Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Sababa Finfinneef reebameen osoon digrii qabuu qubaan mallatteessa' - Bars. Mokonnin Ajjamaa
"Iddoo tokkon taa'a, warraaquu hin danda'u, cinaacha tokkottin rafa, kafana qofa kaawwachuu dha wanti ani danda'u... Osoon digrii qabuu barreessuu hin danda'u, qubaanin mallatteessa."
Kun Barsiisaa Mokonnin Ajjamaa haala keessa jiranirratti BBC'tti dubbatan keessaa yaada fudhatame dha. Miidhaan amma himachaa jiran kana waliin erga jiraachuu eegalanii waggoota 12 ta'eera.
Ka'umsi miidhama isaanii garuu miidhama waggoota 22 dura gaafa barataa sadarkaa lammaffaa turan isaan qunnamerraa kan dhufe dha.
Teessoon Mootummaa Naannoo Oromiyaa Finfinneerraa Adaamaatti jijjiiramuu hin qabu jechuun sochiin barattootaa ture keessatti hirmaannaa ho'aan 1996 godhan dararaa amma argaa jiraniif isaan saaxileera.
Barataa wayita turanitti Kongiresii Biyyoolessaa Oromoo miseensa Caffee Oromiyaa kan turan barsiisaa Mokonnin bu'aa bayii, hirmaannaa siyaasaa fi miidhama keessa jiran irratti yaada isaanii BBC'f qoodanii jiru.
'Lakkoofsa saddeet na hidhan'
Barsiisaa Mokonnin Ajjamaa dhalootan nama aanaa Meettaa Walqixxeeti. Barataa sadarkaa lammaffaa gaafa turan sochii siyaasaa eegalan.
ALI bara 1995 teessoon Mootummaa Naannoo Oromiyaa Finfinneerraa Adaamaatti jijjiiramuu hordofee Oromiyaa keessatti mormiin uummataa eegale. Mormiin sun itti fufee bara 1996 keessa wayita barsiisaa Mokonnin Mana Baruumsaa sadarkaa 2ffaa Hoolataatti kutaa 12ffaa baratu isaan hawwatee isaanii fi hiriyoonni isaanii gaaffii kaasuu eegalan.
Baruma kana keessa Mokonninii fi barattoonni mana barnootichaa hedduun hidhaman. Jalqaba kaampii waraanaa magaalicha jirutti hidhamuu kan himan barsiisaa Mokonnin reebichi hamaan irratti raawwatamuu yaadatu.
Kaampii waraanaatti hidhaa dararaa lakkoofsa saddeet (8) jedhamu hidhamee reebichi hammaataan irratti raawwachuu himu.
"Reebichi ture baay'ee ulfaataa dha. Yeroo san gurra kan na miidhan. Karaa bitaatirraan na miidhan" jedhu barsiisaa Makonnin Ajjamaan.
Guyyaa itti aanu kaampii waraanaatii baafamuun waajjira poolisii tursiifamuu kan himan barsiisaan booda barattoota saddeet waliin Ambotti himatni akka irratti banamee ture eeran.
Himata ture kuffisuun manni murtiimmoo bilisa isaan baase. Garuu barattoonni kunneen waggaa lamaaf barnootarraa dhaabsifaman. Dhaabsifamuun qofa osoo hin taane bakka argamanitti akka qabaman jechuun qaamni nageenya isaan adamsuu itti fufe.
Jidduu kanatti filannoon bara 1997 yoo gahu, barsiisaa Mokonnin Kongiresii Biyyoolessaa Oromoo tiin kaadhimamee uummata aanaa Meettaa Roobii bakka bu'ee caffee seena. Sababa kanaan dawoo seeraa argachuu humnoota nageenyaan adamsamuun irraa dhaabbachuu himu barsiisaan kun.
"Bakka argametti haa hidhamu kan jedhu ajajni waan darbeef dhokadheen jiraadha ture. Garuu, KFO seenuu booda dawoo seeraa argadhee adamsamuun narraa dhaabbate."
