Intalli Kiim umriinshee 13 bulchituu Kooriyaa Kaabaa ta'uufii?

Ibsa waa'ee viidiyoo, Intala Kiim Ju Ae fi abbaa ishee
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Hogganaan Kooriyaa Kaabaa kora paartii irratti Kooriyaa Kibbaa doorsiseera. Qoqqobbi jala kan jiraniin sagantaa misooma niwukilariis babal'isuuf daadhateera Kiim.

Gaaffii jabaan intalli isaa waggaa 13 bulchituu Kooriyaa Kaabaa itti aantu taatee aangoo abbaa ishee ni dhaaltii? kan jedhu dha.

Gaaffiin kun ajandaa isaa hin turre torban kanaaf.

Garuu intalli lafaa dhufti bulchaa biyya uummata miliyoona 25, fi maatiin isaanii waggoota kurnan hedduu aangoo biyyattii dhaalaa turan kanaa bulchituu taati moo kan jedhu falmii ta'eera.

Kongiresiin paartii, walgahii ijoo hoggantoota Kooriyaa Kaabaa waggaa shan shaniin taa'amuu fi Kiim Kooriyaa Kibbaa fi Waashngtaniif ergaa itti dabarsu jedhama.

Garuu ajandaan miilanaa jijjiirameera. Torbanoota dura ejensiin tikaa Kooriyaa Kibbaa intalli Kiim aangoo abbaa ishee akka dhaaltuf filamuuf miseensota paarlaamaatti himee ture. Isheen dhimmoota imaammataa irratti yaada kennaa jiraachuun immoo agarsiistuu waan kanaati.

Abbaashee waliin miidiyaa mootummaa irratti mumul'achaa jirti. Waayee ishee wanti beekamu muraasa. Kooriyaan Kaabaa maqaa fi umrii ishee kaaftee hin beektu.

Jiraachumti ishee kan beekame taphataan kubbaa Kachoo beekamaan Dennis Rodman bara 2013 Piyoongyaang erga daawwatee, maqaa ishee The Guardian'tti erga himee booda. Mucayyoo waggaa 13 akka taate ragaaleen intelejensii tilmaamu.

Ragaaleen ejensii tikaa Kooriyaa Kibbaa obboleessa hangafaa akka qabdu akeeku. Ragaa guutuu waayee isaa hin kaasan.

"Kun kufaatii basaasaa ti" jedha xiinxalaan dhimmoota Kooriyaa Kaabaa fi pireezdaantii itti aanaan Institiyuutii Sejong Cheong Seong-chang fi intalli Kiim Jong Uun akka aangoo abbaa ishee dhaaltu kan deeggaran keessaa tokko kan ta'e.

Cheong fi xiinxaltoonni kuun akka amananitti Ju Ae intala hangafaa akka taatee fi quxisuu waggaa sagalii akka qabdu amanu.

Isheen yeroo jalqabaatiif kan mul'atte bara 2022 abbaa ishee faana harka abbaa ishee qabachuun wayita Misaayeloota Kooriyaa Kaabaa haaraa to'atu dha. =

Ju Ae abbaa ishee waliin wayita Isnaayipparii dhukaaftu

Madda suuraa, KCNA

Ibsa waa'ee suuraa, Ju Ae abbaa ishee waliin wayita Isnaayipparii dhukaaftu
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Cheong mucayyoon tun yeroo TV mootummaa gubbaatti mul'attu walakkaa foddaa TV irra ture suurri ishee. Kun "Ijoollee kabajaa" kan ishee fakkeessee fi agarsiiftuu sirrii aangoo abbaa ishee dhaaltuu ti jedha.

"Miidiyaan mootummaa jecha hogganaa olaanaa biyyattii ittiin ibsu fayyadamaafii jira. Maqaa ishee olkaasaa jraachuu akeeka."

Waraana biyyattiitti dhiyeenyi isheen qabdu mallattoo kan biraa ti, jedha Cheong.

