Finfinneetti halkan waarii dho'insi dhaga'amuu jiraattonni himan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Namoonni Finfinnee bakka gara garaa jiraatan BBC Amharic dubbise kaleessa halkan sa'aatii 6:00 booda dho'nsa jabaa dhaga'uu dubbatan.

Burqaan Oduu Rooyitars gamasaatiin maddeen dippilomaasii eeruun Finfinnee keessatti Roobii halkan waarii dho'insi dhaga'amuu gabaaseera.

Namoonni BBC Amharic dubbise Finfinnee naannawaa Gootaraa fi Beeteel jiraatan dho'insa kana kan dhaga'an halkan waarii booda sa'aatii 6:20 irratti ta'uu dubbatan.

Jiraataan naannawaa Gootaraa jiraatuuf sababa nageenyaaf jecha akka maqaan isaa hin eeramne gaafate halkan waarii sa'aatii 6:20 irratti osoo taa'anii hojii hojjechaa jiranii "dho'insa guddaan gamoo keessa jiran sochoose" dhaga'uu dubbate.

"Dho'insi kun jabaa ture, alaarmiin konkolaataallee akka iyyu taasiseera," kan jedhu jiraatan kun, dho'insa kana kan dhaga'e tilmaamaan halkan waarii naannoo sa'aatii 6:20 hanga 6:30 gidduu akka ta'u BBC Amharic'tti dubbateera.

Waan uumame kana qulqulleeffachuuf manasaa keessaa akka ba'e kan dubbatu namni kun sochii adda ta'e akka hin argiin hime.

Dho'insi kun kallattii Xoor Hayiloochiirraa ta'uufi Aratanyaa Kifila Xoor irraa ta'uu isaa garuu yaalii qulqulleeffachuuf taasiseen hin milkoofne jiraataan kun.

Dargaggeessi biraa naannawaa Beeteel 'geemii taphataa' turre jedhe gamasaatiin inniifi hiriyyoonni isaa halkan keessaa sa'aatii torba irratti dho'insa dhaga'uu fi naannoo mana jireenya isaaniitti waan dhiyaatuuf bakka Waajirri Muummee Raayyaa Ittisa Itoophiyaa itti argamu naannawaa Xoor Hayilooch ta'uu akka danda'u dubbate.

BBCn dhimma kana qulqulleeffachuuf Humna Ittisaa Itoophiyaa, akkasumas Waajira Ministeera Muummee karaa bilbilaa fi iimeeliin gaaffiin dhiyeesseef ammatti deebii hin arganne.

Sabaa himaaleen Poolisii Federaalaa fi Finfinnee gama isaaniitiin, dhimmichi akka isaan hin ilaallanne ibsuun deebii kennuurraa of qusataniiru.

BBCn waa'ee dho'insa mudate jedhame kanaa fi miidhaan qaqqabe jiraachuu isaa qaama walaba ta'erraa qulqulleeffachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

Jiraattonni BBCn dubbise kunneen garuu dho'insi kun kan mudate si'a tokko qofa ykn isaa ol ta'uu isaa mrkaneeffachuu hin dandeenye.

Dho'insi kun kan dhagaa'ame Tajaajilli Odeeffannoofi Nageenya Biyyaalessaa (NISS) Roobii Fulbaana 30, 2026 irraa kaasee yeroo hin murtoofneeef Finfinneefi naannawaasheetti diroonii kamuu balaliisuuf hayyamni akka hin kennamne beeksisuun boodadha.

Dhaabbatichi ibsa fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti baaseen, ''hayyamni diroonii balaliisuu kamuu yeroof hin kennamu'' jedheera.

Waajirichi akeekkachiisa kenneen qaama kamuu diroonii fi wanta biraa balaliisu hordofuun bakka jiruu to'achuun seera dura akka dhaabu beeksiseera.

Dirooniiwwan osoo balali'anii argaman butuun bakka barbaachisutti qubachiisuun akka qoratus hime.

Torban darbe gareen hidhattootaa tumsa tolfachuu erga beeksisaniin booda Kaaba Itoophiyaatti waraanni ka'eera.

Mootummaan Naannoo Affaar fi mootummaa Federaalaa cinaa hiriiruun lolaa kan jiru Humna Nagaa Tigraay gareen jedhamu Waraanni Ertiraa daangaa Itoophiyaa cabsee seenuun kallattiin lola keessatti hirmaachuu isaa BBCtti himeera.

Itti gaafatamaa Kominikeeshinii Naannoo Affaar kan ta'an Obbo Mohaammad Alii BBCtti akka himanitti, loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa seenuun lola bananiiru.

Loltoonni Ertiraa kun Naannoo Affaar keessatti TPLF waliin ta'uun humnoota mootummarratti lola banuu kan himan Obbo Mohaammad, loltoonnifi meeshaaleen waraanaa Ertiraa booja'amuus dubbatu.

Bulchaan Naannoo Affaar Awwal Arbaa torban kana turtii Aljazeera waliin taasisaniin, waraanni Ertiraa naannoo Affaarirratti kallattiin haleellaa gaggeessaa akka jiru ibsan.

