Dubartoonni gameeyyiin UN hoogganuuf dorgomaa jiran eenyufaadha?

Bitaa gara mirgaatti Kaarolaayin Roodiriigeez, Rebeka Giriinispan, Maariyaa Farnaandeez, Ivoon A-Baakii fi Misheel Baashileet
Ibsa waa'ee suuraa, Bitaa gara mirgaatti Kaarolaayin Roodiriigeez, Rebeka Giriinispan, Maariyaa Farnaandeez, Ivoon A-Baakii fi Misheel Baashileet
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Kora waliigalaa 81ffaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) kan bara kanaa Fulbaana 22 irraa eegalee hanga 26tti gaggeeffamuun walqabatee itti aanee eenyu akka jaarmiyaa addunyaa kana hoogganu ajandaa ta'eera.

Bara 2016 Ban Kimuun irraa baallii fudhachuun marsaa lamaaf UN kan hogganan Antooniyoo Guteereez yeroon aangoosaanii Muddee obba'a.

Hoggansa UN itti aanuuf kan kaadhimaman namoota sagal yoo ta'an isaan keessaa ja'a dubartoota.

Amma garuu dubartiin tokko dorgommii keessaa ba'uun dubartoota shanii fi dhiirota saditu morkataa jiru.

Kaadhimamtoonni dubartootaa dorgommii keessa jiran Kaarolaayin Roodiriigeez Birket, Rebeka Giriinispan Mayufis, Maariyaa Farnaandeez Epinoozaa Gaarsis, Ivoon A-Baakii fi Misheel Baashileet Yeeriyaa jedhamu.

Dhiironni ammoo Rafaa'el Mariyaanoo Giroosii, Olaaraa Otunnu fi Maakii Saal.

Ofii dubartoonni dorgomaa jiran kunneen eenyu?

Kaarolaayin Roodiriigeez Birket

Kaarolaayin Roodiriigeez Birket

Dubartii umrii waggaa 52 kan taate Kaarolaayin Roodiriigeez Birket Waxabajjii 15 biyya ishee Guyaanaa jedhamtuun kaadhimamte.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Biyya Ameerikaa Kibbaa kanatti ministira dhimma alaa ta'uun tajaajilteetti.

Bara 2020 irraa hanga ammaatti Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti biyyashee Guyaanaa bakka bu'uun tajaajilaa jirti.

Dubartii jalqabaa biyya keessatti aangoo sadarkaa olaanaa argattee fi ministira dhimma alaa ta'uun tajaajiltedha.

Dippiloomaatii jabduu jedhamuun kan faarfamtu dubartiin kun, Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Jaarmiyaa Nyaataa fi Qonnaa keessatti aangoo olaanaa qabattee turte.

Roodiriigeez Birket yoo hoggantuu UN taatee filatamte aangoo kana qabachuun dubartii jalqabaa taati.

Akkasumas biyyoota Kaaribiyaan keessaa nama jalqaba aangoo kana qabate taati.

Dubartiin kun mala ittisa walitti bu'iinsaa waraanaa jabaa diriirsuun akkasumas jijjiirama qilleensaa irratti tarkaanfii fudhatamu cimsuun UN irra caalaa bu'a qabeessa akka ta'u gumaachuuf karoora qabaachuu himte.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii addunyaarratti fudhatamummaa qabu deebifachuu qaba jette.

''UN hojii nageenyaa fi tasgabbii irratti hojjetuun madaalama.Garuu hojiin UN sanaa oli. Misooma, mirga namoomaa fi kaaniinis madaalamuu qaba.''

Rebeka Giriinispan Mayufis

Rebeka Giriinispan Mayufis

Rebeka Giriinispan Mayufis dubartii umrii waggaa 70 yoo taatu Bitootessa 3, 2026 biyya ishee Kostaa Rikaadhaan kaadhimamte.

Dippiloomaatii jabduu yaada jijjiiramaa tumsituu fi dameewwan garagaraa keessatti hirmaachuun beekamtuudha.

Dhimma koorniyaarratti hojjechuun gumaacha guddaa qabdi.

