Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaaffiilee waliin isaanii hin beekamne Mosaad aanga'oota olaanoo Iraaniitti bilbiluun gaafatu
Dhiheenya keessa gabaasaaleen dhaabbata basaasaa Israa'el, Moosaadii fi qondaaltoota Iraan jidduu ''quunnamtiin kallattii taasifameera kan jedhan midiyaalee Teehraaniin dhagahamaa jira.
Qondaaltoonni basaasaa, nageenyaafi siyaasa Iraan, dhiibbaan Moosaad Teehiraan irraan gahaa jiru hangam bal'aadha kan jedhu akka isaan yaaddeessee ibsaa jiru.
Erga Israa'elii fi Iraan waraana guyyoota 12 gaggeessaniin booda, yaadni caasaa tika Teehraan keessa ''qaawwii jira'' jedhu ummata biratti mata duree ta'era.
''Qaawwii tikaa'' odeeffannoowwan murteessitoota olaanoo Iraan biraa miliqanii bahaa jiraachu agarsiisu.
Ministirri Dhimma Alaa Iraan, Abbaas Araagichii dabalatee aanga'oonni kaan jecha kana fayyadaman, tika Israa'eliifi Ameerikaa ibsuudhaaf.
Waraanaa guyyoota 12n booda sochii Moosaad caasaa tika Iraan keessatti taasisuu ilaalchisee ilaalchi haaraan umameera.
Aanga'oonni siyaasaafi nageenyaa Iraan ''dallaaloonni Moosaad'' akka bilbiluun isaan doorsiisan ifa godhaniiru.
Miidiyaaleen Iraan akka jedhaniitti, kaayyoon bilbila kanneenii aanga'oota ''salphisuu,'' aangoo egdoota warraaqsa Islaamummaa dura dhaabbachuu fi ''olaantummaa agarsiisuufidha.''
Eenyummaan warra bilbilanii qaamaa walabaatiin hin mirkanoofne. Hundisaanis bakka bu'oota ykn Moosaad waliin hidhata qabaachuunsaanii hin mirkannoofne.
Ministirri Boba'aa Iraan, Jaavaad Ojii Amajjii 2024 keessa miseensi Moosaa akka isaaniif bilbilee ture Adooleessa 2026 keessa ibsaniiru.
Yeroonsaa yeroo ujummoo boba'aa Iraan irratti dhohiinsi qaqqabee tureedha.
Namni bilbileef sunis ''malawwan garaagaraa'' fayyadamu ministirichi ibsaniiru. Yeroo sanattis ujummoowwan boba'aa dabarsan ijoon sadii sakandoota keessatti dhohaniiru.
Ministirichi akka jedhaniitti, namoonni bilbilaniif gaaffiilee ''3 + 4 meeqa? 4 + 5 meeqa? jedhan gaaataniin. Isan boodas erga deebiisaa dhagaheen booda waa'ee dhohiinsa ujummoo boba'aa dhagahu ibseera.
Daqiiqawwan booda dhohiinsichi umamuun mirkanaa'eera. Ministirichi yeroo bakka ujummoo boba'aa sana qaqabaniitti dhohiinsicha argusaanii ibsaniiru.
Dhohiinsa sana booda dhiyeessiin boba'aa kan addaan hin cinne ''olaantummaa'' agarsiisuuf ta'u dabaluun ibsaniiru.
Yeroo sanatti dhihiinsii sadan kan raawwatame ''shororkeessitootaan'' jedhamulleen Israa'el maqaan hin dhoofne ture.
Miisiyaaleen Iraan haasaa ministirichaatin 'kan hin baramne' jedhaniiru.
Marsariitiin 'Z Taabaank' jedhamu tokko akka barresseetti, ''qabiyyee seenaa caalaa himamsi isaa baayyee yaaddeessaadha. Angoo nama dhuunfa osoo hin taane kan olaantummaa humna diinaa kan agarsiisuudha'' jechuun qeeqeera.
Marsaritichi Hogganaa Olaanaan Iraan, Moojitiibaa Kaameeniif goorsaa waraanaa kan ta'an Mohiseen Raayiisiitti dhiheenya akka qaban himama.
Haasaa ministirichaa tufachuudhaan ''waan hunda miidiyaan gahuun gatii hin qabu'' jechuun marasiitiichi akeekkachiiseera.
