Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Du'uuf guyyoota muraasa na hafee ture- Ji'oota shan boodayyuu kunoo yeroo gaariin dabarsaa jira
Chaarlii Look gaafa Hospitaalaa gara manaatti deebi'u torbee lama qofa lubbuudhaan turuu dandeessa jedhamee ture. Garuu eegasii amma ji'oota shan lubbuudhaan jira.
Inni dhukkuba hamaa kaansarii sammuutiin dhukkubsatee kan ture. Garuu dhukkubicharra aanuuf guddoo ifaaje. Dhukkubichi itti cimee 'Koomaa' keessa seenees ture.
Haaluma kana keessa ta'ee garuu hiriyaasaa ijoollumaa waliin bultii ijaarrate. Gara Noorweeyitti imaluun abjuu ijoollummaasaa kan ta'e Sar Tiim Bernes Lii akkamitti akka weebsaayitii uume gaaffiif deebii waliin taasiseera.
Dargaggeessa ganna 19 kan ta'e Chaarliin, ammalleen waan hawwu hunda bakkaan hin geenye.haati warraa reefu fuudhe yeroo utaalcha samiirraa (Skydive) irraa yoo buutu hammannaadhaan simachuu fedha.
"waadaan hanga dhumaatti Juudii waliin ta'uuf seeneef akkan cabsetti natti dhagahamee baayyee aareen ture. sekondii nahaftu tokkollee maaf hin taane ishee fi maatiikoo waliin dabarsuun baarbaada" jedha.
Martiyer Taydifil irraa kan ta'e Chaarliin, yunvarsiitii Gilukesteritti waggaa tokkoffaa irratti haala gaariin saayiber sekuriitii barachuun qabxii gaarii galmeessisee iskoolaarshiippii argate.
Rakkoo guddina sammuus waan qabuuf jaalalleesaa Juudii waliin qofaa jiraachuun isaaf bu'uura gaarii ta'eef.
"Wanti tokkichi nayaaddessu yoo jiraate waan mana keessaaf oolu maaltu jira kan jedhu qofa" jedha.
Osoo haala Kanaan jiruu Ji'a Onkololeessaa darbe akka malee dhukkubsatee hospitaala seene.
Qorannoo taasifameen booda kaansarii sammuutiif akka saaxilamee jiru barame. Kaansariin kuni carraan umrii chaarliin irra jiru kanatti namarra gahuusaa garuu gadi aanaadha jedhu doktarri.
"Ogeessi bu'aa qorannoo sana dubbiste waraqaa bu'aa qorannoo sana ilaaltee gogdee hafte. Akki ishiin itti na ilaalte nashororkeesse. Akka bineensa sodaachisaa tokko argiteeti ilaalchishee" jedha haala gaafasii yoo yaadatu.
Kuni oduu haati tokko waa'ee mucaashee olguddataa jiruu dhagahuuf tilmaamte hin turre.
"Guyyaan suni hamaa ture. haalan hamaa" jetti harmeen Chaarlii Keeriin.
Eegasiin booda chaarliin yaaliiwwan baqaqsanii yaaluu, Raadiyooteeraappii, keemooteeraappii fudhate. Haallisaaa garuu hammaachaatuma deeme.
Gurraaandhala 13 ammoo akka malee dhukkubsatee hospitaalatti geeffame. Haallisaa daran ulfaatee 'Koomaa' keessa seene.
"Gorsitoonni wanti isaan jedhan yoo jiraate 'Haalli ittiin deebi'ee ofbaru hin jiru' kan jedhu ture. inni garuu deebi'ee ofbare" jetti Keeriin.
Sa'aatiiwwan muraasaan booda ofbaree siree irraa ka'uuf yaalaa ture. harmeen isaa waan itti aanee ta'e yeroo yaadattu kolfatushee qaba.
