Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
MM Abiy heerri Itoophiyaa fooyya'uu akka danda'u akeekan
Ministirri Muummee Abiy Ahimad heera Itoophiyaa irratti jijjiiramni jiraachuu akka malu akeekanii dubbatan.
Bulchaan Itoophiyaa kan kana dubbatan sirna baniinsa yaa'ii xumuraa Marii Biyyaalessaa Finfinneetti eegaleerrattidha.
Komishiniin Marii Biyyaalessaa waggoota afran darbaniif dhimmoota ijoo biyyaalessaa irratti ajandaa walitti qabataafi namoota mari'atan erga filaa turee booda ALI Adoolessa 08, 2018 Finfinneetti yaa'ii kan eegale.
Sirna baniinsa yaa'ii kanarratti haasaa kan taasisan Ministirri Muummee Abiy Ahimad heerri Ameerikaa akkatti wixineeffameefi yeroo tajaajilaa ture waabeffachuun Itoophiyaanis heera namoonni ittiin waliigalan qabaachuu akka qabdu ibsaniiru.
Heerri Ameerikaa namoota 55'n barraa'uufi namoonni kuni ''hojii waggaa 100 turu hojjetaniiru,'' jedhan.
Dabaluunis, ''namoonni keenya kuma afur isaan caalaa bilchinaan, marii Itoophiyaa hunda walitti qabu yoo godhan heerri qabaannu kana dura akka barre kan dhufe hundu kan addaan ciru osoo hin taane nuti kuma afuriin [hirmaattota] eegalleerra, kuma kudhaniin [fuula duratti] osoo mariin hin taasifamiin namni tokkollee jijjiiruu hin danda'u jechuudha,'' jechuun dubbataniiru.
Yaa'ii hirmaattonni kuma afur irratti argaman kanarratti heerri Itoophiyaa waggoota 30 olif hojiirra oole kanneen akka ajandaatti qabaman keessaati.
Dubbiin Ministira Muummee Abiy Ahimadis fooyya'iinsi heeraa jiraachuu akka danda'u akeekeera.
Bu'aa Marii Biyyaalessaa kanarraa argamu bu'uura gochuun heera biyyaa irratti fooyya'iinsi erga taasifamee booda jijjiiramni taasifamu salphaa akka hin taane dubbatan.
Ministirri Muummee Abiy ''nuti waggoota afran mari'anneerra [sirni fuula duratti dhufu] waggoota saddeet osoo hin mari'atin jijjiiruu hin danda'u jechuudha,'' jedhaniiru.
Dhimmoota seenaafi kaan kan kaasan Ministirri Muummee Abiy Itoophiyaa keessatti wayi yeroo dhagahamu biyyoonni lafa dhokatanirraa kan dammaqan, jibba waggootaaf ture qaban akka jiranis himan.
''Seenaa Itoophiyaa Gundeetii hanga Guraa, Adawaatii hanga Maayicaw, Kaarraa Maarraa hanga Baadimmee tokkoon tokko osoo qoratame yeroo ijaarru kan riphan, yeroo wal falminu yeroo eeganii gidduu seenaa fedhii keenya akka hin raawwanne humnoonni godhan jiru,'' jedhaniiru.
Haasaa isaaniin ''osoolee seenaa durii dhiifne dhihoo akkatti Galaana Diimaa dhabne agarsiistuu taatee seenaa badaa kanaati,'' jechuunis himan.
Itoophiyaan ''bara kumaatamaaf'' Galaana Diimaa abbummaan bulchaa turte jedhan kan dhabde mootummaa ''hin filamneefi hin mari'anneen'' akka ta'e himan.
Kunis, ''shiraan'' biyyattii ''hidhamtuu ji'ogiraafii godheera'' jedhaniiru.
Ministirri Muummee Abiy dubbii kanaan Itoophiyaa irratti barootaaf miirri jibbinsaa adda hin cinne qabu biyyoota jedhan maqaan hin dhoofne.
Haa ta'u malee, Itoophiyaan fedhii Galaana Diimaa irraa qabdu irra deddeebiin yeroo ibsitu hariiroo Ertiraa waliin qabdu muddama seeneera.
Dhimma Hidha Abbayyaan Itoophiyaa waliin muddama kan seente Masriinis Ertiraa waliin michummaa ishee cimsitee itti fufteetti.
''Itoophiyaan bara kumaatamaaf kan bulchite abbummaan kan qabatte ofiisi naannichis akka itti fayyadamu kan ol keesse Galaana Diimaatiin mootummaan hin filamne mootummaan hin mari'anne shiraan Itoophiyaa hidhaa ji'oogiraafii jala akka galchu wanti ijoo godheef dadhabina keessoo qabnudha malee humna fedhii Itoophiyaa kabachiisu waan turef waan jiruuf waan jiraatuuf miti.''
MM Abiy dubbii isaanii har'aan ''yeroo hunda fedhii keenya dabarsinee kan kan kenninu arraagessa yeroo ijaarru hin turre yeroo wallollu samiirra marsan'' waan jiraniifi jedhan.
Arraagessa samii Itoophiyaarra naanna'anif jedhanii ergaa dabarsaniin ''horii filannee kan binnu nuyiidha. Abbaa qircaa kan filatu nuyidha.
''Waan nurraa hafe waan barbaannu yoo ta'e malee arraagessi kamuu madaba foonii irratti foon kiiloo tokko fudhachuu akka hin dandeenye isinii mirkaneessuu nan barbaada,'' jechuunis himan.
Itoophiyaa keessati siyaasaan "humnaan eegalamee humnaan goolabama" kan jedhan MM Abiy "okkola kana yeroo dhumaatiif dhaabsisuun barbaachisaa dha" jechuun hubachiisan.
Iccitiin Itoophiyaa jabeessee tursiise marii jaarsummaa, dhiifamaa fi beenyaa (gumaa) ta'uu eeraniiru aadaan marii fi dhiifamaa kun Itoophiyaan akka hin raafamne himan.
Gulantaa xumuraa marii biyyaalessaa galma Konveenshin seentarii Finfinnee keessatti eegalame kanarratti lammiileen Itoophiyaa kuma afur ta'an naannolee, godinaalee fi aanota akkasumas biyyoota garaagaraa irraa dhufan garaagaraa irraa ni hirmaaatu.
Hirmaattonni kunneen marii ji'a tokkoof garee gareetti qoodamanii mari'achuun dhuma walgahichaa irratti yaada waliigalaa komishinii marii biyyaalessaaf akka dhiyeessan Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Prof. Masfin Arayaa BBC'tti himaniiru.
Baniinsa gulantaa xumuraa marii biyyaalessaa kanarratti MM Abiy Ahmad, qondaalonni waraanaa, bakka bu'oonni Gamtaa Afrikaa fi IGAD akkasuma pirezdantiin Naayijeeriyaa Oliiseegun Obaasaanjoo argamaniiru.