Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa ta'aa jedhameef qophiin taasifamaa jiraa? Eenyurraa maaltu eegama?

Dhimmoota ijoo Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa xumuramerratti ka'anii yaadni furmaataa kennaman keessaa tokko dhimma afaaniiti. Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa Federaalaa akka ta'u ammoo hayyoonni yeroo dheeraaf gaafachaa turaniiru. Kanaaf, Mariin Biyyaalessaa kun kanaaf yaada furmaataa dhiyeesseera.
Kanaan dura bara 2020 paartiin biyya bulchaa jiru, Paartiin Badhaadhinaa, Afaan Oromoo dabalatee afaanota shan akka afaan hojii mootummaa ta'u murteessee turuun isaa ni yaadatama.
Afaan Oromoo afaan hojiifi barnootaa mootummaa naannoo Oromiyaa erga ta'ee bubbuleera. Haata'u malee, afaan ummata bal'aan Itoophiyaa keessatti dubbatamuun sadarkaa duraarra jiru ta'ee, akkasumas afaan biyyoota ollaa baayyee keessatti dubbatamu ta'ee osoo jiruu afaan hojii Federaalaa hin ta'iin tureera.
Afaan hojii federaalaa jechuun maali? Garaa garummaan afaan hojiifi afaan biyyaaleessaa gidduu jiru hoo? Bu'aan Afaan Oromoo afaan hojii Federaalaa gochuu maalidha? Qophiin barbaachisu maali?
Dhimma kanarratti qorattootaafi barreessitoota Yunivarsiitii, akkasumas Inistitiyuutii Qo'annoo fi Qorannoo Oromoo irraa iyyaafanneerra.
Afaan hojii federaalaa vs afaan biyyaalessaa...
Yunivarsiitii Ambootti barsiisaafi qorataa afaanii Wandimmuu Taganyee (PHD) gaheefi hojii seeraa afaan tokko tajaajilurratti hundaa'uutiin afaan bakka sadiitti qoodama jedha—Afaan biyyoolessaa, afaan hojiifi afaan naannooti.
Afaan biyyoolessaa jechuun, afaan biyya tokkoo ta'ee aadaa, eenyummaafi mallattoo biyya sanaa seeraan kan bakka ta'uu kaasa.
Afaan biyyaalessaa afaan guyyaa guyyaatti hojiif itti fayyadamuurra darbee mallattoofi eenyummaa biyya sanaati jechuun afaanJarmaniifi afaan Faransaay akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda'ama jedha hayyuun kun.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Inni biraan ammoo afaan hojiidha. Kun ammoo afaan hojii mootummaa waajiraalee keessatti dhimma itti bahan, afaan qunnamtii hojii mijeessu, tajaajilli bulchiinsaa akka mijatu kan godhudha.
Afaan hojiin kun ummata ykn namoota afaan gara garaa dubbatan mootummaa isaan tajaajilu gidduutti hojiirra ooluun kan seeraan filatamedha jechuudha. Fakkeenyaaf, afaanota hojii dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ja'a fudhachuun ni danda'ama.
Inni sadaffaan, afaan naannooti. Kun ammoo afaan bulchiinsa naannoo tokko keessatti dhimma itti bahamu jechuudha. Kunis mootummaa naannoo sanaaf afaan hojii, afaan bulchiinsaa, afaan barnootaafi daldlalaati jechuudha. Fakkeenyaaf, Afaan Oromoo kan naannoo Oromiyaa keessatti hojiirra jiru kaasuun ibsa.
Itoophiyaan afaan biyyaalessaa hin qabdu. Afaan Amaaraa ammoo hanga ammaatti afaan hojii mootummaa Federaalaati malee akka namoonni tokko tokko waan inni afaan biyyaalessaa Itoophiyaa ta'eetti yaadan sirrii miti jedha Dr. Wandimmuun garaa garummaa afaan hojii federaalaa fi afaan biyyaalessaa yeroo ibsu.
Afaan Oromoo ilaalchisee kan dhaloonniifi hayyoonni gaafachaa ture, akka afaan hojii mootummaa Federaalaa ta'udha jedha Dr. Wondimmuun. Kana jechuun sadarkaa federaalaatti afaan hojii mootummaa, qunnamtii, barnoota, dhimma seeraa, bulchiinsaa, kan ummanni tajaajila ittiin argatu akka ta'u gochuudha jedha.

Bu'aan isaa maalidha?
Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa gaggeeffamerratti waa'ee 'Ijaarsa Biyyaa' jedhurratti hirmaachaafi gorsa ogummaa kennaa kan ture Qorataa fi Barreessaa Dastaa Alamaayyoo, dhimmi afaanii 'Ijaarsa Biyyaa' jalatti ka'ee sirnaan irratti mariyatamaa turee yaadni furmaata adhiyaachuu dubbata.
