Magaalota addunyaa shan saffisaan guddachaa jiran

Madda suuraa, Getty Images
Gabaasni tibbana bahe addunyaarratti magaalota saffisaan guddachaa jiranii fi turistoota harkisuudhaan bakka daawwatamuu qaban jedhamanii adda bahan ifoomsee.
Niiwuyoork, Londoii fi Paariis magaalota Addunyaa dursarratti argaman akka ta'e Oksifoord Ikonoomiks baaseeera. Magaalota kunneeniin addatti garuu bara 2026tti magaalotni daawwatamuu malan jedhan 28 adda baafamaniiru.
Magaalota 28 adda bahan kunneen keessaa shan filachuun kanneen magaalota kunneen beekaniin maaltu jijjiirame jennee kan qixeessine kunooti.

Madda suuraa, Getty Images
Tuluuzi, Faransaay
Waggoota afran itti aananitti baayyinni uummatashee kuma 57'n akka dabalu kan tilmaamame magaalli Tuluuzii, Awurooppaa keessatti magaalota saffisaan guddachaa jiran keessaa tokko taateetti.
Magaalli tuni qilleensa mijataa, gatii jireenyaa madaalawaa ta'ee fi sadarkaa jireenyaa filatamaa ta'e qabduun dargaggootaa fi jiraattota haaraa hawwachuurratti argamti.
Eelodii Parameel, waggoota 10 London erga jiraatteen booda dhiheenya gara Tuluuzitti godaante.
"Miira magaala guddaa ta'ee fi filannoo nyaataa ajaa'ibaa, baariiwwanii fi kaffeewwan bareedoo, dabalatee wanti hundi asitti argama" jetti.
Waggoota torbaaf Paariis erga jiraatteen booda amma gara magaala kanaa kan dhufte Meloodii Taayiler ammoo Magaalli tuni waggoota dhihoo asitti guddina ajaa'ibaa mul'iste jetti. Magaalattiin deemsa miilaa fi biskileetiif mijattoo taateetti, dhiheessiin soorataa fi wayiniis baayyee fooyya'eera jetti.
"Mandara ani jiraadhu Poon Juumoo jedhamu kanatti feestivaala hedduu, baariiwwan lafa olka'iisarra jiranii fi dorgommiin adda addaa ni taasifama. Jiraatonni Tuluuzi bashannanaa fi yeroo baayyee manaan alatti dabarsuu jaalatu" jetti.
Tuluuzi indaastirii qorannoo hawaatiifis wiirtuu taateetti. Dhaabbilee damee kanaa hedduutu magaalattiitti argama.

Madda suuraa, Getty Images
Hoo Chii Miin Siitii, Veetinaam
Magaalli Guddoon Veetinaam tuni guddina ajaa'ibaa irratti argamti. Oksifoord Ikonomiks akka jedhutti, magaalli tuni waggoota shanan dhufanitti magaalota saffisaan guddatan 50 keessaa tokko nitaati.
Bara 2050'tti dinagdee magaala Barliinin dorgomuu danda'u nihoratti jedhamee raagameera.
Dhaabbata Timbuuktuu Tiraavil jedhamutti Ogeessi turizimii Megan Yaashi,"Daandiin meetroo jalqabaaf kan baname bara 2024tti ture. kan amma jiru yoo ilaalte magaalattiin saffisa akkamiin guddachaa akka jiru nihubatta" jedhu.
Daandiin kiiloomeetira 20 dheeratu kuni gabaa Ben Taan irraa maagalattii keessa darbuun paarkii sooyi Tiinitti fulla'a. imala tokkoofis Doolaara 1.33 kaffalchiisa.
Kaampaanii hoteelaa tokkotti daayireektara kan ta'an Kiriis Buchart, tuuristioonni Opeeraa haawus, muuziyeemii Reeminaantisii fi soorata magaalattiin ittiin beekamtu akka Yaalan gorsa.

