Halkan darbe naannoo mana jireenyaa L/Jeneraal Taaddeseetti maaltu dhalate?

L/Jeneraal Taaddesee Worredee

Madda suuraa, Amensisa Ifa/BBC

Ibsa waa'ee suuraa, L/Jeneraal Taaddesee Worredee
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Miseensonni humnoota nageenyaa mana jireenyaa Leetenaant Jneraala Taaddesee Worredee eegaa turan kaleessa halkan keessa "akka jijjiiraman" fi maatiin isaas "gadi ba'uu" akka hin dandeenye BBCn maddeen irraa hubachuu danda'eera.

Maatiin dhiyoo Leetenaant Jeneraal Taaddesee akka ibsanitti, Roobii Fulbaana 23, 2026 halkan "wayita sa'aatiin gara 4 fi 5 ta'u keessa" eegdonni kanaan dura turan kanneen birootiin bakka buufamaniiru.

Bulchiinsa yeroo ce'umsaa waliigaltee Piritooriyaatiin hundeeffame waggaa tokkoof kan hoogganaa ture Leetenaant Jeneraal Taaddesee akka eeganiif miseensonni qaamoleen nageenyaa ramadamanii turan erga jijjiiramanii booda maatiin isaa "manaa ba'uu akka hin dandeenye" addi BBC dubbataniiru.

Maatiin biroos "diidaa gara manaatti akka hin galle dhorkamuus" itti dabaluun ibsaniiru.

Leetenaant Jeneraal Taaddeseen ji'oota sadan darban keessa "sochiin isaa daangeffamee manaa akka hin ba'iin" ture kan ibsan maatiin isaanitti dhiyoo, bulchiinsa naannoo Tigraayiin kan ramadaman "eegdonni shan ta'an jijjiiramanii eegumsa gochaa akka turanis," himaniiru.

Haata'u malee, Leetenaant Jeneraal Taaddeseef eegdonni ramadaman lakkoofsi isaanii hir'ifamanii kan ahafan "eegdonni shan ta'an" kaleessa "jijjiiramuu isaanii" ibsaniiru.

Eegdonni kanaan dura turankanneen biroon akka jijjiiraman "hin beekan ture" kan jedhan firri dhiyoo Leetenaant Jeneraal Taaddasee, "har'a irra kaasee hojii xumurtaniittu" jedhamee eegdota duraan turanitti himamuu ibsaniiru.

"[Eegdonni hafan] kaleessa [Roobii] kallattii afuriin naannoo sanatti naanna'an. Tasa gara dallaatti itti dhufan. Isaan [eegdonni duraan turan] haala hin beekneen har'a irraa kaastanii hojii xumurtaniittu."

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Roobii Fulbaana 23, 2026 hanga Kamisa har'aatti eegdonni mana jireenyaa Leetenaant Jeneraal taaddesee Worredee keessaa fi alaan jiran 10 ol akka ta'an maddeen BBC naannoo sana ture beeksiseera.

Eegdota kanaan dura turaniin "humna poolisiin bakka buufameera, kan eegu nuhidha, bahaa, saatii kanaan booda dhorkamtaniittu," jechuun dubbachuu isaanii dabaluun ibsaniiru.

Miseensonni nageenyaa eegdota Leetenaant Jeneraal Taaddesee jijjiiran, "eenyuun akka ramadaman waraqaa ibsu akka hin qabatiin," maddeen BBC dubbataniiru.

Mootummaan federaalaa bara aangoo Leetenaant Jeneraal Taaddesee waggaa tokkoof dheeressuu erga beeksiseen booda, murtee kana kan morme TPLF, "mana maree mootummaa Tigraay filannoo waggaa ja'a dura gaggeeffameen gara hojiitti" deebisuun isaa ni yaadatama.

Kaabineen Dr. Dabretsiyon Gabremikaa'eliin durfamu gaafa walga'ii isaa jalqabaa gaggeeffate Leetenaant Jeneraal Taaddeseen aangoo mootummaa yeroo ce'umsaa humnaan akka qabate dubbachuun isaanii ni yaadatama.

Maatiin Leetenaant Jeneraal Taaddesee Woredee BBCn ji'oota dura dubbise, "akka hidhaa mana keessaatti" akka itti dhaga'amu ibsan.

Itoophiyaatti ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Maasingaa gara Maqaleetti imalee Leetenaant Jeneraal Taaddesee waliin dubbachuuf beellama qabatee kan ture ta'ulleen, "qaama ol aanaarraa kan darbedha" ajaja jedhuun osoo wal hin argiin hafuu isaanii dubbatanii ture.

Roobii kaleessaa humnoonni Tigraay buufata xiyyaaraa Maqaleetti argamu to'atanii jennaan balaliin addaan cituu ibsamuun booda bakkeewwan naannolee Affaar fi Amaaraa daangessan keessatti walitti bu'iinsi gaggeeffamuun isa gabaafameera.

Gamtaan Afrikaa, Gamtaan Awurooppaa, akkasumas Ameerikaa dabalatee dhaabbileen idil-addunyaa walitti bu'iinsi kun akka dhaabbatuuf ibsa gaafatu baasaniiru.

Aanga'aa ol aanaa mootummaa federaalaa fi pirezidantiin duraanii mootummaa yeroo ce'umsaa naannoo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaa kaleessa fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti barreeffama qoodeen humnoonni TPLF waraana banuu isaanii ibseera.

Gaggeessitoonni TPLF naannoo Tigraay hogganan gama isaaniitiin ibsa baasaniin, haleellaa humna raayyaa ittisa biyyaatiin nurratti baname jedhan ofirraa ittisuudhaaf tarkaanfii akka fudhatan ajajamuu isaanii ibsaniiru.