'Oromoon wal malee fira akka hin qabne arginee jirra'- Obbo Baqqalaa Nagaa

Obbo Baqqalaa Nagaa
Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Baqqalaa Nagaa
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 7

Obbo Baggalaa Nagaa bara bulchiinsa mootii Hayila Sillaase irraa eegale akkasumas Sirna Dargii fi ADWUI keessattis kanneen adda durummaan sochii siyaasaa gaggeessa turan keessaa isaan tokko.

Qabsoon taasifamu garuu qabsoo karaa nagaa ta'uu akka qabu amanu.

Gaaga'ama qabsoo hidhannootin ummata irra ga'u irratti yaaddoo guddaa kan qabu. Keessumaa yeroo ammaa ummatni Oromoo tukkumma isaa cimsachuu akka qabu gorsu.

Jijjirama siyaasaa bara 2018 booda jechuunis, waggoottan kurna bara bulchiinsa MM Abiy Ahimed ummatni Oromoo waan barootaf qabsaa'aa ture argateera? kan jedhu gaaffii ijoodha.

Deebiin isaa deeggartootaa mootummaa fi mormitoota biratti garaagarummaa qabachuu mala.

Haa ta'u malee, namootni yeroo dheeraaf sochii siyaasaa fi gaffiin Oromoo deebii ga'aa akka argatuuf qabsaa'aa turan maal jedhu?

Waanti Oromoon waggootaaf qabsaa'aa ture deebii argeteera? Waan hafe hoo akkamiin irratti hojjachuu barbaachisa?

Dhimma kana irratti obbo Baggalaa Nagaa BBC waliin turtii taasisaniiru. Isaan motummoota Itoophiyaa bulchaa turan sadii irratti qabsaa'aniiru.

Ammallee miseensa paartii Kongireensii Federaalaa Oromoo fi meseensa koree giddu galeessaa paartichaa ta'uun qabsoo barootaf gaggeessa turan itti fufaa jiru.

Keessumaa qabsoo mormii Master Pilaanii Finfinnee keessatti sochii taasisaa turanii fi dararaa sirnichi ummata irraan gahaa ture miidiyaalee addunyaaf himuun ummata biratti guddaa yaadatamu.

Mormii sanatu boodarra gara warraaksa ummataatti jijjiramuun, jijjiirama siyaasaa bara 2018'tti Itoophiyaa keessatti dhufef sababa tokko ta'e.

Garuu bu'aan qabsoo sanan booda argame ija qabsaa'ota buleeyyiin akkamiin ilaalama ?

Obbo Baqqalaan erga bulchiinsi MM Abiy Ahimed erga aangoo qabatee booda maal taajjaban? Gaffileen Oromoo kanuma duriiti moo jijjiramaniiru?

Dhalootni itti aanuu akkamiin qabsaa'uun gaaffiilee sabaa deebisuu qaba?

Gaaffiin Oromoo hafe akkamiin deebii argatu?

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Akka obbo Baqqalaan jedhanitti, waanti dargaggumaan qabsoo barattoota Itoophiyatti akka makaman isaan taasise tokko gaaffi eenyummati.

Ummatni Oromoo eenyummaan isaa kabajamee, afaani fi aadaan isaa eegamee akka jiraatuuf qabsoo taasisaa turan.

"Biyya kana keessatti jibba Afaan Oromoo, aadaa Oromoo, walumaa galatti jibba Oromoo cimaatu ture. Kun akka jijjiramuuf sirna sadii oliin wal'aansoo qabaa turre.'' jechuun himu.

Haa ta'uu malee gaffiin ummata Oromoo kun ammallee ''sirnaan deebii akka hin arganne" himu.

Akka Obbo Baqqalaan jedhanitti, ammallee abbaan biyyummaa Oromoo gaaffi keessa jira.

Daangaan Oromiyaas kallattii hedduun cabaa, dhiibamaa, ummatnis irraa buqqifamaa jira.

''Amma gara Wallaggaatiin, gara Harargeetin, gara Baalee fi Booranaan akkasumas gama biroo daangaan Oromiyaa dhiibamaa hin jiruu?

