaariin biyyooti galoo galaanaa michoota idiladdunyaa qabaachuun dabalataa humna ofirraa ittisuu qabaachuu qabu jedhan.

    ''Ameerikaa waliin michooma tarsiimawaa qabaachuun gaariidha garuu gahaa miti,'' jedhan.

    Qataar michoota tarsiimawaa qabaachuu dandeessi garuu dhimma nageenyaa irratti of danda'uu qabdi jedhan.

    ''Dhimma nageenyaa irratti of danda'uun adeems bakka bu'aa hin qabne dha,'' jedhan Ansaariin.

    Jechi isaanii kuni Iraan erga US waraana irratti bante jalqabee bu'uuraalee misoomaa boba'aa fi gaasii Qataar keessa jiran yeroo haleelaa jirtutti dhagahame.

    Haleellaawwan raawwattuun Iraan warshaa gaasii gara dhangala'aatti jijjiiruun alergiif qopheessu irratti qiyyaafachuun dhiyeessii aannisaa irratti yaadoo uumeera.

  10. Ostiriyaan dhorkaa hijaabaa barattoota ganna 14 gadi irra keesse hojiirra oolchite

    Shamarree hijaaba uffattee fuula gargalfattee jirtu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ostiriyaatti manni barumsaa banamuu hordofee seerri barattoonni dubaraaa ganna 14 gadi hjaaba akka hin uffanne dhorku hojiirra ooleera.

    Seerri bahe kuni hijaabaafi burqaa dabalatee uffata mataa haguugu manneen barumsaa mootummmaa fi dhuunfaa keessatti dhorkeera.

    Ministarri Madaqoo Godaantotaa Kilaawudiyaa Baawoor Paartii Koonsarvaatiiv irraa ''haguuggiin mataa mallattoo cunqursaa fi ijoollee dubaraa daa'imummaa irraa mala ittiin to'atanii dha,'' jette.

    Warri qeeqan garuu tarkaanfiin kuni miira farra-Musliimaa biyyattii keessatti kan jabeessuu danda'uufi heeraan ala fa'a tahuu mala jedhan.

    Seerri kuni paartilee sadiin kan dhiyaate yoo tahu ''seerichi wal-qixxummaa koorniyaaf kan dhaabbatuufi mirga ijoollee dubaraa kan eegu dha,'' jedhan.

    Kaarlaa Amiinaa Baahaatii Hawaasa Islaamaa Ostriyaa irraa dhaabbanni isaanii dhorkaa kana akka mormu himte.

    ''Seerichi mirga bu'uuraa bilisummaa amantii kan daangessuufi ijoollee dubaraa Musliimaa addatti kan miidhu dha,'' jette.

    ''Ijoollee walumaagala tiskuu mannaa amatii tokko adda baasuun ijoollee nan eega jedhu adda fooya,'' jette.

  11. Iraan misaa'ela farra doonii yeroo jalqabaaf Ameerikaa irratti fayyadamuu beeksifte

    Doonii waraanaa galaanarra deemu

    Madda suuraa, centcom

    Iraan yeroo jalqabaaf misaa’ela biyya keessatti oomishame, dooniiwwan waraanaa haleeluuf qophaa’e, Ameerikaa irratti fayyadamuu ishee Barreessaa olaanaan Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Iraan Mohsen Rezii himan.

    Gareen Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan kaleessa ibsa baaseen dooniiwwan waraanaa Ameerikaa irratti haleellaa misaa’ela balistikii banuu isaa beeksiseera.

    Haleellaan kun kan raawwatame waraanni Ameerikaa dooniiwwan boba’aa Iraan irratti xiyyeeffachuu fi uggura humna galaanaa biyyattii irratti kaa’uu isaaf deebii kennuuf akka ta’e ibse.

    Mohsen Rezii gaafii fi deebii televizhinii Iraan waliin taasiseen “Sa’aatii 48 darban keessatti yeroo jalqabaaf misaa’ela Iraan dooniiwwan waraanaa haleeluuf qophaa’e qorannee, doonii Ameerikaa tokko irratti itti fayyadamne. Misaa’elli kun Ameerikaa haala ulfaataa keessa galche, naannawa sanaa dirqamaan baqachiisee,” jedhan.

    Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa, CENTCOM, himannaa Iraan kana irratti kallattin deebii hin kennine. Haa ta’u malee, ergaa guyyaa tokko dura miidiyaa hawaasaa X irratti maxxanseen, dooniiwwan waraanaa Ameerikaa lama irratti haleellaan raawwatamuu ibseera.

    CENTCOM, “Ergaan keenya Eegdota Warraaqsa Iraaniif ifaadha. Yoo dooniiwwan keenya irratti dhukaasa bantan kasaaraa dinagdee guddaa isin irratti geessina; dooniiwwan keessan heddu barbadeessina,” jechuun akeekkachiise.

    Ajajichi itti dabaluun, “Humnoota Ameerikaa eeguuf tarkaanfii fudhachuu irraa duubatti hin jennu. Yoo barbaachise, dooniiwwan boba’aa Iraan guutumatti barbadeessina,” jedhe.

    Koreen Eegdota Warraaqsa Iraan Samabata darbe Ameerikaan dooniiwwan boba’aa Iraan sadii ulaa Hormuz keessatti haleeluu ishee beeksise.

    Iraan deebii kenniteen dooniiwwan US waliin hidhata qaban jettu hayyama Iraan ulaa Hormuz keessa darban haleeluu ishee erterti.

    Barreessaan Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Iraan Reziin akka jedhutti, dooniin kamiyyuu seera ykn ulaagaalee Iraan cabsee, osoo Iraan waliin hin mari’atin naannicha keessa yoo socho'e tarree qoqqobbii Iraan keessa galuu danda’a. Kunis rakkoo inshuraansii fi gara fuulduraatti naannicha keessa imaluuf danqaa uumuu danda’a.

    Mohsen Rezii

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Mohsen Rezii
  12. Volkaanoon Indooneezhiyaatti mudate balalii imaltoota 270,000 danqe

    Namoota Daandii Qilleensaa Indoonezhiyaatti danqaman

    Madda suuraa, Getty Images

    Volkaanoo Indooneezhiyaatti mudateen qondaaloti biyyattii buufataaleen daandii qilleensaa saddeet yeroof hojii akka dhaaban ajajuun booda imaltoonni 270,000 danqamanii jiru.

    Buufati Xiyyaaraa Jaakaartaa Sooyekaarnoo Dilbata ganama cufamuun kan jalqabaa yoo tahu kunis daaraan volkaanoo naannoo Anaak Kaarakaataawu irraa dhufu naannoo buufatichaatti qilleensarratti mul'achuun booda dha.

    Ministeerri geejibaa buufatni xiyyaaraa hamma Wiixata ganama sa'atii 03:00 cufamee waan turuuf balaliiwwan 1,558 boodatti harkifatu jedheera.

    Voolkaanoon kuni Jimaata waaree booda dhohuu kan jalqabe yoo tahu walitti fufiinsaan sochii lafaa uumaa, laavaan yaa'aa fi sagaleen dhuka'uu naannichatti dhagahamaa ture.

    Dilbata ganama volkaanoon al lama mudachuu qondaaloti himaniiru.