Itaamaajoorshuumiin Raayyaa Ittisa Itoophiyaa Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa torbee darbe miidiyaa Raayyaa Ittisaa waliin turtii taasisaniin, "lolaa kan jirru kanneen fedhii humnoota alaa raawwaachuuf gurmaa'an waliini" jedhanii turan.

Loltoonni Ertiraa daangaa seenuun kallattiin lola gaggeeffamaa jirurratti hirmaachuufi dhiisuu mootummaa federaalaa irraa ifatti hanga ammaa waanti ibsame hin jiru.

Ministiira Beeksisaa Ertiraa kan ta'an Yamaanaa Gabramasqal waa'ee loltoonnisaanii daangaa Itoophiyaa seenuun lola banuufi dhiisuu gaafatamanii "himannaa sobaa" ta'uu BBCtti himana.

"Mootummaan Badhaadhinaa walitti bu'iinsawwan heddu biyya keessatti gaggeeffamaa jiran gara dabarsuuf jecha mootummoota ollaa himachuun waanuma barameedha," jedhan qondaalli Ertiraa kun.

Ajajaan itti aanaa Humnoota Nagaa Tigraay (TPF) Koloneel Barihee Baraakii (Weddii Raayyaa) "Humni deeggersa waraanaa Mekaayizdii kennu jira. ..Kan biraan ammoo humna mormituu Affaar Uguggumuu jedhamu waliin walitti makamuun kan Shaabiyaa [Ertiraa] waliin wal tumsanii fihumnoonni isaan hogganan jiru" jedheera.

Ertiraan hidhattoota Itoophiyaa deeggarti kan jedhu irra deddeebiin qondaalota Itoophiyaarraa dhagahamee ture.

Itoophiyaatti humnoonni hidhatanii socho'an kanaan dura diroonii akka fayyadaman wanti beekamu hin jiru.

Haata'u malee, erga waraanni kun jalqabamee booda gabaasaaleen bahan gara garaa carraa fayyadamuu akka qaban kan agarsiisanidha.

Gareen mootummaa waliin hiriiruun lolaa jiran Kibxata baatirii diroonii qabeenyummaan isaa kan TPLF jedhan booji'uu isaa ibsaniiru.

BBCn meeshaa diroonii kan garee hidhattootaati jedhamu booji'amuun himame qaama walaba ta'erraa qulqulleeffachuu hin dandeenye.

Kampaanii balaa ilaalchisuun xiinxala kennu 'Verisk Maplecroft' keessatti xiinxalaa dhimma Afrikaa kan ta'e Ediwaard Baak, humnoonni mormitootaa humna Finfinnee irratti haleellaa raawwachuu argachuun isaanii "taatee haala siyaasaa akkaan jijjiiru" akka ta'u Rooyitarsiif ibseera.

Haalli kun magaalaan guddoon kun ejjennoo mootummaan dhiibbaa waraanaa issaa bilisa jedhu kan dadhabsiisu ta'uu isaatiin ol, ol aantummaa humna qilleensaa humnoonni federaalaa qaban daangessa jechuun dubbate.

Waraanni Kaaba Itoohiyaatti aggoota lamaaf gaggeeffameef lubbuu namoota kuma dhibba hedduutti lakkaa'amu galaafate erga waliigaltee Piritooriyaatiin dhabbatee booda waggoota afuriif hanga tokko nagaan bu'ee ture.

Mootummaan federaalaa fi aanga'oonni Tigraay ibsa yeroo gara garaatti baasaniin wal gaarerfannaan gidduu isaaniitti yeroo hammaataa deemetti Maqalee fi Tigraay bakkeewwan kaan keessatti haleellaan diroonii gaggeeffamuu gabaafameera.

TPLF torban darbe keessa garee hidhattoota abiroo ja'a waliin tumsa 'Tibibbir La Hilliwuna' jedhu hundeessuu erga ibsanii booda naannawaa daangaa Amaaraa fi Affaar keessatti waraanni jalqabeera.

Naannoo Tigraay keessatti ammoo tajaajilli bilbilaa fi interneetii Ethio Telecom addaan citeera.

Humnoonni Federaalaa naannoowaan Tigraay kibbaa to'achuu isaanii yoo ibsan, TPLF fi michoonni isa ammoo gama naannoo Affaariin bakka to'atan qabaachuutu himama.

Magaalota Affaar humnoonni TPLF akka to'atan himan keessaa jiraattonni kumaan lakkaa'aman buqqa'uu isaanii dhaabbileen namoomaa ibsaniiru.

Mootummaan naannoo Affaar magaalota daangaa Tigraay irraan jiran Erbeetii fi Abhaalaa deebisanii to'annoo isaanii jala galfachuu dubbateera.

Dura ta'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Maahimud Alii Yusuuf muddamnii fi gaarerfanaan waraanaa kaaba Itoophiyaatti dhalate "akkaan akka isaan yaaddesse" ibsuun, walitti bu'iinsi kun "hatattamaan akka dhabbatuuf" akeekkachiisaniiru.