"Doktarichi golgaa fooddaa saaqee kompitarasaa qabatee achuma taa'e. achii booda kutaa yaala ariifachiisaa keessa taa'ee dhukkubsataa maakdoonaald guutuu nyaatu argee hin beekun ture jedhe" jetti.
Chaarliin yeroo jireenyi itti dukkanaa'e sana keessa ta'ee garuu waan tokko gochuuf yaada ture. waa'ee jaalalleesaa, juudii yoo dubbatu akkas jedha.
"Argaa duraatiin jaaladhu. Ani guyyaan jalqaba argen akkan ishee fuudhu beekee ture" jedha.
Harmeen isaa Juudiin, jaalalleewwan lamaan warra adda bahanii moti jedhu.
"Yeroo hunda akkanuma" jedhu. Chaarliin ammoo "Yeroo hunda wal dhunganna" jedha.
Akkuma kutaa yaala cimaa keessaa baheen yeroo muraasaan booda kaadhimate.
"Gocha kiyya ishee dhumaa osoo ta'eelleem sifuudheen du'a ture" jedhaan Juudiidhaan.
Jaalalleewwan lamaan torbee lamaan booda cidhaan walfuudhan.
"doktoroonni yeroo baayyee akkan faayidaa hin qabne, akka naaf dhumatee jiru kan natti himan. Akkan dhihootti du'u si'a hedduu natti himan. Ani garuu dafee waanin du'u natti hin fakkaanne. Ergan carraa jiraachuu argadheen isa hubadhe" jedha Chaarliin.
Akka qoosaatti ammoo akkas jedha "Yoon dafee du'eef saamuda Isparmii siif kaa'eera jedhaaniin ture Juudiidhaan. Maatii uummachuun waanin yeroo hunda hawwudha" jedha.
Dhukkubni isaa kuni garuu infeekshinii isatti uumee waan jiruuf hospitaaluma taa'ee akka hordofamuu fi cidha isaatiif guyyaa muraasa akka bahu heeyyamameef.
Inni garuu erga manatti deebi'een booda miira gaarii daran fooyya'aa deemuutu itti dhagahame.
Sababa Kanaan mucaan ganna 19 guyyoota muraasaan booda nudu'a jedhamee ture amma ji'ootaan booda lubbuun jira.
Harmeen isaa Keeriin, waa'ee hospitaala inni itti yaalamee yeroo himan, doktoroonnii fi narsoonni achii baayyee namoota gaarii akka ta'anii fi bakki inni ciisee irratti yaalamu garuu umrii isaatiif kan mijatu akka hin turre himu.
Chaarliin erga manatti deebi'ee Juudii waliin cidha godhatanii walfuudhaniiru, xiyyaaraan balali'ee Norweey deemuun nana hawwiisaa yeroo dheeraa ta'e argatee gaaffiif deebii waliin taasiseera.
Gaaffiif deebii kana garuu qaamaan fuulaaf fuulatti taasisuun fedhiisaa turus sababa dhukkubsachuu isaatiin vidiyoodhaan waliin haasa'an.
"Namootni muraasni wantin ani godhe waan danda'amu akka hin taanee fi ittigaafatamummaan kan hir'ate akka ta'e natti himani " jedha Chaarliin.
Inni garuu ammalleen kaayyoo qaba. Adeemsa dandamannaa isaa hordofuu fi haadha warraasaa Juudiin yeroo samiirraa utaaltu (Skydive) xumurtu ilaaluudha.
Chaarliin tapha samiirraa utaaluu kana gaafa guyyaa dhalootaasaa waggaa 18ffaa kabajatu xumure. Umriisaa keessatti waan hedduu itti gammadee fi hin irraanfanne keessaa tokko akka ta'es hima.
"Du'uu kootiin dura waanin arguu hawwudha. Yaa jaartiikoo gaafa samiirraa balaliitee lafa qubachuuf jettu hammannaa kiyya keessatti of argita" jedha jaartiisaan.