Humnoonni TPLF waraana kaabatti baname kanaan maal shallagatan?

Loltoota TPLF
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TFLP) Dilbata darbe mootummaa Abiy Ahimad diiguuf gareewwan hidhatan biroo jaha waliin tumsa uumuusaa beeksise.

Humni TPLF kun Roobii Fulbaana 23, 2026 ammoo buufatawwan xiyyaaraa sadii naannichatti argaman to'achuu isaanii erga beeksisanii booda balaliin addaan cituun gabaafame.

Guyyaadhuma sana haleellaan nu irratti baname jechuun ofirraa ittisuuf humnoonni isaanii tarkaanfii akka fudhatan ajajneerra jechuun isaanii gabaafameera.

Mootummaan Itoophiyaa garuu humnoonni Tigraay Kibba Walloo keessatti haleellaa banuu himuun, haleellaa kana qolachaa jiraachuu Kamisa Fulbaana 24, 2026 beeksise ture.

Raayyaan Ittisa Biyyaa ibsa miidiyaa hawaasaa irratti baaseen, humnoonni Tigraay halkan gaafa Kibxataa naannawa barii jala Iizii Kaaba Bahaatti haleellaa raawwachuu isaanii ibseera.

Humnoonni Tigraay gama isaaniin, tarkaanfii waraanaa kan fudhatan humnoonni mootummaa dursanii haleellaa erga isaan irratti raawwatanii booda ofirraa ittisuuf ta'uu ibsan.

Haata'u malee, Gorsaan Ministira Muummee Itoophiyaa Getaachoo Raddaa ibsa fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti baaseen, Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) naannolee Affaar fi Amaaraa keessatti humna mootummaarratti waraana baneera jechuun himate.

"Aanga'oonni TPLF har'a ganama guutummaatti haleellaa raawwachuun naannolee Affaar fi Amaaraa keessatti mootummaarratti waraana bananiiru," jedhe Obbo Getaachoo Raddaa.

Ameerikaa fi biyyoonni Lixaa waraanni kaaba Itoophiyaatti deebiyee ka'uu isaatti gadduun akka dhaabbatuuf gaafatan, waraana kana TPLF jalqabuu himan.

Waliigaltee Piritooriyaa waraana waggoota lamaaf dhiiga hedduu Tigraay keessatti dhangalaase dhaabsiseen booda bulchiinsi yeroo ce'umsaa hundaa'ee hanga tokko naannicha keessatti sagaleen meeshaa callisee ture.

Haata'u malee, ji'oota sadii dura pirezidantii mootummaa ce'umsaa naannoo Tigraay L/Jeneraal Taaddesee Warradee mootummaan federaalaa aangoosaa waggaa tokkoof dheeressuun booda humnoonni TPLF aangoorraa erga isa ari'anii haalli naannicha keessa jiru daran hammaataa dhufe.

Kaabineen TPLF Dr. Dabretsiyon Gabremikaa'eliin durfamu erga aangoo humnaan qabatee kaasee sochiin taasifamaa tures gaarerfannaan ture akka lafarratti gara walitti bu'iinsaatti ce'uu malu mallattoon akeekan turaniiru.

Ofii TPLF maal abdatee, yaadee 'waraana bane'?

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Dr. Nagaraa Guddataa hayyuun Saayinsii Siyaasaafi xiinxalaa dhimma Baha Afrikaati.

TPLF waraana marsaa ammaa kana kan jalqabeef sababoota mataa isaa ni qabaata, garuu sababoota isaan kaasan kun fudhatama kan qaban ta'uu dhiisuu danda'u jedha.

Kun qorannoo biraa kan gaafatu ta'a kan jedhu Dr. Nagaraan, akka ilaalcha isaatti garuu TPLF waraana akka kaasuuf wanti isa kakaase jedhu qabxii ijoo itti aanan kanneen tarreessa.

Tokkoffaa garagarummaan waraanaafi siyaasaa keessoo isaatti waan uumameef, yeroodhaa gara yerootti ijaarsi isa dadhabaa dhufeera. Kanaaf, waraana kanatti loltootas, hawaasas kakaasee fudhatamummaa dura qabu deebisuuf akka ta'edha kan natti mul'atu jedha.

Inni lamaffaan, dhimmi waliigaltee Piritooriyaa waliin wal qabatus ni jira. Sunis rarra'eeti kan jiru. Naannoleen dura TPLF jala turan hedduun bakkeewwan akka Walqaayit gama Lixaan, Raayyaa gama kibbaan ammayyu humnoota Amaaraatiin kan qabatamanii jiran. Kanaaf, sanallee deebisuuf ta'a waraana kana jalqaban.

