Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naannoon Amaaraa hojjetoota mootummaa 'hidhattootti makamanii' turaniifi walitti bu'insaan buqqa'an hojiitti akka deebiyan murteesse
Manni-maree bulchiinsa mootummaa naannoo Amaaraa naannichatti A L I bara 2015 irraa kaasee walitti bu'insa hidhannoon gaggeeffamuun hojjetoonni mootummaa 2,167 hojiisaaniirraa buqqa'an akka gara hojiisaaniitti deebiyan murteesseera.
Manni-maree bulchiinsa naannichaa kore idilee gaggeeffateen murtee kana dabarseera.
Murteen mana-marichaa karaa Biiroo Komunikeeshinii naannichaa ibsame kun miidhaa "ol aanaa" naannichatti mudate eereera.
Ibsi kun Faannoo osoo maqaa hin dha'iin "humna badii" jedhee kan ibse yoo ta'u, namoota garee sanatti makamaniiru jedhe gara nagaatti deebiyaa jiru jdheera.
"Mootummaan amantaa cimaa nagaa buusuudhaaf qaburraa ka'uun" murtee kana dabarsuu kan eere ibsi kun, kanneen humnoota hidhattoota Faannootti makamanii turan, sababa rakkoo nageenyaan hojiisaanii dhiisanii deeman, akkasumas hojjetoota mootummaa waggaa shan dura walitti bu'iinsa Cilgaa fi naannoo sanatti dhalateen "sababa eenyummaa isaaniitiin ari'aman" gara hojiisaaniitti akka deebiyan murteesseera.
Ibsi kun hangam kan ta'nitu akka humnoota hidhatanitti makamanii akka turan, hangam isaaniitu ammoo sababa yaaddoon hojii isaanii akka gadhiisan adda baasee hin ibsine.
Mootummaan naannichaa, hojjetoonni mootummaa bifa kamiin qabsoo; hidhannoorraa' akka deebiyan akka taasifame, sababa rakkoo nageenyaatiin hojii itti ramadaman dhiisanii hojjetoonni bahan murtee dabarsuurraa kan ahafe tarkaanfii akka deebiyaniif fudhatame jiraachuu wanti jedhe hin jiru.
Walitti bu'iinsa naannoo Cilgaa tureen "sababa eenyummaa isaaniitiin warra ari'amanidha" hojjetoota jedhe ilaalchisuun odeeffannoo ifa ta'e kan hin baasiin yoo ta'u, A L I bara 2012 irraa kaasee godina Gondara Giddugaleessaatti humnoota nageenyaafi hidhattoota Qimaant gidduutti walitti bu'iinsa ka'ee ture.
Sababa ijoo walitti bu'iinsichaa kan ta'e daangaa sararuu bara ALItti bara 2008tti ta'e gandoota sadi irrattti waliigalteen dhabamuurraa kan ka'eedha. Walitti bu'iinsa mudatee tureen namoota nagaafi qaamolee nageenyarra miidhaan namoomaafi qabeenyaa miidhaa guddaan qaqqabuu gabaafamee ture.
Namoota hojiisaanitti deebi'u jedhaman keessaa 115 hojjattoota mootummaa sababa "eenyummaasaaniin" hojiirraa gaggeeffamanii turan ta'uu mootummaan naannichaa ibse.
Barsiisota 738 dabalatee hojjattoonni mootummaa 2000 ol sababa walitti bu'iinsa naanichatti itti fufee jiruun ammayyuu hojiisaanii idileetti kan hin deebine yoo ta'an, murtee manni marichaa dabarseen gara hojiisaanitti deebi'uun guyyaa itti ramadamanii kaasee mindaan ni kaffalamaaf jedhame.
Naannoo Amaaraa keessatti "nageenyi amansiisaan bu'aa jira" jedhus, naannichatti bilisaan socho'uufi jireenya idileefi tasgabbaa'aa jiraachuun rakkisaa akka ta'e himu jiraattonni.