Ammayyuu Oromoo qe'ee isaarratti ajjeesuufi ydirqiin irraa buqqisuu argaa jirra.

Kan biraa haa hafuu Afaan Oromoo Afaan hojii federaalaa ta'uu hin dandeenye.

Filannoon dhugaa biyya kana keessatti gaggeefamee Oromoon nama ofii filateen bulaa hin jiru.

Akka obbo Baqqalaan jedhanitti erga jijjiramni siyaasaa bara 2018 taasifamee as illee Oromoon moggeefameera.

Garuu gaaffileen kunneen kan deebii argatan afaan qawween utuu hin taane karaa nagaa fi Oromoon wal wajjiin walii galuudhani jedhu.

''Mootummaan kun waan baay'ee jijjira jennee, inuma eegna inuma eegna, har'a bor utuu jennuu waanti baay'een umtuu utuu hin fooyya'iin yoona ga'e. Ammayyuu dhiibbaa guddatu jira.''

Haa ta'u malee maaltu falaree inni jedhu waligaltee fi tokkummaa Oromoo cimsuu akka ta'e dubbatu. Furmanni kan argamus karaa nagaa fi marii dhuggarratti hundaa'een ta'uu eeru.

Akka qondaalli kun jedhanitti Mootummaan aangorra jiru Oromummaa caalaa Itoophiyummaa ijaaru irratti xiyyeefate.

''Itoophiyaa cimsuun Oromoo cimsuudha isa jedhu ani hin fudhadhu. Kan ta'uu qabu silaa faalladha. Dura Oromoon yoo cime biyyaa Itoophiyaa kanas isatu cimsa.''

'Mariin dhugaa Oromoo tokkoomsu gaggeefamuu qaba.'

Obboo Baqqalaa Nagaa
Ibsa waa'ee suuraa, Obboo Baqqalaa Nagaa

Itti dabaluunis, gaaffii biroo ummatni barootaaf kaasaa ture kan dinagdee ta'uu eeru Obbo Baqqalaan

''Kaleessa yeroo nuti qabsoo eegallus, Oromoon lafaafi qabeenya isaatti fayyadamuu hin dandeenye ture.

Ammas waanti argaa jirru badaa waan Oromoo dinagdeen cimsuu miti. Gubbarraa mootummaan jijjiraamus, jalli garuu isuma kaleessati.

Abbaan saamu sun garaa gara ta'uu danda'a ta'a malee, har'as saamichi lafa Oromoo, albuudaa Oromiyaa fi maagolataa Oromiyaarra hin dhabbanne.

Magaalaa fi baadiyyaa naannawa daangaatti Oromoo lafa isaarra buqqisuun hin dhaabanne.''

Waa'ee magaalaa Finfinnee irratti har'as qabeenya Oromoo saamuuf Ormi akka rafee hin bullee fi Oromoon nama isaaf tumsu akka hin qabne argineerra jedhu.

Kanaaf dinagdeen egeree Oromoof abdiichaasaa ta'e sirnaan irratti hojjatamaa deemuu barbaachisa.

Bulchiinsa ammaa keessatti olollii Oromootu aangoo dhuunfate jedhu soba. Ammayyuu Oromoon bakka bu'iinsa sirrii aangoo Federaalaa keessatti hin arganne jedhu.

''Ummatni Oromoo akka lakkoofsaa fi gita isa madaalutti ykn qabsoo biyya kanaaf taasiseetti mootummaa Federaalaa keessatti iddoon hin kennamneef.

Dhaabbileen Oromoo iddoo hin arganne, Biyya kanaaf kan qabsaa'e OPDO qofas miti. Hirmannaan qabsoo Oromoo itichuu fi jabeessu jiraachutu irra jira. Ana malee isin biyyaaf hin yaaddaniin fudhatama hin qabu.''

Ummatni keenyaa waan gatii itti kanfaleef, waan ijoollee isaa itti wareegeef argachuu qaba. Garuu haqa fi tajaajila argachuu barbaade har'ayyuu mallaqaan bitataa jira. Kun akka ta'uuf miti umurii guutuu kan qabsoofne.''