Kan biraan ammoo, sagaleenumti isaaniiyyu akka dhaga'amu gochuufidha. Hawaasa addunyaa biratti akka dhaga'amaniifi jirra jechuumaaf jedhanii ta'uu danda'a. Garuu irra caalaan isaa TPLF humni waraanaa isaa bakka lamatti foxxoqee, humni siyaasa isaas bakka lamatti foxxoqeera.

Dhageettii inni ummata biratti qabus, daayaasporaa dabalatee qabus hir'ataa waan dhufeef waraana kana maqaa ummata Tigraayiin labsee fudhatamummaa isaa duraanii deebisuudhaaf natti fakkaata jedhe Dr. Nagaraa Guddataa.

Waliigalteen tooftaa humnoota mootummaa federaalaa waliin godhes akka humna jabinaatti gargaareera ta'uu danda'a kan jedhu hayyuun Saayinsii Siyaasaa kun, walitti mufannaan Itoophiyaa gidduu jirullee TPLFf akka humnaatti gargaaruu danda'a jedhee akka yaadu ibsa.

Hidhattoonni mootummaa morman tokkummaa tolfachuun hangam mootummaa federaalaatiif yaaddessaadha gaaffiin jedhu Dr. Nagaraaf dhiyaateera.

Dhimmichi nageenya biyyaalessaa waan ilaallatuuf mootummaa osoo kanarratti deebii kennee irra caalaa gaaruu ta'uu himuun, akka nama tokkootti gaafa ilaalu garuu ijaarsi kun tokkoffaa, toora ajajaa (chain of command) mataa isaa hin qabu.

Warreen wal ijaaran kun akkaataa teessuma lafaatiinis walirraa fagoodha. Fakkeenyaaf, Tigraay fi Oromiyaa; Waraanni Bilisummaa Oromoo Oromiyaa keessa kan socho'u, TPLF ammoo Tigraay jira.

Lamaffaa ammoo jarri ilaalcha [Ayidooloojii] garaa garaa qabu. "Yaada siyaasaa, qoor-qalbii siyaasaa garaa garaa waan qabaniif sadan isaaniiyyu humna waraanaa waloo ijaaranii mootummaa Itoophiyaatiif danqaa cimaa ta'u jedhee hin yaadu ammatti".

"Akkan yaadutti TPLF waraana amma bane kana ittiin humna jabaachuuf waan walitti qabe fakkaata. Faannoon Oromoo fi Oromiyaa diiguufi balleessuu barbaada, sirna durii ijaaruu barbaada.

Waraanni Bilisummaa Oromoo ammoobirmadummaa Oromiyaa argamsiisuudhaaf karaa itti fakkaate qabsaa'a. Warri TPLF ammoo yoo danda'an ol aantummaa isaan duraan ture deebifachuudhaaf, yoo dadhabame ammoo biyya mataa isaanii ijaaruudhaaf qabsaa'u.

Kanaaf, wanti teessoo tokkorra isaan kaa'u yoo jiraate diina waloo qabaachuu qofaadha," jechuun ibsa Dr. Nagaraan.

Ijaaramni humnoota mootummaa mormanii kan ammaa kun isa jalqabaa akka hin taane kan yaadate Dr. Nagaraan, kanaan dura yeroo waraana kaabaa tures paartileen sagal biyya alaatti tumsa tolfatanii turan garuu "wanti sun lafa hin dhaqe hin beekamu' jechuun kan ammaa kunis iriguu akka hin geenye xiinxala.

Akka Dr. Nagaraan ibsutti taanaan, gurmaa'inni akkasii kun yeroo baayyee 'na argiidhaa' [Show] qofaafi miidiyaarra darbee lafarratti qabatamaan carraan itti bu'aa buusu danda'u akka hin jirredha.

Gorsaa Perizdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi miseensa mana-maree bakka bu'oota ummataa kan ta'an Birgaadir Jeneraal Hayiluu Gonfaa yaada Dr. Nagaraa kanarratti waliif galu.

Akka qondaalli kun jedhanitti waligaltichi, ''qilleensa qofarra jira.''

Jeneral Hayiluun '' tumsa waligaltee siyaasaa hin qabne qabatanii lagayyuu waliin ce'uu hin danda'anii'' jedhu.

Akkuma hayyuun siyaasaafi xiinxalaan Afrikaa Bahaa Dr. Nagaraan jedhe, Jeneraal Hayiluunis, hidhattootni kun qofa qofaatti lolanis waliin lolanis mootummaaf yaaddoo akka hin ta'in dubbata.