Madda suuraa, Getty Image
Waarsaw, Poolaand
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Waarsoon Magaalota Poolaand saffisa olaanaan guddachaa jiran keessaa tokko. sadarkaawwan 100 caalan utaaluunis sadarkaa 61ffaarra teesse.
Qulqullinni jireenya magaalattii amma Magaalota akka Tookiyoo, Londonii fi Niiwuyoork irra kan fooyya'e yoo ta'u, dinagdeen ishees waggaatti harka 3 oliin guddata. Kunimmoo hammeentaa giddugaleessaa magaalonni Awurooppaa ittiin guddatan waliin walbira yoo qabamu dachaadha.
Lammummaa Poolaandii fi Awustiraaliyaa kan qabu Konraad Warzeechaa, guddinni magaalattiin agarsiiste ajaa'ibsiisaadha jedhu.
"Barandaa keenyarra teenyee magaalatti laaluu dandeenya . waggoota 20 darban keessa daandiiwwan gurguddoon, gamoowwan dhedheeroon yoo ijaaraman argaa jirra. Magaalattiin akka malee jijjiiramte" jedhan.
Akka namni kuni jedhanitti, jijjiiramni guddaan magaalattiin agarsiiste guddina daandiiwwaniiti. "Ijoollummaakootti yeroon geejjiba baaburaa fayyadamaa ture nagummaan natti hin dhagahamu ture. saamicha heedduutu raawwatama ture. amma yeroo kamirra nagummaan natti dhagahama" jedhan.
Nama yeroo jalqabaatiif magaalattii daawwachuu jedhus imala miilaatiin magaalattii keessa socho'anii akka daawwatan gorsa.

Madda suuraa, Getty Images
Medeliin, Kolombiyaa
Jijjiiramni ajaa'ibsiisaan Medeliin carraa dinagdeetiin mul'ateera. Waggoota 20 darban keessatti bobbin hojii damee daldalaa fi faayinaansii dachaadhaan dabaleera.
Oksifoordi Ikoonoomiks galiin giddugaleessaa magaala Kolombiyaa tanaa bara 2040tti Boonaasayirasii fi Saa'oo pooloo akka caalu tilmaame.
"waggoota 10 asjiraadhe keessatti Medeliin jijjiirama abdachiisaa wiirtuu daawattootaa ta'uun ishee gahurra geesse" jedhu Patriik Kuwiin .
Magaalattiin konkolaattota funyoorra imalan qabdi. Malli geejjibaa funyoorraa kuni baasotaa fi taaksiidhaan turistoonni kutaa magaalattii adda addaa irra bashannanaa akka daawwataniif hiree uume.
Sooratni magaalattii, aartii fi diizaayiniin magaalattii daawwannaadhaaf filatamtuu wantoota ishee taasisan keessayi. Magaalattiin Buna gaariis qabdi.
Kutaan magaalatti duraan bakka sodaachisaa turee fi Kumuna 13 jedhamu amma giddugala turistoonni keessaa huursan ta'eera.

Madda suuraa, Getty Images
Abu Daabii, UAE
Dinagdeen Magaala duraan boba'a irratti hundaa'ee ture amma dinagdeeshee gara teeknolojii, anniisaa haaromsamaa fi faayinaansiitti jijjiirteetti.
Magaala guddoo UAE (Emireetota Arabaa Gamtoomanii) kan taate Abudaabiin Paarisii fi Boston dursuun humna namaa ogummaa fi barnootaan saadarkaa ja'affaarra teesseetti. Dinagdee boba'aan alaatiinii fi gabaa carraa hojiitiin ammoo Ollaashee Dubaayi dursaa jirti.
Lammiin Ameerikaa Abudaabii fi Dubaa'I keessa jiraate "Abudaabiin dubaayii fi Shirjaah keessa jiraachuu caalaa miira gaarii namaaf kenna. Carraa bakka tokkoo bakka biraatti socho'uu bal'aa namaaf kenna" jedhu.
Abudaabiin agarsiisawan aadaatiinis beekamti. Odola Saadiyaat irratti muuziyeemiin Abudaabii, fi muuziyeemiin biyyaaleessaa Zayed argamu. Lamaan isaanituu bara 2025 kan banaman.
Magaalli Abudaabii nama alaa ilaaluuf magaala dhiphina qabdu fakkaattulleen keessashee seenanii warra ilaalaniif garuu miira gaarii fi namoomni kan keessatti callaqqisu.