Akka Obbo Baqqalaan jedhanitti, hanga gaaffileen kunneen deebii hin argannetti gaaffiileen Oromoo ijoo ta'an deebi'aaniiruu Oromoon aangoo qabachuun fayyadamaa ta'ee jira jechuu akka isaan hin dandeessifne ibsu.

Kanaaf furmaatni ammoo mariin dhugaa Oromoo tokkoomsu gaggeefamuu qaba jedhu.

Obbo Baqqalaa Nagaa ammas carraan Oromoon qabu wal qabatee tokkummaan tarkaanfachuu ta'uu dubbatu.

''Waa'ee Finfinnee Ormi Oromorraa fudhachuuf taasisaa jiru irratti eenyumtuu Oromoo akka hin gargaarree argine jirra. Oromoon walii isaa malee fira hin qabu''

Kanaaf, Oromoon jabaate cimee rakkoo gidduu isaa jiru furatee, isa kaan bulfatee, saboota kaan waliinisi marii dhugaa taasisee fuulduratti deemuu qaba jechuun dhaamu.

Mootummaanis Itoophiyummaa ijaaruu dura qabsoo Oromoo Itichuun, gamtaa cimsuu akka wayyu akeekan.

''Fakkeenyaf gaaddisa Oromoo ijaaruuf yaallee rakkoo guddatu nu muudate.

Fedhiin akkasii gama mootummaatin hin jiru, dura silaa kanatu hojjatamuu qaba.

Diinni qabsoo Oromoo kolaasuuf sochii taasisaa jira. Isa kana dhalootni itti dammaqee wal qabatee tokkumaan fuulduratti tarkaanfachuu fi waan mirkaneeffachuu barbaade akka galmaan ga'atu dhaaman.

'Bitaaf Mirga ilaaluu hin barbaachisu..'

MM Abiy Ahimed
Ibsa waa'ee suuraa, MM Abiy Ahimed

Deebiin gama mootummaa biyya bulchuun jiru ammoo mootummaan waggoota saddeetan darban biyya bulchaa jiru gaaffilee oromoo barootaf turan irra caalaa deebiseera kan jedhudha.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad baatii Hagayyaa darbe keessa gaaffii fi deebii miidiyaa mootummaa waliin taasisan irratti waa'ee gaaffiilee Oromoo jaarraa tokkoo ol ture irratti dubbatanii ture.

Akka isaan jedhanitti gaaffileen Oromoo irra caalaan deebii argataniiru.

Gaaffii guddaan ture gaaffii bilisummaati, amma ummatni Oromoo bilisoomuu qofa miti deebi'ee tasuma gabroomuu hin danda'u jedhan

"Oromoon bilisoomeera. Bitaa mirga, duubaaf fuuldura ilaaluun hin barbaachisu Oromoon guutummaatti bilisoomeera.''

Akka Ministirri muummee jedhanitti, kana booda Oromoo bilisoomsuuf qabsaawuun gowwummaadha.

Bilisummaa qaamaan ykn aangoo qabachuu qofa miti, Oromoon sammuun isaa bilisoomeera kana booddee goonkumaa gabrummaaf qophii miti jedhan Dr. Abiy

Gaffiileen oromoo lafa isaarra buqqisuun wal qabatu, gaffiiwwaan dingdees akkasumas gaafiin ofiin of bulchuu fi dimokiraasii Oromoon barootaaf gaafataa falmataa ture ilmaan isaan deebii argatee jechuun ibsu.

Haa ta'uu malee, kanneen guutumaa guututti hin deebinee fi fulduratti deebi'uuf jiran akka jiranillee hin haalle.

Obbo Baqqalaan Eenyu?

Obbo Baqqalaa Nagaa Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Noonnotti dhalatanii guddatan.

Bara 1966 wayita dargaggootni Itoophiyaa "Lafti kan qonnaan bulaati" jechuun sirna mootii Hayilasillasee irratti mormii kaasaan barnoota Yuuniversitii Finfinnee adda kutuun umurii dargaggummaan qabsotti makaman.

