Haleellaa buufata xiyyaaraa Riyaad irratti gaggeeffameen namoonni 12 ajjeefamanii, 300 madaa'an

Suura yeroo aarri buufata xiyyaaraa Riyaad keessa jiru keessaa yeroo bahu agarsiisu
Ibsa waa'ee suuraa, Suura yeroo aarri buufata xiyyaaraa Riyaad keessa jiru keessaa yeroo bahu agarsiisu
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Haleellaa buufata xiyyaaraa magaalaa guddoo Sa'ud Arabiyaa, Riyaad irratti Sambata halkan gaggeeffameen yoo xiqqaate namoonni 12 ajjeefamanii, 309 kan ta'an ammoo baayyee madaa'uu aanga'oonni himan.

Namoonni ajjeefaman kunneen afur Sa'ud Arabiyaa, lama Baangoilaadish, tokko Ameerikaa, tokko Yordaanos, tokko Filisxeem, tokko Sooriyaa, tokko Sudaan, akkasumas tokko Masirii irraati jedhameera.

Haleellaa kana hordofee sochiin hunduu buufata xiyyaara kanatti taasifamaa ture dhaabbachuu aanga'oonni Sa'udii dubbataniiru.

Haleellaan Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa King Kaaliid irratti raawwatame kun hidhattoota Huutii, Yamaniin ta'uu kan himan aanga'oonni Sa'udii tarkaanfii haaloo bahuu akka fudhatanillee ibsaniiru.

Milishoonni Huutii haleellaa Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa King Kaalid irratti fudhatame kana ilaalchisuun yaada hin kenniin jiru, haata'u malee haleellaa guyyoota dura buufatuma xiyyaaraa kanarratti raawwatamee namoota sadii ajjeesee xiyyaara tokko mancaaseef ammoo itti gaafatamummaa fudhatanii ture.

Onkoloolessa 6 fi 7 haleellaa wal fakkaatu buufata xiyyaaraa Sa'ud irratti raawwatameen namoonni sadii ajjeefamaniiru.

Haleellaa buufata xiyyaaraa Riyaad keessatti argamurratti raawwatamee lubbuu galaafate kanaan booda Huutiin daandiiwwan xiyyaaraa fi imaltoonni buufata xiyyaaraa Sa'ud Arabiyaa akka hin fayyadamne akeekkachiiseera.

Ibsi Huutiin akeekkachiisaaf baase kun kallattiin haleelllaa Smabtaa kanaan kan wal qabatu miti, garuu haleellaa wal fakkaatu Kamisa darbe gaggeessaniif itti gaafatamummaa fudhataniiru.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Haleellaan ammaa kun erga waraana Israa'el fi Ameerikaan Iraan irratti banan hordofee Sa'ud Arabiyaarratti Iraan haleellaa gaggeessitee as isa hamaafi lubbuu galaafatedha jedha gabaasaan BBC Baha Giddu-galeessaa BBC.

Haleellaa Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa King Kaalid irratti Sambata gaggeeffameen ala, Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa King Fahaad kan magaalaa bahaa Damaam keessa jiru cinaattis mudateera jedhan aanga'oonni Sa'ud Arabiyaa.

Abbaan Taayitaa Sivil Aveeshinii Sa'udii ibsa Sambata baaseen, namoota haleellaa kanaan madaa'an keessa kanneen miidhaan isaanii cimaa ta'e waan jiraniif lakkoofsi namoota ajjeefamanii dabaluu danda'a jedheera.

Miidhaan Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa King Kaalid kanarra ga'e hangam akka ta'es qoratamaa jiraachuu ibsi bahe kun ni agarsiisa.

Buufata xiyyaaraa kanatti waanta ta'e namni osoo balaliif xiyyaara seenaa jiruu ijaan arge tokko miidiyaatti akka himetti, "namoonni yeroo rukkutamaniifi baqatan" argeera jedha.

Itti aansuunis ambulaansonni baayyeen buufata xiyyaarichaa yeroo seenan arguu Rooyitarsitti dubbate.

Dubbi himaa tumsa Sooriyaan durfamuu kan ta'e Meejar Jeneraal Turkii al-Maalikii, haleellaan Buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa King Kaalid irratti raawwatame kun imaltoota fi hojjetoota buufata xiyyaaraa galaafateera jedhe.

Haleellaa kanasm, "yakka waraanaati" jechuun ibseera.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Markoo Ruubiyoo haleellaa Buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa King Kaalid irratti raawwatame kana abaaruun, namoota ajjeefaman keessa lammiin US jiraachuu dubbateera.

Haleellaa kana hordofee gaaffii gaazexeessitoonni Tiraampiin "Amma Yunaayitid Isteetis Sa'ud Arabiyaa waliin taatee Huutii haleeluuf karoora qabdii?" jedhamee gaafatamee gaafatameera.

"Eyyeen, carraa ta'uun ni jira, nuti amma waan kana ilaalaa jirra, waa'ee haleellaa kanaas baraa jirra, kanaaf, morteessuf jirra, saffisaan murteessuu qabna," jechuun deebise.

Barreessaan olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Guteereez waa'ee haleellaa buufata xiyyaaraa Sa'ud Arabiyaa irratti gaggeeffame kanaa baayyee yaadda'uu himuun, "seera idil-addunyaa kan cabsedha jechuun gocha aka hatattamaan akka dhaabaniif waamicha taasieera.

Haleellaa kana biyyoonni akka Qaataar, Masirii fi Filisxeemis balaleeffataniiru.

Yunaayitid Kingdamis gargaarsa dabalataa Sa'ud Arabiyaatiif gochuu akka dandeessu ibsiteetti.