Himamichi Ministirichaa kan ''duula qor-qalbii diinaa fi kaka'umsa saanii'' agarsiisuu akka ta'e ibsuun, ''haasa'uu dhiisutuu wayya'' jedheera.
Waraanaa guyyoota 12n booda ejjannoon Egdoonni Warraaqsa Islaamummaa qabu ummataatti agarsiisuuf miidiyaan odeeffannoo baasa.
Midiyaalee mootummaan hidhata qaban, haasaan ministirichaa haasaa barreessaa mana maree nageenya biyyaaleessaa Iraan duraanii, Alii Laariijaaniitiin adda ta'u gabaasaniiru.
Haasaa Alii Laariijaanii taasisaniin, ''olaantummaa humna Iraan qabdutti'' yoo fayyadamu, himama Jaavaad Ojii garyy ''haala hin yaadamneen dandeettii diina'' kan agarsiisuudha jedhame.
Haasaa Moosaad ilaalchisuun Ministirri boba'aa duranii taasisan kan jalqabaa miti. Moosaad kan eerame tibba waraana guyyoota 12 qofaa akka hin taane ibsameera. Ministirichi yoo xinnaate yeroo tokko Moosaad ifatti eeraniiru.
Bilbilawwan moosaadi bilbile
Akka gabaasa Waashingitan Poostiin Waxabajjii 23 bara 2025 baaseetti, dhohinsi erga mudatee sa'aatii muraasa keessatti, humnoonni nageenyaa Israa'el qondaaltota Iraan sodaachisuuf duula jalqaban.
Qondaaltota Iraanitti bilbiluun yoo sirnicha hin morman ta'e akka ajjeesan doorsisaa turan.
Bilbilli kun mootummaa Iraan addaan qooduu fi tasgabbii dhabiinsa uumuuf kan yaadame ta'uu gabaasni Waashingitan Poostii ni mul'isa.
Hoggantoota olaanoo jalatti aanga'oota sadarkaa adda addaa irra jiran dorsiisuu akkasumasii aanga'oota ajjeefaman bakka buusuu rakkiisaa ta'u eeraniiru.
Maddi Waashingitan Poostiin wabeeffate tokko akka jedhetti, qondaaltoota Iraan 20 waliin bilbilaan dubbataniiru.
Waraabbii sagalee gabaasa Waashingitan Poostii keessatti hammatame keessatti, qondaalli nageenyaa Israa'el tokko qondaala Iraan waliin yeroo dubbatan dhaga'ama.
Sagalee muraasni dhageesiifame kun, "Haadha warraa fi ijoollee kee waliin miliquuf sa'aatii 12 qabda. Yoo kana hin taane, sirratti xiyyeeffatama" jedha.
Eenyummaan qondaala Iraan hin ibsamne. Sagaleen qondaala nageenyaa Israa'eel kanaas akka adda hin baafamneef jijjiirameera.
Bilbilli bilbilame kunis kan qondaaltota waraanaa fi nageenyaa Iraan sodaachisuu fi dhiibbaa xiinsammuu irratti raawwachuuf yaadame ta'uu gabaasni kun ni mul'isa.
Guyyoota muraasa booda Alii Laarijaaniin gabaasa Waashingitan Poostii mirkaneessuun, guyyaa jalqaba waraana kanaatti bilbilli doorsisaa akka isa qaqqabe dubbataniiru.
Israa'el bilbila kanaan deeggarsa Eegdota Warraaqsa Islaamaa hir'isuuf yaalii gochaa akka turte himaniiru.
Bilbilli kun kan bilbilameef ajajoota waraanaa qofa osoo hin taane namoota siyaasaa fi hoggantoota nageenyaatiifis akka ta'e dubbataniiru.
Ergamaan Moosaad tokko bilbilee Iraan gadhiistanii bahuuf sa'aatii 12 qofa akka qaban ibsuun, Teehiraan gadhiisanii yoo hin baane ''hireen hiriyyoota isaanii akka isaan eeguu'' ibsuu itti dabaluun dubbatan.
Isaaniis nama bilbileef ''deebii Netaaniyaahuuf malu'' kenneera jedhan.
Hoggantoonni bilbilameef keessaa tokkolleen fedhii nama bilbilee sanaa akka hin guunne dubbataniiru.
