'Lafa Oromoon hin jirre nun dhaabin'- Artistiin Daawwiteen wayita biyya ga'u miira itti dhagahame dubbate

Madda suuraa, OBN
Artist Daawwitee Mokonnin turtii biyya bakkee waggoota 27 ta'u booda gara biyyasaatti deebi'eera.
Wayita Buufata Xiyyaaraa Idiladdunyaa Boolee ga'u qondaalota mootummaa, artistoota Oromoo, Abbootii Gadaa fi hiriyoota isaan simatameera.
Wayita simatamu suuraalee miidiyaaleen biyya keessaa maxxansan irratti akka mul'atutti fuula isaarraa miira walmakaatu mul'ata.
Imimmaanii fi gammachuun walmakee mul'ata. Daawwiteen miira kanaa fi waliigalatti waan itti dhagahame irratti wayita BBCtti dubbatu ''waanan biyya biraa deeme natti fakkaate,'' jedhe.
''Biyya kanarraa turtee wayita dhuftu miira walmakaatu sitti dhagahama. An akka nama biyya biraa dhaqe wayiitti natti dhagahame.''
Artist Daawwitee Mokonnin waggoota kurna saditti siquuf biyya alaa kan ture ta'us hojii muuziqaa Afaan Oromoo ittuma jira.
Waggoota shanan darban kana waa'ee biyyaa yaadaa akka ture hime.
''Wayita irraa fagaattu [biyyarraa] waan hedduu ni irraanfatta. Amma wayitan biyya seenu akka haaraattin yaadachuu qaba. Egaa ni ilaalla,'' jedhe.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Artist Daawwiteen karoora qabatee biyya galee wayita BBCtti himu wantoota ijoo lama kaase.
''Tokkoffaa biyyuma ilaaluun dhufe. Inni lammataa ammoo Irreecha irratti konsartii guddaa qopheessuudha,'' jedhe.
Irreecha Hora Finfinnee fi Hora Harsadii irratti konsartii muuziqaa dhiheessuuf akka hojjetaa jiru kan ibse Artist Daawwiteen ''magaalota Oromiyaa kanneen akka Naqamtee, Jimma, Shaashamannee, Adaamaa fi bakkoota biraas deemuuf karooran qaba,'' jedhe.
Artist Daawwiteen maaliif kutaalee Oromiyaarra deemee sagantaa akkasii qopheessuu akka barbaades dubbateera.
''Wayitan biyya kana ture uummata keenya waliin walarginee sagantaa akkasii qopheessuu hin dandeenyu turre. Ofiifiyyuu qilleensarra kan turre. Yoo Rabbi jedhegaa amma hojii kana hojjenna,'' jedhe.
Artist Daawwiteen kutaalee Oromiyaa adda addaa irra deemuun sagantaa qopheessuuf karoora qabatus, haalli nageenyaa yeroo ammaa sagantaa akkasiif yaaddoo ta'uu hin hafu.
Kanarratti wayita dubbatu ''inuma danda'ama. Yoo danda'amuu baatus waan nurraa eegamu inuma yaalla. Lafa Oromoon dhaabbatte inuma dhaabbanna. Bakka biraa dhaabbannu hin qabnu. Lafa Oromoon hin jirre nun dhaabin,'' yaada jedhu kenne.
Simannaa taasifameef uummata Oromoo kan galateeffate Artist Daawwiteen ''kan gadi ba'ee nu simate Oromoodha. Namni ofii haa jiraatu. Bakka namni ofii hin jiraanne Rabbi nama hin kaa'in. Kanaaf bakka namni keenya jiru inuma deemna,'' jedhe.
Yeroo ammaa muuziqaan Oromoo kan kanaan duraa caalaa guddataa jira.
Artist Daawwiteen wayita guddina indastirii muuziqaa Oromoo keessatti argamaa jiru biyya galuunsaa carraa akka banuuf ibseera.
''Wal tumsinee hojjenna. Akkuma duriitti. Duris wayita muuziqaa hojjennu waluma gargaarree hojjetaa turre. Ammas wal gargaarree hojjenna. Sagantaa kanarrattis hundisaaniiyyuu na tumsaa jiru. Ammoo sagantaa sanarratti namni hunduu dhufee sirbuu hin danda'u. Namuma muraasatu danda'a.''
Wayita isaan biyyatti muuziqaa hojjetaa turan weellisaan Afaan Oromoo lakkoofsaan xiqqaa akka turee fi amma daran hedduu ta'uutti akka gammadu, akkasumas carraa guddaan akka jiru hime.

Madda suuraa, OBN
Irreechi bara 2026 kabajamuuf yeroo torbeen tokko hin caalle wayita hafutti konsertii dhiheessuuf karoora kan qabate Artist Daawwitee Mokonnin, qophii sagantaa ammumarraa eegaluu ibse.
''Ammumarraa shaakala eegalaa jirra. Bakka sagantaan itti qophaa'u adda baasu, wantoota dhihaatan... yoo Rabbi jedhe waanuma guddaaf qophaa'aa jirra, Irreecha lamaansaarrattiyyuu,'' jedhe.
Muddee 1999 biyyaa ba'uu kan hime Artist Daawwiteen, kanaan dura wayita artitoonni hiriyoota isaa ta'anii fi kaan gara biyyaatti deebi'an ''yeroosaatti nan gala'' jedhee ture.
Yeroon inni jedhe sun amma ga'uu hime.
''Eeyyee...yeroo sanatu ga'e anaaf. An du'ee reenfi koo biyya kana dhufuu hin qabu. Utuun lubbuudhaan jiruu biyya koo ilaalee achii booda du'uu naaf wayya.
Jiruu kiyya kan kana booda naaf hafte gammadee, uummata kana waliin...bunas dhugaa waliin dabarsuun barbaada,'' jedhe.
''Namni biyyaa ba'e reenfa isaatu biyyatti deebi'a waan jedhu tokkotu baratame,'' kan jedhu Artist Daawwiteen taateen kun akka isarratti taane yaada isaa keessa akka ture ibse.
''Akkas ta'uu hin barbaadu. Akka ilma Oromoo tokkootti waan narraa eegamu gochuufiin barbaada. Waan baayyees gumaacheera. Kanaafuu sabicha gidduu taa'ee yoon waa gumaaches faarfamaa, yoon balleeses adabbii koo fudhataa jiraachuu naaf wayya.''
Artist Daawwiteen sagantaa Irreechaa qofa osoo hin taane biyya turee hojiiwwan adda addaa hojjechuuf karoora akka qabus ibseera.
''Tikeetiin koo banaadha. Yoom akkan deebi'uyyuu hin beeku. Ammaaf magaalota eerre kunneen filanne. Yoo sagantaan dheerates bakka deemnu dabaluu dandeenya.''





