Yeroo Dargiin aangoo qabatu ammoo jijjirama sana tumsaa waan turaniif bakka dhaloota isaanii Iluu Abbaa Booratti deebi'uun labsii lafti qotee bulaaf jedhu akka hojiirra akk oolchaniif filataman.

Achittis qotee bulaa gurmeessuu fi sirni haaraa lafa qabsiisuuf hojjataa turan. Carraa argatan kanaanis waldaa qonnaan bultootaa dhaabuun mirga isaaniif tokkummaan akka falmatan kakkaasa turan.

Sababa qonnaan bultootni gaaffii mirgaa cimsiniif mootummaan Dargiis Obbo Baqqalaa shakkuun yeroo sadii ol mana hidhaa keessatti darare.

Erga mana hidhaatii bahanis, 'ammas sirni kun kan Oromoof ta'u miti kan jedhuun qabsootti dachaane' jedhu.

''Dararaa fi miidhaan Oromorra gahu akka ilma Oromoo tokkootti guddaa natti dhaga'ama ture .' jedhu

Erga ADWUI'n aangoo qabatees ammas Oromoon angoo biyyaa bulchuurraa waan dhiibameef qabsoon Oromoo daraan akka jabaatu kanneen cichanii qabsaa'an keessa isaan tokko.

Sirnichis hayyootaa fi qabsaa'ota Oromoo ajjeessuu fi hidhuun ummaticha jiilchuuf yaaliin taasifamus, Oromoon garuu jiiluu dide jedhu.

Obbo Baqqala Nagaa , hiriira maastarpilaanii mormuuf magaalaa Finfinneetti taasifame yeroo gaggeessan.
Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Baqqala Nagaa , hiriira maastarpilaanii mormuuf magaalaa Finfinneetti taasifame yeroo gaggeessan.

Obbo Baqqalaan, dhuunfa dhuunfaan socho'uu caalaa garee fi tokkummaa ummataa tolfachuun caalatti jabaachuun sirna sana kuffisuu irratti akka hojjatamu itti amanuun gara Paartii siyaasatti makamuu murteessan.

Paartilee yeroo sana karaa nagaan sochii siyaasaa taasisaan keessaa paartii Warraaqsa Federaalawaa Dimokraatawaa Oromoo (WFDO) makaman.

Kuni qoftis ga'aa hin turre Paartilee Oromoo iddoo aadda addatti ijaaraman walitti fiduun paartii jabaa tokko ijaaruu irratti xiyyeefatan.

Paartilee akka kongireensii Biyyaalessaa Oromoo (KBO) fi WFDO walitti fiduun partiin 'KFO' amma kun akka hundaa'uuf namoota shoora guddaa ba'an keessa isaan tokko.

''Tokkummaa paartilees cimsaa harka tokkoon Oromoo ijaaraa harka tokkoon TPLF wal'aansoo qabaa turre.''jechuun ibsu.

''Yeroo san ifatti saba Oromoo guddaa kana xiqqeessuun, lafa isaa bal'aa kanas dhiphisuun ni dand'amaa jedhamee dulli nurratti baname. Nuti immoo hin didne dhalootni akka didus kakaafne tokkummaan dura dhaabanne.''

Kanumaan boodarra mana keessatti isaan ugguruu himu.

'' Waggaa tokkoo oliif mana keessatti na hidhan. Akkan gadi bahee hiriira nagaa hin waamne, akkan hin dubbanne hin barressine, biiroo hin seenne na ugguran.

''Kana booda yaalii tokko gootanii jennaan isin ajjeefnee lafuma balfi gatamutti isin gannaa'' jedhanii qabsoo kanarraa na fageessuuf yaalan.

Ani hidhamus Oromoon garuu didee falmatee sirna san ofirraa kaase jechuun himu.

Ta'us garuu ammas qabsoo hin dhiifne. Paartii KFO keessatti koree giddu galeessaa ta'uun hojjata jiru.

''Dargaggootni lafaa dhufoon yaada haaran qabsoo kana fuulduratti haa butan jenneen bakka gadi dhiifneef'' jedhu.

Ta'us garuu tokkummaa Oromoo fi dhaabbilee Oromoo irratti hojjachuu akka itti fufan ibsaniiru.