Ebereechii Ezee gahuumsa ittiin beekamu Arsenaalitti maaliif agarsiisuu dadhabe?

Eberechi Eze
Ibsa waa'ee suuraa, Ebereechii Ezee bara kana taphoota sagal irratti hirmaatee galchii tokko qofa lakkoofsise
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Taphataan Arsanaal gahuumsa kubbaa bakka dhiphaa keessatti itti fayyadamuu, fageenya dheeraa irraa galchii lakkoofsisuufi kubbaa bifa salphaa ta'een qabatee garee faallaa milaammilchuun fuulduratti deemuun beekama.

Garuu barana dandeettii kubbaa bareeda taphachuu sana agarsiisaa hin jiru.

Dilbata darbe dorgommii Arsenaal 1-0dhaan Nootinghaam Foorast mo'aterratti jalqaba hiriiree ture- bara kana garee jalqabaa 11 ta'ee kan eegale tapha jalqabaa ta'uusaati.

Haa ta'u garuu, tapha kanarratti dursee hiriirus sa'aatii boqonnaatti jijjiiramee bahe. Tapha kanarratti kubbaa 22 tuqe keessaa 9 qofa dabarsuu danda'e.

Deeggartoonni Arsenaal hedduun Ezeen gahuumsa ittiin beekamu sana deebisee gonfachuu danda'a kan jedhu gaafataa jiru.

Sababoota gahumsi isaa daddaaqeef

Gaheen Ezeen garicha keessatti qabu gaaffii keessa galuunsaa kun kan jalqabaa miti.

Mudde 2025 Aston Viilaan 2-1 Arsenaal injifachuu hordofee Ezeen taphoota itti aanan afur teessuma jijjiirraa irratti hafe.

Taphataan ganna 28 kun Arsenaalis ta'ee garee biyyaalessaa Ingilaand keessatti jaalatamaadha. Gahumsa isaattis dafee akka deebi'uu danda'u leenjisaan garee biyyaalessaa Ingilaand Toomaas Tuheel dubbatee ture.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Sababni gahuumsi Ezee gaaffii keessa galeef, Arsenaal jifataa sarara fuulduraa cimaa ta'e mallatteessuu dhabuudha.

Ganna darbe taphataa lammii Giriikii Kiristos Zoolis Kilab Biraag mallatteessus tapha garee biyyaalessaaf taphate irratti miidhamuurraa kan ka'e taa'ee jira. Arteettaan filannoonsaa Ezee caalaa Kiristoos Zoolis hiriirsudha.

Zooliis miidhamuun Ezeen akka hiriiruuf carraa kenneefira. Dorgommii Shaampiyoons Liigii Arsenaal Liil injifaterratti Ezeen galchii tokko lakkoofsisuu danda'us tapha Arsenaal-Notinghaam Foorast irratti galchuu lakkoofsisuu dhabuu qofa osoo hin taane daqiiqaa 45 qofaa taphate.

"[Ezeen] gaheesaafi bakka isaaf taphatu argachuurratti rakkoon isa mudateera jedheen yaada," jedha taphataan duraanii Arsenaal Maat Apsan.

Akka Maat jedhutti, Ezeen ammatti sarara bitaa qofarratti iddoo duwwaa akka guutu godhamaa jira.

Gama biraan ammoo taphataa iddoo bal'aa haguugee taphatu ta'uu dhabuunsaa kilaba akka Arsenaal keessatti qormaata akka itti ta'e hima.

"Akka yaada kootti [Ezeen] taphataa iddoo bal'aa haguugee taphatu miti, kilaba akka Arsenaal keessa yeroo taphattu gaheen kee maal akka ta'e beekuun barbaachisaadha," jedha Maat.

Ezeen yeroo Kiristaal Paalaas keessa ture galchiiwwan hin eegamneefi ajaa'ibaa ta'an lakkoofsisaa ture. Fakkeenyaaf, dorgommii Paalaas Maan Siitii Mo'atee Waancaa FA Cup 2025 injifaterratti, Ezeen galchii ajaa'ibaa lakkoofsisee ture.

Dandeettiin inni Paalaas keessatti agarsiisefi Arsenaal akka isa adamsuuf sababa ta'e amma "akka cabbii baqaa jira" jedha Maat Apsan.

Ezeen yeroo Kiriistaal Paalaas ture gahuumsi inni sarara bitaarratti agarsiise ajaa'iba ture. Arsenaal erga dhufee garuu bakka dhiphaa lakkoofsa 10 akka taphatu godhame.

Bakka sanatti Arteettaam Maartiin Odigaard filata. Maat akka jedhutti, Ezeen waan isarraa eegamu beekuun murteessaadha.

Ezeen lakkoofsaan yoo ibsamu

Taphoota 63 Arsenaal bara darbe taphate keessaa Ezeen taphoota 36 dursee hiriiree taphateera. Kana jechuun %57 dursee hiriire jechuudha.

Hagayya 2025 erga Arsenaalitti makamee taphoota 72 keessaa 40 kan ta'u dursee galuun taphateera.

Taphoota 61 irratti hirmaterratti galchii 11 lakkoofsiseera. Galchiiwwan kana ammoo taphoota saddeet irratti lakkoofsise.

Addumatti ammoo dorgommii Pirimeerliigii dhaqaa galaa Arsenaal-Tootenhaam irratti galchii shan lakkoofsisuun Arsenaaliif oolmaa guddaa oolera.

Akkasumas kilabasaa duraanii Kiriistaal Paalaasifi Niwukaasil irratti galchii Arsenaal ittiin injifate lakkoofsiseera.

Ezeen gahuumsa bara darbe agarsiisefi yeroo Kiristaal Paalaas ture baranas itti deebi'uu danda'a kan jedhu abdii deeggartoota Arsenaali.

Arteettaan taphattootasaa hundarraa gahuumsafi galchii kan kana duraa caalu akka barbaadu ibseera.

"Taphattoota ciccimoo qabna, akkasuma ammoo waan guddaa isaanirraa eegna. Tokkoon tokkoo isaaniirraa kan caalu barbaanna. Xiinsamuu sanatu jira," jedha Arteettaan.