Bilbilli sunis qondaaltota Iraan sodaachisuuf kan yaadame ta'uu dubbataniiru.
Hogganaan kunis waraanaa guyyoota 40f Guraandhala 16 bra 026 gaggeeffame keessa haleellaa xiyyaara Israa'eliin ajjeefame.
Bilbilli Moosaadiin taasifaman jedhame kunneenis, qondaaltonni kunneen Iraan gadhiisuuf ykn sirnicha irraa akka fagaataniif sa'aatii 12 kenna.
Ragaaleen "Gara 20 hanga 2,000" ta'an maqaa Mossad kaasuun isaanii ni yaadatama.
Tibba waraanaa guyyoota 12 keessa gabaasni miidiyaalee Iraan deeggeraniin gabaafamaniin, bilbila Mossad qondaaltota Iraan irratti godhe eereera.
Gaazexaan Waashingitan Poostii akka gabaasetti, qondaaltonni 20 bilbilli Moosaad irraa bilbilamuuf kaaseera..
Miidiyaan warra haarbeessitootaa 'Aghi' jedhamu gabaasa Adooleessa 1 bara 2026 baaseen, qondaaltonni kuma lamaa ol ta'an Moosaad irraa bilbilamuufii "ragaa amanamaa" argachuu isaa ibseera.
Isaanis ajajoota waraanaa, qondaaltota nageenyaa fi kanneen sirinicha keessa dhiibbaa olaanaa qaban akka dabalatu dubbata.
Guyyaa waraanni kun jalqabetti bilbilli, ergaa dhoksaa fi imeeliin isaan qaqqabee ture.
Kaayyoon bilbila kanaatiis sodaachisuu qofa osoo hin taane, sirnichi dhumeefiira jechuun qondaaltonni aangoo akka gadhiisan ykn Teehraan keessaa akka bahan dirqisiisuuf kan yaadame ture.
Maddi Waashingitan Poostiin wabeeffate akka jedhetti, "qondaaltonni 20 ol" bilbilli kun isaaniif bilbilamu dubbataniiru.
Aghii garuu lakkoofsa kana "2,000 ol" jedheera. Akkamitti baayyina kana akka itti argate hin dubbanne.
Torban muraasaan booda xiinxalaan siyaasaa, Mustafaa Koshchis, kan mootummaatti dhihoo ta'e, raadiyoo fi televijiinii Iraan irratti mul'achuun akka dubbataniitti, ajajoonni olaanoo Eegdota Warraaqsa Islaamaa gara 100 ta'an yeroo waraanaa sanatti doorsisni isaan mudateera ykn mindeeffamuuf yaalaniiru.
Itti dabaluudhaanis kaayyoon bilbila kanaa "sodaachisuuf" ykn "bituuf" akka ta'e dubbateera.
Xiinxalaan siyaasaa kun akka jedhanitti, Ali Larijani dabalatee, "qondaaltota olaanoof" bilbilli akkanaa bilbilamuu dubbatan. Gama kanaan "ergamni Moosaadis" akka fashalaa'e dubbataniiru.
Ibsi isaas himama kana haala adda ta'een dhiheesse. Moosaad "qaawwa" caasaa nageenyaa keessa uluqee seene akka hin taane ibsuun, "waraanni xiinsammuu" Israa'el akka fashalaa'ee fi laafaa akka ta'e dubbateera.
Mossad: Dhaabbata basaasaa hanga siyaasa to'achuutti
Moosaad ajjeechaa Mohsan Fakhrizadeh dabalatee saayintistoota niwukilaraa irratti raawwateen alattis, dhaabbilee waraanaa fi industirii miidhuuf shira xaxuun himatamaa tureera.
Sochiin basaastota Israa'el fi bilbilli dhiheenya bilbilame waraana guyyoota 12 qofaatti kan daangeffame miti.
Moosaad gabaasaalee siyaasaa fi nageenyaa Iraan keessatti waggootaaf caqafamaa ture. Seenaa jireenyaa, kitaabota, fiilmii keessatti illeen qafameera.
Kanaanid Kitaabni "Deey of Teehraan" jedhu kan eeramuudha. Kitaabni kun sochii dhaabbata basaasa Israa'el bara sirna Paahlaavii agarsiisa.
