Buufataalee xiyyaaraa Kombolchaa fi Laalibalaatti balaliin adda cite

Buufata Xiyyaaraa Laalibalaa
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Guyyaa har'aa Fulbaana 28, 2026 balaliin gara Kombolchaatti akka hin jirre jiraattonni magaalattii lama BBCtti himan.

Balaliin gara Laalibalaa torbee darberraa eegalee addaan citee ture hanga har'aatti akka hin eegalamne jiraattonni himaniiru.

Jiraattonni nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan, buufata xiyyaaraa Kombolchaa '' seenuun hin danda'amu'' jedhan.

BBC'n hogganaa komunikeeshinii daandii xiyyaaraa irraa deebii kan gaafate yoo ta'u, dhimmicha irratti ibsa bal'aa kennuurraa of qusataniiru. ''fuula miidiyaa hawaasaa keenya irratti odeeffannoo ni kennina'' jedhaniiru.

Hanga ammaatti ibsi daandii xiyyaaraa Itoophiyaarraa kenname hin jiru.

Torban darbe hidhattoonni ABBUT(TPLF) buufata xiyyaaraa naannichaa sadii erga to'atanii booda "yeroo hin murtoofneef" balaliin addaan citee ture.

Jiraattonni Kombolchaa balaliin kun maaliif akka haqame sirriitti akka hin beekne, garuu ammoo ''haala qilleensaa wajjin kan wal hin qabanne'' ta'uu BBCtti himaniiru.

Jiraattonni Laalibalaa lama yaada kennaniin hanga har'aatti balaliin akka hin eegalamne himaniiru.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Magaalattii keessatti walitti bu'iinsi akka hin jirre kan dubbate jiraatan tokko, naannoo buufata xiyyaaraa Laalibalaatti ''hojjetoonni nageenyaa hedduun'' akka jiran dubbataniiru.

Itti dabaluunis, "lammiileen biyya alaa 50 ol" Laalibala daawwachuuf deeman torbee darberraa eegalee balaliin isaanii addaan citee waan tureef gara Finifnnee deebi'uuf rakkachaa akka jiran himaniiru.

Lammiileen biyya alaa karaa qajeelchitoota daawwannaa adda addaatiin gara Laalibalaa deeman irra caalaan isaanii lammiilee Ameerikaa fi Israa'el akka ta'an himaniiru.

Jiraataan magaalaa Laalibalaa BBC waliin dubbate tokko akka jedhetti, torbee darberraa eegalee balaliin addaan citu himeera. Itti dabaluunis imalli konkolaataa hin jiru jedhe.

"Amma wanti dhaga'amu hin jiru. Callisaadha. Kaleessa irraa eegalee dhukaasni tokkollee hin jiru. Kaleessa ganama dhukaasni cimaan ture. Amma magaalattiin nagaa qabdi," jedhe.

Amma haalli jiru "callisaadha" jechuun ibsanis, "waraana keessa yeroo kam maaltu akka ta'u hin beekamu" jechuun sodaa isaa ibseera.

Jiraataan kun itti dabaluudhaan gara Laalibalaatti imalli konkolaataa akka hin jirre dubbateera.

Kaaba Itiyoophiyaa keessatti walitti bu'iinsi deebi'ee ka'uu hordofuun, Baankiin Daldalaa Itoophiyaa yeroo muraasa booda tajaajila kan dhaabe yoo ta'u, baankonni biroos "hanga birrii kuma 5" dhiyeessaa kan turan yoo ta'u, amma qarshii tokkollee baasuu hin danda'an.

"Amma baankonni hundi dhaabbataniiru. Namoonni moobaayil baankiing fayyadamaa jiru," jedhan.

Aanga'oota naannoo fi damee baankii irraa deebii argachuuf BBC'n yaaliin godhe hin milkoofne.

Akka jiraataan magaalaa Laalibalaa dubbatetti ayyaanni Masqalaa kaleessa nagaan kan kabajame yoo ta'u, har'a hanga sa'aatii laaqanaatti haalli tasgabbaa'aan ni jiraata jedhamee eegama.

Garuu haalli guyyoota sadan kaleessa duraa ''baay'ee hamaadha'' jedheera.

"Sagalee guddaa fi rifachiisaa dhukaasa meeshaa waraanaa cimaa bakka kamirraayyuu Laalibala keessaa dhaga'uu dandeenya turre. Lolli kun Laalibalaa keessaa osoo hin taane magaalattii ala ture."

Nageenyi kaleessaa fi har'a ture jiraatus, nagaan hanga yoomiitti akka turu beekuu dhabuun sodaa isaanitti dhaga'ame ibsaniiru.

Miseensi Waldaa Opereetota Tuuriizimii kan biraa fi ogeessi damee turizimii waggoota kurnaniif hojjataa ture BBCn dubbise torbee darberraa eegalee balaliin akka hin eegalamne dubbataniiru.

Turistoonni gara Laalibelaatti imaluuf karoorfatan guyyoota darban keessa karoora hoteelaa fi daawwannaa haquu himaniiru.

Turistoota "gara 40" ta'an konkolaataan daawwannaadhaaf gara magaalatti deeman gara Kombolchaatti erguu isaanii himaniiru.

"Isaan lammiilee Faransaay, Jarman, Poolaandi, Israa'eel of keessatti qabatu. Kaan isaanii kaleessa kaan ammoo har'a konkolaataan gara buufata xiyyaaraa Kombolchaatti erginee turre. Kombolchaa irraa gara Finfinnee deemuu qabu," jedhan.

Haa ta'u malee jiraattonni magaalaa Kombolchaa BBC waliin haasa'an guyyaa har'aa buufata xiyyaaraatti balaliin akka hin jirre himaniiru.

Jiraataan kun itti dabaluudhaan, "Baankonni hundi maallaqa hin qaban. Guyyoota afran darbaniif maallaqni akka dhumu fi maallaqni baankonni kennan xiqqaadha jedhameera, kunis sodaa uumeera."

"Waraanni guddaan nu miidha, diinagdees waraana kanaan ni miidhama. Meeshaaleen hundi badeera ni jedhama; gatiin meeshaalee halkan tokkotti samii ol ka'a," jedhan.

Yeroo ammaa magaalattii keessatti "yakki hin jiru" osoo jedhan, itti aansee maaltu akka ta'u hin beeknu jedhan.

"Waggoota 5n darbaniif qilleensa waraanaa jalaa miliquu hin dandeenye. Ani nama waraana darban argedha. Nama abdii kutatee nageenyi ni jiraata jedhu ta'us, nagaan jira yeroo jennu mata duree irra deddeebi'amee mul'atu ta'eera. Instinct qofaan jiraachaa jirra. Boriif karoorfachuun hin danda'amu."

Lolli mootummaa federaalaa fi humnoota Tigraay gidduutti haaromfame itti fufee kan jiru yoo ta'u, naannoo daangaa naannoo Amaaraa fi Affaaritti lola gaggeeffamaa jira.

Tigraay keessatti sararri bilbilaa fi intarneetii Itiyoo Telekoom addaan citee daldala fi dabarsuu maallaqaa irratti jeequmsa guddaa uumeera.