UN akka dhaabbata addunyaarratti gama nageenya, misoomaa fi mirgoota namoomaan jijjiirama fiduuf kutannoo qabuutti qalbii guutuun amanuushee ibsiti.

Pirezidantii Itti Aantuu Kostaa Rikaa ta'uun tajaajilteetti. Akkasumas UNtti jaarmiyaa Daldalaa fi Misoomaa hoogganaa turte.

Garuu dorgommii kanaaf jecha Fulbaana kana keessa aangoo kana dhiiste. Jireenya maatii fi tajaajila uummataa keessaa tokko filachuuf jecha jaarmiyaa kana dhiisuu himte.

Dubartii jalqabaa jaarmiyaa kana hooggante ta'uun akka muuxannoo hooggansaa guddaa argattu ishee gargaaruu dubbatte.

"An kunuunsa addaa osoo hin taane walqixxummaan eega,'' jechuun Rooyitarsitti dubbatte.

Giriinispan yoo filatamte dubartii jalqabaa UN hooggantu taati.

Ogeettii diinagdee kan taate Giriinispan ''akka hoggantuu ga'umsa barbaachisaa qabduutti'' of ibsite.

UN duudhaasaa eeggachaa qooda fudhattoota kaan waliinis qindoominaan akka hojjetu akka mirkaneessitu dubbatte.

Dubartiin kun bara 2022 erga Raashiyaan weerara Yukireen irratti raawwattee booda Moskoo fi Kiiv gidduu jaarsummaan seenuun midhaan nyaataatti akka daandiin hin cufamne gumaachiteetti.

Giriinsipan seenaashee wayita dubbattu maatiinshee warra duula Holokast uummata Yihuudaa irratti raawwatamerraa warra hafan ta'uu himte.

Maatiinshee haleellaa sana jalaa baraaramuun gara Kostaa Rikaa godaanuu dubbatte.

Maariyaa Farnaandeez Epinoozaa Gaarsis

Maariyaa Farnaandeez Epinoozaa Gaarsis

Maariyaa Farnaandeez Epinoozaa Gaarsis biyyoota Kaaribiyaan keessaa kan taate biyya Antigua and Barbuda jedhamtutu Caamsaa 11, 2026 kaadhimuun dhiheessite.

Kaadhimamummaan dubartii kanaa biyya Antigua and Barbuda jedhamtu kanaan dhihaatus, garuu biyyashee, Ikuwaadoriin hin deeggaramne.

Bara Pirezidantii duraanii Rafaayeel Korriyaa ministira dhimma alaa fi ministira ittisaa Ikuwaadoor ta'uun tajaajilteetti.

Dubartiin umrii waggaa 61 kun UN keessatti gorsituu ta'uun tajaajilteetti.

Dhaabbata miti-mootummaa dhimma lubbu qabeeyyii ykn bidoollee (biodiversity) keessa akkasumas dhimma jijjiirama qilleensaa fi imaammatoota namoota ganamaa (indigenous people) irratti hojjechuun muuxannoo qabdi.

UNtti ambaasaaddara Ikuwaadoor kan turte dubartiin kun, pirezidantii Kora Waliigalaa UN taatees hojjettee beekti.

Kun hundi jaarmiyaalee idiladdunyaa hogganuuf muuxannoo ta'uufii mul'ata hoggansa UN ta'uuf qabatte keessatti ibsiteetti.

''Mul'ati kiyya salphumatti waan tokkorratti bu'uureffame: UN waan dursa kennamuufii qaburratti hojjechuuf ija jabinaa fi onnee duraatti deebi'uu qaba, galma isaaf siyaasa ifa qabaachuu qaba, ofitti amanamummaa deebisuu qaba.''

Qormaata uummanni addunyaa waliin qabu karaan ittiin furuun danda'amu karaa UN ta'uu kan ibsite dubartiin kun, garuu dhaabbaticha keessatti fooyya'iinsichi akka barbaachisu yaada kenniteetti.

Ivoon A-Baakii

Ivoon A-Baakii

Maatii Libaanos irraa kan dhalatte dippiloomaatiin Ikuwaador Ivoon A-Baakii Hagayya darbe odoola Tonga jedhamtuun kaadhimamte.

