KALLATTIIN, Iraan waraanni kan dhaabbachuu danda'u ''marii qofaan'' jette

Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii waraanni Ameerikaa waliin gaggeessaa jiran kan dhaabbachuu danda'u ''yoo mari'atanii waliigalan qofa'' akka ta'e ibse. Marii kana ilaalchisee ibsi Tiraamp akkuma jirutti ta'ee, garuu US fudhachuu dhabuu ishee mariisistoota irraa kallattiin ergaan darbe hin jiru jedhe qondaalli Iraan kun.

Guduunfaa

  • Iraan waraanni kun dhaabbachuu kan danda'u ''marii qofaan'' jette
  • Yaada marii dhihaate fudhachuu dhabuun US mariisistootaan kan mirkanaa'e miti jedhe qondaalli Iraan
  • Duraan Pirezidant Doonaald Tiraamp Ulaan Hormuuz banamuu mormuu hordofee mariisistoota irraa deebii akka eegdu Iraan ibsitee turte
  • Dr Abrahaam Balaay Komishinira Komishinii Annisaa Niikuleera Itoophiyaa ta'uun muudame
  • Afrikaa Kibbaatti haleellaawwan lama sa'atii muraasa keessatti raawwatamaniin namoonni 27 ajjeefaman
  • Odeessaalee karaa Marsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Waraanni kun kan dhaabbatu marii qofaani- Iraan

    Abbaas Araagchii

    Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii waraanni Ameerikaa waliin itti jiran kan dhaabbachuu danda'u ''marii qofaan'' ta'uu ibse.

    Yaada marii dhihaate fudhachuu dhabuun US mariisistootaan kan mirkanaa'e miti jedhe qondaalli Iraan kun.

    Duraan Pirezidant Doonaald Tiraamp Ulaan Hormuuz banamuu mormuu hordofee mariisistoota irraa deebii akka eegdu Iraan ibsitee turte.

    Tiraamp karoora Ulaa Hormuuz banuu Iraan dhiheessite kuffisee ture.

    ''Yaadi Iraan dhiheessite fudhatama hin qabu,'' jedhe Tiraamp wayita Waayit Haawusitti gaazexeessitootaaf ibsa kennu.

    Iraan guyyoota torba keessatti dhimma Ulaa Hormuuz irratti akka waliigalteerra ga'amu kan barbaaddeef ''akka malee waan injifatamteef,'' jedhe Tiraamp.

    Abbaas Araagchii gama Tiraampiin karoorri kun kufaa ta'uu akka quba qabu ibsuun, garuu hanga Waashingitan dhimma kanarratti ifatti deebii kennitutti akka eegan ibse.

  2. Akkam jirtu?

    Tamsaasa kallattii keenya eegalleerra. Dhimma waraana Iraan irratti xiyyeeffanna.

    Dhimmoota biyya keessaa fi alaa irrattis odeeffannoo jiran isin biraan geenya.

    Nu faana turaa!

    Tamsaasa kallattii armaan duraa irraa odeeffannoo argachuuf asiin seenaa!