Loltootaa fi meeshaa waraanaa abbaa ishee waliin ta'uun yoo to'attu mul'ateera. Jeneraalonni waraanaa hedduun wayita isheen abbaa waliin teessee agarsiisa waraanaa ilaaltu jilbiiffatanii yoo gurratti ishee hasaasan mul'ateera.

Aangoon Kiim kan to'annoo waraanaa isaa keessa jira jedha Cheong.

Intalli isaa aangoo isaa Ju Ae dhaalti yoo ta'e, akka ajajjuu waraanaa amanamtuutti mul'achuu qabdi.

Wayita abbaa ishee waliin jaakkeettii gurraa leezarii fi qizaaza ijaa aduu keewwattees mul'atteerti.

Kiim Joong Uun ofii isaa aangoo abbaa isaarraa dhaale. Kun tasa waan mul'ate ture. Abbaan isaa du'uu dursee waggaa tokko dura ture kan ummatatti mul'ate.

Cheong akka amanutti Kim muddama cehumsa aangoo akkasii hambisuuf intala isaa mul'isaa jira.

Kiim Joong Uun ulfaatina qaamaa, tamboo aarsuu fi dhugaatii baay'isuurraa kan hafe rakkoo fayyaa qabaachuu isaa ragaan tokkollee hin jiru.

Kiim garuu gaaga'ama aangoo fudhachuurratti dhalachuu malu hambisuuf dursee intala ofii qopheessaa jiraachuu danda'a jedha.

Qondaalli duraanii Kooriyaa Kaabaa Ryu Hyun-woo garuu hiree dubartiin Kooriyaa Kaabaa bulchuu baay'ee xiqqaa dha jedha.

Ryu, ganee bara 2019 gadhiisuu isaa dura dippiloomaatii ture, akka seera Kooriyaa Kaabaa, kan maatiin Kiim qopheesseetti, namni biyyattii hogganu hidda dhaloota Paektu irraa ta'a. kana jechuun maatii hundeessaa biyya Kooriyaa Kaabaa Kim Il Sung jechuu dha.

Ju Ae hidda dhaloota maatii kanaa taatus hawaasa Kooriyaa Kaabaa kan dhiirri mataa itti ta'e keessatti isheen aangoo biyya bulchuu ni dhaalti jedhanii yaaduun shakkisiisaa dha jedha.

Ju Ae abbaa ishee waliin wayita misaayela hordofan (Amajjii 2026)

Madda suuraa, KCNA VIA KNS via AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Ju Ae abbaa ishee waliin wayita misaayela hordofan

Dubartoonni Kooriyaa Kaabaatti dhiiraan wal qixa hin ilaalaman. Aangawoonni dubartii muraasa. Ajajoonni waraanaa immoo akka malee muraasa.

Piyoongiyaangi keessatti, hojjettoonni taaksii dubartoota jalqaba hin keessummeessan, sababni isaas barmaata amantaa badaa (milkii gaarii miti) jedhanii waan yaadaniif dursa dubartii hin fe'an jedha Ryu.

"Yoo kana godhan imala isaanii fixanii booda konkolaataa isaanii duuba goranii al sadi hancufa tufuun milkii badaa san hanqisu" jedha.

Sababa kanaaf akka Ryu amanutti Ju Ae aangoo abbaa ishee dhaaltee biyya bulchiti yaada jedhu hin qabu.

Akka inni yaadutti yoo kun ta'e rifaatuu jabaa uumuu danda'a, "ajajoonni waraanaa mataan isaanii yoo dubartiin biyya bulchite abbaan fedhe bulchuu danda'a jedhanii waan yaadaniif fonqolcha mootummaa raawwachuu danda'u".

Akka ilaalcha Ryu'tti Kim intala isaa miiidiyaarra kan naannessu ilaalcha abbaa irrummaa isaarratti namni qabu jijjiirumaafi. Dhaalli aangoo sanyii ammallee akka jirummoo akeekufi.

Garuu, tika Kooriyaa Kibbaa dabalatee kuun yaada biraa qabu.