Bara 1975 hanga 1990 wayita waraanni waliinii Libaanos keessa ture biyyattii keessa turte.

Achirraa ka'uun duulli isheen gaggeessaa turte walitti bu'iinsa ittisuu irratti xiyyeeffata.

Dubartiin umrii waggaa 75 kun yoo filatamte waan gochuuf karoorfatte wayita ibsitu: ''Bakka rakkoottin argama, Niwu Yoork waajjira keessatti, teessoo irra taa'uuf miti. Bakka waraanni jiru, iddoowwan muddamni itti mudatetti argamuun qaama ilaallatu hunda kallattiin hirmaachiseen akka rakkoon hin dhalanne godha,'' jette.

Kaadhimummaan ishee deeggarsa US akka qabu kanaan dura Raadiyoo Ikuwaador irratti dubbattee turte.

Pirezidant Doonaald Tiraamp fi pirezidantii duraanii Bil Kilintan waliin michummaa jabaa akka qabdus dubbatteetti.

Dhimma kanarratti gama US irraa wanti dhagahame hin jiru.

UStti ambaasaaddara Ikuwaador ta'uun tajaajilteetti. Akkasumas Qataaritti ambaasaaddara biyyashee ta'uun hojjetteetti.

Biyyoota Galoo Galaanaa waliin hidhata guddaa qabaachuushee Tonga odoola jedhamtuun filatamuusheetti ragaa guddaadha.

Dubartiin kun hojii jaarsummaas hojjetteetti. Wayita Ikuwaador fi Peeruu gidduutti bara 1995 daangaa irratti walitti bu'iinsi mudatee ture gidduu seenuun araarsuu keessatti ga'ee olaanaa gumaachite.

Waraana hedduu argaa, keessatti hirmaataa akka guddattee fi muuxannoo araarsuu akka qabdu miidiyaa hawaasummaarratti ibsite.

Kanaafuu UN gama kanaan akka cimu ga'eeshee gumaachuun galma ishee ijoo ta'uu ibsite.

Misheel Baashileet Yeeriyaa

Misheel Baashileet Yeeriyaa

Dubartii gameettii siyaasaa umriinshee waggaa 74 ta'e kana kan kaadhiman Chiilii, Biraaziil fi Meeksikoodha.

Bulchiinsa Augusto Pinochet jalatti daran akka dararamte kan himamu dubartiin kun, bara 2006 pirezidantii dubartii jalqabaa Chiilii taate.

Ergasii marsaa lama pirezidantummaan kan tajaajilte yoo ta'u dhaabbilee UN garagaraa keessas hojjetteetti.

Komishinara olaantuu Komishinii Mirgoota Namoomaa UN ta'uun tajaajiltetetti.

Bara 2010 hanga 2013 jaarmiyaa UN Women jedhamutti daarektara olaantuu ejensii mirgoota dubartootaa taatee hojjetteetti.

Kaadhimamummaan dubartii kanaa Biraaziil fi Meeksikoon deeggaramus biyyishee Chiiliin garuu boodarra dubartii kana deeggaruu keessaa of baaste.

Baashileet dhimma ulfa baasuu irratti deeggarsa ishee mul'isuun warra konsarvaatiiv jedhamaniin guddoo qeeqamte.

Ebla darbe UNtti ergamaa US kan ta'e Maayik Waaltiz dubbii kaadhimummaa dubartii kanaa gatii dhabsiisu taasisee ture.

Yaada seenatarri US Piit Risheet akka isheen UN hogganuuf ga'umsa hin qabne kaase akka qooddatu ibse dippiloomaatiin US kun.

Seenetarri kun Misheel Baashileet wayita qondaala mirga dhala namaa UN turte yakka duguuggaa sanyii Chaayinaan Muslimoota Uhiiguur irratti raawwattee ilaalchisuun tarkaanfii ga'aa hin fudhanne jechuun morme.

Waa'ee kaadhimamummaa isheerratti Chaayinaan hanga yoonaa yaada hin kennine.