"...dhimma afaan ilaalchisee waan guddaa tokkorratti waliigalameera. Innis, Itoophiyaan biyya af-daneettii ta'uu akka qabdudha. Akkasumas, mootummaan ishee afaan tokko qofa osoo hin taane tokkoo ol dubbachuu akka qaburratti namuu waliigaleera."
Ulaagaa lafa kaa'ame kan akka baayyina ummata dubbatuu, afaan daangaa ce'uun biyyoota Afrikaa gara garaa keessatti dubbatamu ta'uun, akkasumas naannolee biyya keessaa walitti jiran keessattis dubbatamuu kan jedhuuun Afaan Oromoo ulaagaa barbaachisaa ta'e guuteera jedha Kaadhimamaan PHD Dastaa Alamaayyoo.
"Kallattii kanaan Afaan Oromootiif abdiitu jira. Gaaffii nuti yeroo dheeraadhaaf gaafachaa turre ammoo mootummaan kutannoo qabaatee amumarra akaasee irra hojjeta taanaan gaaffici furmaata waan argatu natti fakkaata."
Qorataafi barreessaan Yunivarsiitii Amboo kun, Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa Federaalaa gochuun ummata Itoophiyaa walakkaatii ol ta'uuf mirga afaan isaatiin tajaajila argachuu danda'u kennuufiifidha.
Gama biraan Afaan Oromoo afaan hojii Federaalaa Itoophiyaa ta'uun isaa biyyoota olla warra akka Keeniyaa, Somaaliyaa, Jibutii, Sudaan fi Taanzaaniyaa keessatti Afaan Oromoo waan dubbatamuuf isaan wajjin hariiroo daldalaafi hawaasummaa daran akka cimsu amana hayyuufi qorataan afaanii Dr. Wandimmuu Taganyee.
Biyya keessatti ummanni olla Oromoo ta'aniifi Oromoo waliin walitti dhufeenya qaban warri akka Geede'oo, Somaalee, Koonsoo, Aga'oo waliin hariiroo jiru fooyyeessa.
Bu'aan afaan hojii Federaalaa gochuun, beekamtiifi guddina afaanichaa jajjabeessa.
Ummaani ammoo tajaajila mootummaan Federaalaa argatu sirriifi haala salphaa ta'een akka argatu gargaara.
Hirmaannaa siyaasaa bulchiinsa keessatti akka dabalu taasisa. Ummanni Oromoo siyaasaan bulchiinsa mootummaa Federaalaa keessatti akka dabalu gargaara.
Eenyummaan isaa, afaan isaa, aadaan isaa sadarka abiyyaalessaatti akka dagaagu gochuurra darbee akka ittiin boonu taasisa.
Faayidaan isaa inni biraan carraa hojii bal'aa ummatichaaf dabaluu akka danda'u kaasa Dr. Wandimmuun.
"Bara bulchiinsa ADWUI keessa namoonni magaalaa keessatti Afaan Oromoo sirriitti dubbatan ABO" jedhamuun akka irratti xiyyeeffatamaa ture kaasuun, seeraan beekamtii afaan hojii federaalaa ta'uun isaa akka namni sodaafi shakkii malee ofitti amanamummaan dubbatuufi itti fayyadamullee godha jedha Dr. Wandimmuun.
Hayyuuwwan lamaan dubbisne Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa ta'uun, yoo sirnaan hojiirra oole bu'aa hedduu qabaachuu kaasu. Keessumaa uummata Afaan Oromoo dubbatuu fi mootummaa federaalaa gidduutti walqunnamtii fooyyeessa jechuun bu'aawwan ijoo ta'an akka itti aanutti tarreessu:
Hirmaannaa uummataa dabala: Uummanni Afaan Oromoo dubbatu dhimma mootummaa, seera, imaammata fi tajaajila mootummaa hubachuu fi irratti hirmaachuu salphata.
Tajaajila mootummaa fooyyeessa: Namni Afaan Oromoo dubbatu odeeffannoo fi tajaajila mootummaa federaalaa afaan isaaf mijatuun argachuu danda'a. Kun hubannoo dogoggoraa fi rakkoo qunnamtii hir'isa.
Hirmaannaa siyaasaa fi dimokraasii cimsuu danda'a: Marii siyaasaa, filannoo, hojii paarlaamaa fi dhimma mootummaa irratti namoonni Afaan Oromoo dubbatan hirmaannaa sirrii fi odeeffannoo irratti hundaa'e qabaachuu danda'u.