Akka namni tokko jedhutti, gulantaan dubartoonni Kooriyaa Kaabaatti qaban Arduos March kan jedhamu beela 1990 booda tarkaanfii fagoo deeme. Barri sun yeroo diinagdeen Kooriyaa Kibbaa kufee ture.

Dubartoonni hojiiwwan mootummaan dhorkaan irra kaayamee hojjechuu jalqaban, kaffaltiin isaanii gad aanaa ta'us, dubartootatu maatii isaanii jiraachisa. Daldala hedduu banan, gabaa al- idilee keessatti hirmaachuun meeshaa gurguruu ykn daldala seeran alaa keessattis hirmaatu.

Song Hyun-jin, lammiilee Kooriyaa ganan keessaa kanneen 120 ta'aniif waayee hoggansa dubartootaa irratti gaaffii fi deebii tolche.

Yeroon dubartoonni warshaa hogganuu keessa hafan, teessoo paartii Kooriyaa Kaabaa irraa dhabamanis ni hafa jedhe.

Waggoota dhiyoo, TV Kooriyaa Kaabaa irratti dhiironni uffata mana alwaadaa uffatanii hojii mana keessaa yoo hojjetan baay'ee mul'ata. Kun jijjiiramni jiraachuu akeeka.

Dhiironni Kooriyaa Kaabaa yoo nyaata dhiyeessan ( KCTV)

Madda suuraa, KCTV

Ibsa waa'ee suuraa, Dhiironni Kooriyaa Kaabaa yoo nyaata dhiyeessan ( KCTV)

Ju Ae abbaan ishee murteessinaan dubartii ta'uun ishee aangoo abbaa ishee dhaaluu irraa waan ishee daangessu miti jedha Song.

Maatiin isheen keessaa baate, akkaataan itti guddachaa jirtu hoggana biyya Kooriyaa Kaabaa taatee fudhatamuuf gahaa dha.

"Kooriyaa Kaabaa ilaalcha (loojikii) keenyaan madaaluu hin dandeenyu. Akka daayinaastii Joseo'tti isaan yaaduu qabna jedha Mootii Kooriyaa bara meedivaalaa yoo yaadachiisu.

"Nama hidda dhaloota mootii kan aangoo dhaala sanyiitiin walitti dabarsuu dura eenyutu dhaabbata?"

Torban kana, paartiin Kooriyaa Kaabaa Kim Yo Jong, jechuunis obboleettii Kim Jong Un kan aangoo jabaa qabdu, ministeera Piroppogaandaa irratti muudeera.

Cheong akka amanutti kunis mallattoo ykn agarsiiftuu tokko. Kim Jong Un intala isaatiif waardiyyaa (eegduu) cimtuu kaayaafii jiraachuu akeeka.

Kim Jong Un umrii isaa 27tti aangoo abbaa isaa dhaaluun yoo bulchaa Kooriyaa Kaabaa ta'u, hoggana xiqqaa addunyaa keenyaa ture. Kooriyaa Kaabaa addunyaadhaaf cufaa turte ni babbanas jedhamee eegamee ture.

Hawwiin kun bara 2013 keessa gaafa inni eessuma isaa nama haaromsaati jedhamu ajjeesu ni dukkanaaye.

Baroota sagantaan niwukilaraa guddisaa dhufe, dheebuun qawwee biyyattii laafaa akka hin jirre akeeke.

Cheong akka jedhutti sababni Ju Ae faana abbaa ishee hin hordofneef hin jiru jedha. Ilaalcha dubartoota irratti biyyattii keessa tures ni fooyyessiti yaada jedhutti walii hin galu.

Ryu, kan soddaan isaa ammallee paartii Kim Jong Un keessa jiru, waayee aangoo dhaaluu intala isaa haasawamanuu galma Kim Jung Un ta'uu danda'a jedha.

"Kim kan ati yaadduu ol nama na argaa baay'isu dha. Artikiloota kanneen waayee isaa barreeffamanii fi waayee aangoo dhaalchisuu isaa tilmaamamu kanneen ni jaalata."