Bakka bu'aan Moosaad fi boodarra ammoo Iraan keessatti attaaché waraana Israa'el kan ta'e Yaakov Nimrudi namoota kitaabicha keessatti caqafaman keessaa tokko.
Kitaabonni kunneen Iraan Baha Giddu Galaa keessatti biyya dorgommiin basaasaa itti geggeeffamaa jiru ta'uu ibsu.
Dorgommiin kunis dhaabbata Israa'el Moosaad, CIA Ameerikaa fi KGB Sooviyeet gidduuttidha. Kunis akka toora basaasaa walxaxaa ta'etti ibsama.
Moosaad fiilmii asoosamaa fi TV Iraan keessatti raawwataman keessattis ni caqafama.
Filmii walitti fufaa bara 2020 mata duree 'Teehraan' jedhuun gadi dhiifame keessatti, basaastonni Moosaad Iraan keessatti akka socho'an, ergama raawwachuu, dhaabbilee nageenyaa fi waraanaatti dhihaachuu agarsiisa.
Asoosama ta'us, dandeettii Moosaad Iraan keessa seenuuf qabu agarsiisa.
Dhugaatti ammoo kun imaammata mootummaan Israa'el fi fedhii Iraan irratti dhiibbaa gochuuf qabu kallattiin calaqqisiisa jechuun hin danda'amu.
Garuu ammoo, xinxaltoonni odeeffannoowwan wal xaxaan filatamoon waggoota dhiyoo asitti waa'ee hojii basaasaa Israa'el ilaalchisuun gadhiifame, dhiibbaa xiinsammuu fiduuf kan yaadame ta'uu mala jedhanii amanu.
Kaayyoon isaas dandeettii basaasaa Israa'el agarsiisuuf, qondaaltota Iraan sodaachisuu fi Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan maqaa balleessuuf akka ta'e amanama.
Dhaabbileen basaasaa yeroo baay'ee sochii biyyoota biroo keessatti raawwatan dhoksaan qabatu. Haa ta'u malee, yeroo tokko tokko odeeffannoo fi himamni filatamaa ta'e gadhiifama.
Odeeffannoon to'atamuun gadi dhiifaman kunneenis dhiibbaa xiinsammuu gochuuf kan oolaniidha.
Addunyaa ibasaasaa keessatti 'perception management' jedhamuun beekama. Kunis tooftaa akkaataa namoonni gocha ykn dhaabbata tokko itti ilaalan to'achuuf itti fayyadamaniidha.
Haala kanaatiin yaada, ilaalchaa ykn amala ummataa jijjiiruuf yaalama. Duula xiinsammuu gochuu, odeeffannoo tamsaasuunii fi hojiin dhoksaa mala baramedha.
Bilbilli Moosaad bilbiileera jedhame kunneen miidiyaaleen Iraaniin kan gabaafaman yoo ta'u, Moosaad qondaaltota Iraan doorsisaa akka jiru agarsiisa.
Dhaabbileen nageenyaa Iraan yeroo dheeraaf dhaabbilee basaasaa fi nageenyaa Israa'el irratti dhiibbaa gochuu akka danda'an himachaa turan. Bilbilli kunneenis agarsiiftuu caasaa nageenyaa Israa'el keessaa tokko qofaadha.
Tibba Waraana Guyyoota 12 fi Waraana Guyyoota 40tti, Israa'el qondaaltota olaanoo Iraan hedduu akkasumas qondaaltota siyaasaa fi tikaa irratti xiyyeeffattee ajjeesteetti.
Yeroon haleellaa kunneen itti raawwatamanii fi qiyyeeffannaa sirrii raawwachunsaanii, Israa'el lakkoofsa bilbilaa fi odeeffannoo dhuunfaa qondaaltota kanneenii argachuu isheetti dabalamee, dhiibbaan tikaa ishee hangam akka ta'e gaaffii kaaseera.
"Qaawwi nageenyaa" kun waa'ee basaastota Moosaad qondaaltota Iraan bilbiluuf qofa miti.
Odeeffannoon dhuunfaa, teessoo sirrii, sochii fi mariin qondaaltota Iraan gidduu jiru Israa'el odeeffannoo kana akkamitti akka argatte gaaffii kaaseera.
Caasaa nageenyaa Iraan hangam gidduu seentummaa biyya alaatif saaxilamaadha? Gaaffiin biraati.