Afaan Oromoo guddina caalaa argata: Afaan Oromoo hojii mootummaa keessatti yeroo bal'aa fi haala sirnaawaan yoo fayyadame, jechoota seeraa, diinagdee, teeknooloojii, dipilomaasii fi bulchiinsaa keessatti caalaatti dagaaga.
Walqixxummaa afaanotaa fi hammatamummaa cimsuu danda'a: Afaan uummata bal'aa tokkoo hojii mootummaa federaalaa keessatti bakka argachuun, uummanni sun mootummaa keessatti akka of keessaa qabu itti dhaga'amuuf gargaara.
Carraa hojii fi ogummaa uuma: Ogeeyyii hiikaa, gulaalaa, barreessitoota, barsiisota, ogeeyyii afaanii fi teknooloojii Afaan Oromoo irratti hojjetanitti fedhiin dabala.
Mootummaa fi uummata gidduu amanamummaa ijaara: Mootummaan uummata isaa afaan inni hubatuun yoo qunname, walirraa fageenyi mootummaa fi uummataa hir'achuu fi amanamummaan dabalu danda'a.
Qophii akkamiitu barbaachisa? Eenyurraa maaltu eegama?
"Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa ta'uu" jechuun bu'aa qabaachuu isaa qofa osoo hin taane, akkamitti hojiirra akka oolu irratti bu'aan isaa hundaa'a.
Yoo seeraan beekamtii kennamee garuu hiiktota, ogeeyyii, sanadoota, teknooloojii fi bajata hin qophaa'in, bu'aan isaa daangeffamuu danda'a.
Kanaaf, ilaalcha siyaasaa qofa osoo hin taane, "Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa taanaan uummataaf tajaajila mootummaa fooyyeessuuf maal jijjiira?" jedhanii ilaaluun barbaachisaadha.
Qophii akkamiitu barbaachisa, qaamolee dhimmi kun gahee isaanii ta'e eenyufaadha kan jedhu beekuunis babaachisaadha.
Baqqalaa Buukkoo (PHD) Inistitiyuutii Qo'annoofi Qorannoo Oromootti qorataa afaaniiti.
Afaan kun afaan hojii Federaalaa yeroo taasifamuuf jedhu qamolee gara garaa kanaaf qophii taasisuu qaban keessaa mootummoota Federalaafi naannoodha. Isaan kanarraa qophii gara garaa gochuuti isaanirraa eegama jedhu qorataan afaanii kun.
Mootummooleen kunneen baajata barbaachisu ramaduun meeshaalee (material) gara garaa qopheessuufi leenjiin qopheessuutu irraa eegama.
Qophiin ijoo kanneen armaan gadiiti:
Bu'uura seeraa qopheessuu: Heera, seera, dambii fi qajeelfama keessatti Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa ta'uu ifatti tumuu.
Humna namaa qopheessuu: Hojjettoota mootummaa Afaan Oromoo sirriitti dubbisuu, barreessuu fi hiikuu danda'an leenjisuu; akkasumas ogeessota hiikaa fi gulaalaa baay'isuu.
Sanadoota mootummaa hiikuu fi qopheessuu: Seerota, labsiiwwan, qajeelfamoota, unkaalee fi odeeffannoo tajaajila uummataa Afaan Oromootiin qopheessuu.
Sirna hiikaa mootummaa diriirsuu: Paarlaamaa, mana murtii, ministeerota fi dhaabbilee federaalaa keessatti Afaan Oromoo afaanota hojii biroo hiikuuf sirna qulqullina qabu diriirsuu.
Tajaajila uummataa Afaan Oromootiin kennuu: Uummanni Afaan Oromoo dubbatu waajjiraalee federaalaa keessatti odeeffannoo, tajaajila fi qajeelfama barbaachisaa Afaan Oromootiin argachuu akka danda'u gochuu.
Qajeelfama afaanii fi jechoota ogummaa diriirsuu: Keessumaa seeraa, fayyaa, diinagdee, teeknooloojii, dipilomaasii fi bulchiinsa keessatti jechoota Afaan Oromoo irratti waliigaltee uumuu.
Miidiyaa mootummaa fi kanneen tajaajila uummataa kennan birattis qophiin barbaachisaadha. Fakkeenyaaf, odeeffannoo mootummaa, ibsa, seera haaraa, marii paarlaamaa fi dhimma uummataa Afaan Oromootiin saffisaan fi sirriitti dhiyeessuuf ogeeyyii barbaachisu.
Walumaagalatti, Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa taasisuun murtii siyaasaa qofa osoo hin taane hojii mootummaa Afaan Oromootiin raawwachuu danda'uuf qophii barbaachisurratti xiyyeeffachuun gamanumaan hojjechuu feesisa.



