'Jiraachuman dadhabe'
Bars. Mokonnin barnoota isaanii kutaa 12ffaa xumuruun beeara 1999 yunivarsiitii Miizaan Teeppii seenuun muummee barnoota Afaan Ingliiziin eebbifame. Yunivarsiitii akka bahaniin naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromootti barsiisaa ta'anii kan ramadamanis seenaa siyaasaa isaanii duraanii sababa godhachuun hojiirraa ari'aman.
Walitti fufuun bakka hojii ramadaman hundarraa akka ari'aman himu.
"Jiraachuun dadhabe, hojiillee akka hin hojjetanne. Arsii nageelleetii na ari'atan, Bulee Horaatii na ari'atan; baay'ee qorqalbii miidhaan narra gahe, baay'een rakkadhe, baay'een dhibame, deemun dadhabe... Mooyyaleettis na hidhan."
Ergan manatti hafee waggoota 12
Barsiisaan Mokonnin boodarra reebicha hamaa gaafa barataa ture irratti raawwatame fayyaa isaa gaaga'ee manatti isa hambisuu dubbata.
"Reebicha irra deddeebii gurra na rukutaniin miidhame… ofirraa kadhadhee dadhabe, ofirraa dhowwu hin dandeessu baay'taniit kan si reeban."
Bara 2006 kaasee immoo gargaarsa namaa malee ofii homaa gochuu akka hin dandeenye hima abbaan ijoollee lamaa bars. Mokonnin.
Namni digirii qabu kun ammaan tana barreessuu hin danda'u, cinaachisaa tokkotti malee ciisuu hin danda'u.
"Yeroo san gurra kan na miidhan. Karaa bitaatirraan na miidhan. Deemee deemee gara biraatti geeddaramee, deemuu na dhowwe, iddoo tokkon taa'a, warraaquu hin danda'u, kafana qofa kaawwachuu dha wanti ani danda'u. Wanta biraa homaa ofii kootii gochuu hin danda'u."
"Digrii baradheen qubaan mallatteessa" jedha. Barreessuu hin danda'u, nyaatallee ittiin nyaachuu hin danda'u, cinaacha tokkitti ciisa hanga ammaa, anumatu wajjin rakkachaa jira malee uummanni Oromoo naaf hin beeku jedha.
Dhibee isaatiif wal'aansaa fi qorannoo gahaa akka hin argatinis dubbata. "Wanti qullaayee beekamu hin jiru. Doktarri tokko Istirookii dha naan jedhe. Inni kaan immoo nagaa dha naan jedha, godaannisa wayii malee wanni mul'atu hin jiru."
Uummanni inni aarsaa kaffaleef akka isa gargaarus dhaammata barsiisaa Mokonnin.
"Kanin cabee, waan ittiin cabellee wallaalameef dhimmuma Oromoo kana.
Oromoon boolla guddaa osoon bu'ee achi keessaa na baasa jedheen eega. Garuu, sana naaf hin goone kan jedhu barsiisaan Mokonnin, uummanni quba isa qabaachuu dhabuunis garaa isa nyaata.
"Na gargaaraa! Harkaan barreessuullee hin danda'u, ashaaraan mallatteessaa isa kana jalaa na baasaa."
Gaaffii Finfinnee
Waayee magaalaa Finfinneerratti gaaffiin uummanni Oromoo qabu ammallee karaa qaxxaamuraarra akka jiru dubbateera barsiisan kun.
"Uummanni Oromoo gaaffii qaba. Uummanni Oromoo lafa isaa akka lafeetti ilaala. Yeroo sanis irratti du'aniituma, lubbuu baay'een irratti bahe, kan lubbuun hafee qorqalbiin miidhame ni jira. Finfinneerratti uummanni Oromoo qoosaa hin beeku."
Dhimmi magaalaa Finfinnee falmiidhaafuu waan dhiyaachuu hin malle kan jedhu miseensi KFO kun, dhimmi Finfinnee seerri bahuu dhabuun barootaaf akka dubbii falmisiisaa godhe jedha.
"Deebii kan hin argatin kanaafi natti fakkaata. Seerri itti bahuu qaba."
Barsiisaa Mokonnin ammaan tana manatti hafee nama harka namaa eeggatu ta'uu isaatiin gargaarsi yaala fayyaaf isa fayyadu akka tinnisamuuf sochiin eegalameera.