Qacceen dhala namaa fi qurxummii tokkoo? Saayinsiin maal jedha?

Qurxummii dhiheenyarraa kaafame
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Dhalli namaa jijjiirama tirannaan qurxummii irraa dhufe yoo jedhame keessummaa ykn waan hin eegamnee fi hin amanamne ta'uu danda'a.

Garuu ragaan kana mirkaneessu kan argame lafee durii keessaa qofa miti, qaama dhala namaa keessattis argameera.

Funyaan, ija, afaan, hidhii fi qaamni hidhii fi funyaan gidduutti argamu, waliigalatti fuulli keenya jalqaba wayita boca godhachuu eegalu kan qurxummiin walfakkaata jedha ogeessi qaama bineensotaa (anaatoomii) Dr Mikaayel Mosilii.

Addunyaarra kanarratti fuulli kee kan ittiin adda baatee beekamtu keessaa isa ijoodha.

Eenyu akka taate, eessaa ykn eenyurraa akka dhuftee fi miira akkamii keessa akka jirtu kan ibsu fuula keeti.

Fuulli lama guutummaatti walfakkaachuu baatullee amaloota walfakkaataa ni qooddatu. Qabeenya fuularra jiran keessa iji, funyaan, afaan fi qaamni hidhii gubbaa fi funyaan gidduu jiru (philtrum) walfakkaatuu danda'a.

Kutaan qaamaa funyaan jalaa hanga hidhii gubbaatti jiru (philtrum) kan nama hundaa wal hin fakkaatu. Kaan duudaadha, kaan ammoo waan akka tooraa ykn bo'oo ofirraa qaba.

Kutaan qaamaa kun hagas mara faayidaa ifatti ba'ee mul'atu hin qabu. Wayituma uumamnu taatee qaama keenya mudatu keessaa tokko ta'uusaati.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Dr Mikaayel Moslii haalli kun duubi keenya qurxummii waliin walqabachuuf agarsiistuudha jedha. Fuulli keenyas haaluma kanaan bocame jedha.

Garaa haadha kee keessatti xiqqoo hanga ija ruuzii ta'uurraa kaatee hanga lubbuu horattutti adeemsa jiru keessatti fuulli namaa bocamuu eegala.

Micireen gadameessa keessatti ji'a jalqabaarraa hanga torban kudhan ta'utti fuulli daa'ima garaa jiruu ni barama.

Jijjiirama kana keessatti caasaan qaamaa dhala namaa kan qurxummiin walfakkaata.

Walfakkeenyi kun nuti dhalli namaa jijjiirama tirannaan sanyii qurxummii irraa dhufuu keenya agarsiisa.

Micireen dhala namaa wayita jalqaba uumamu kan hoosiftoota, simbirroota ykn amfiibiyaanota kaanii waliin walfakkaata jedha Dr Mikaayel.

Fakkeenyaaf iji kee jalqaba gara alaarraa banamuu eegala, achirraa gara gidduutti banamaa deema.

Hidhiin kee gara olii mangaagaa fi laagaa qabatee hanga mormaatti caasaan jiru giilii qurxummiin ittiin harganuun walfakkaata.

Lafeen funyaanii fi walakkaan hidhii gubbaa mataarraa jalqabee gadi qajeela, akkanaan uumame jedha Dr Mikaayel.

Qaamni fuulaa sadan kunneen: funyaan, walakkaan hidhii fi qaamni hidhii fi funyaan gidduutti argamu toora isaa eegee kan qajeelu gadameessa keessatti.

Garuu sararri ykn toorri ba'ee mul'atu hin jiru. Qaamolee fuula irratti mul'atan kunneentu walitti dabalamuun fuula nama tokkoo adda baasu.

Boci fuulaa kun hundi qixaayee kan ba'e gadameessa keessatti. Yoo akkas hin ta'in rakkoo fayyaatti ilaalama.

Haalli kun yoo mudate daa'imman hidhiin ykn laagaan citee dhalachuu danda'u.

Qurxummiin Shaark akkuma qurxummiilee kaanii qaama hormaataa qoma jalaa qaba

Waa'eem akkaataa guddina, caasaa, hojii fi dhaabbii qaama namaa kan keessummaa namatti ta'u ykn adda ta'e kan uumama qurxummiin walqabsiisuun ibsamu qofti jira.

Wayita kana dhalli namaa jijjiirama suuta suutaan qurxummiirraa dhufuu wantoota qabatamaan mul'isan argina jedha Dr Mikaayel Moslii.

Fakkeenyaaf osoo Sharkii qaltee keessa isaatii cidhaan isaa ykn qaamni hormaataa isaa duuba tiruutiin laphee isaa jalatti maxxanee argitu.

Akkasumas kan keenyas qaamni walhormaataa gara olii, tiruu irraa eegala. Kan namaa garuu gadi deebi'a.

Kan dhalaa gara gadiitti guddachuun oovaarii ta'a. Oovaariin kun ujummoo gadameessaa fi buqushaa gidduutti argama.

Kan dhiiraa ammoo cidhaani, gadi bu'ee qola cidhaanii guutuun gadi rarra'a.

Sababa adeemsa kanaan garaan keenya gara gadii laafuun humna dhabee miidhama. Gama kanaan dhiirotatu dubartoota caalaa miidhamu, sababni isaa kan dhiirotaa baayyee gadi rarra'a waan ta'eef.

Rakkoon akkanaa kun inguinal hernias jedhama. Tishuuwwan naannawa qaama saalaa jiran wayita miidhaman uumama. Yeroo baayyee wal'aansa baqaqsanii yaaluu gaafachuu danda'a.

Yoo kun si mudate qurxummii komaadhu.

Kun hundi akkaataan uumama isaa kan qurxummiin walfakkaata.