Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Saayintistoonni ilkaan namaa irra deebiin akka biqilu gochaa jiru
Gaheen ilkaan fayyaa namaa keessatti qabu olaanaa ta'us yaaliiwwan ilkaan buqqa'e bakka buusuuf taasifaman furmaata yeroo quubsaa hintaanedha.
Qorannooleen tokko tokko akka agarsiisanitti ga'eessota keessaa dhibbeentaa 70 ol ta'an mana yaala ilkaanii deemuu ni sodaatu.
Kanaaf sababni immoo sodaa yaalawwan ilkaan guutuufi uruun taasifamaniif qabanirraa kan maddedha. Kanaafis ga'eessonni heddu sakattaa fayyummaa ilkaanii yeroo yeroon taasifamufi ilkaansaanii dhiqsiisuu ni dheeffu jedha qorannichi.
Haa ta'u malee ogeettii baayokeemistirii kan ta'an Hanneel Ruhoolaa- Beekar namoota dhukkubbiiwwan ilkaanii ciccimoo ta'an keessummeessuuf qophii ta'anirraa imeeliin akka ergamuuf himu.
Namoonni kunis kunneen qorannoon ilkaan deebi'ee akka biqilu taasisuu akka irratti gaggeeffamu barbaadanidha.
Yunivarsiitii Waashingitan, Inistitiyuutii 'Stem Cell and Regenerative Medicine' keessatti kan hojjetan Ruhoolaa- Beekar, saayintistoota mala yaala ilkaanii baramaa kan ilkaan miidhame ilkaan namtolcheen bakka buusan hambisuun ilkaan ofumaan deebi'ee akka biqilu taasisuuf hojjechaa jiran keessaa isaan tokkodha.
Mul'anni saayintiistota kunneenii kan dhugoomu yoo ta'es ogeeyyiin ilkaanii tiishuuwwan ilkaanii miidhaan irra gahe deebisanii akka biqilan gochuu qofa osoo hintaanee ilkaan haaraan akka biqilu gochuu ni danda'u.
"Jalqaba yeroo eegallu ture wanti tokko ifa kan naaf ta'e. Innis namoonni gama yaala ilkaaniin waan haaraa arguuf qophiidha" jedhan Ruhoolaan.
Ilkaaniifi fayyaa namaa
Baakteeriyaan dhibee irga ilkaanii fidu carraa dhukkuba onneefi infeekshinii sirna hargansuuf saaxilamuu namootaa akka dabalu qorannooleen agarsiisu.
Kana malees baakteeriyaawwan kun dhibee Alzaayimarii waliinis hidhata qabu. Dabalataan namoonni sababoota garagaraan ilkaansaanii dhaban namoota biroo caalaa dhukkubootaaf saaxilamoo akka ta'anfi namoota ilkaansaanii fayyaa ta'e waliin yeroo madaalamus carraa dursanii du'uu akka qaban qorannoon agarsiisa.
Sabanisaammoo ilkaan dhabuun dandeettii nyaachuu, alaanfachuu fi kolfuu miidhuun fayyummaa hawaasummaafi xinsammuu waan miidhufi.
Gama biraatiin immoo ogeeyyiin ilkaanii miidhaawwan kunneen hambisuuf kutaa ilkaanii miidhame dhabamsiisuun qaawwa uumame meeshaalee namtolcheen guutu. Kana malees ilkaan cabefi baqaqes meeshaalee garagaraatti fayyadamuun duuchu.
Haa ta'u malee kun furmaata quubsaa miti. Sababnisaas furmaatawwan kun yeroo tajaajilaa murtaa'e qofa waan qabaniifi.
Yunaayitid Isteetis, Yunivarsiitii Ilinooyisitti pirofeesara baayolojii afaanii kan ta'an Anne Joorj, "furmaatawwan kunneen tajaajila uumamaa ilkaanichaa deebisuu osoo hintaanee miidhama suuphuurratti xiyyeeffatu" jedhu.
Haa ta'u malee "yaaliin ilkaanii ilkaanfi tishuuleen deebi'anii akka biqilan gochuun taasifamu damee yaala ilkaanii keessatti jijjiirama bu'uraati" jechuunis himu.
Qaawwa ilkaanii ofiif of duuchu
Qaawwi "wantoota ilkaan keenya balleessan keessaa adda dureedha" jedhu Joorj.
Wantoota ilkaanirratti qaawwi akka uumamuuf sababa ta'an keessaa tokkommoo baakteeriyaa yemmuu ta'u, baakteeriyaan kunis sukkaara ilkaan keenyarratti argamu soorachuun asiidii kutaan gara alaa ilkaan keenyaa (inaameeliin) akka nyaatamu godhu gadi dhiisa.
Inaameeliin ilkaan keenyaa erga nyaatamee boodas baqqaanni ilkaan keenyaa inni itti aanu kan laafaafi salphaatti tortoru deentiinii waan ta'eef carraan ilkaanirratti qaawwi uumamuu ni dabala.
Gama biraatiin Joorj, pirotiinota deentiiniin akka guddatu, albuudota akka kaalshiyeemii akka argatufi akka of suuphu taasisan irratti qorannoo adeemsisaa jiru.
Kana malees garee qorattootaa qaccee sanyii deentiinii hojjechuu dandeesisu baay'isuun ilkaan akkamiin tiishuu deentiinii uumufi tursiisu danda'u qorachaa jiran keessaa isaan tokkodha.
Qorannoowwan kunneenis akkaataa barameen qaawwa ilkaanii duuchuu osoo hintaanee akkaataa ilkaan miidhame deentiiniisaa ijaaruun qaawwi ilkaanii itti wal'aanamu yookiin duuchamurratti argannoowwanfi yaaliiwwan haaraa argamsiisuu akka danda'u itti abdatameera.
Omisha ilkaan uumamaa
Ilkaan tokko yoo tortorefi qaawwa heddu yoo godhate furmaanni bareedaafi salphaa ta'e ilkaanicha buqqisuun ilkaan namtolchee yookiin artafishaalaan bakka buusuudha.
Haa ta'u malee ilkaan namtolchee kun narvoota waan hinqabneef yeroo alaanfannu osoo hinbeekiin akka malee ciniinuun akka baqaqu yookiin akka miidhamu gochuu dandeenya.
Baakteeriyaanis itti maxxanuun ilkaan fayyaalessa kan biroon akka miidhaman gochuu danda'a. Dabalataan ilkaan namtolchee yeroo naannoo waggaa 15 ta'uun buqqa'ee kan biraan bakka buufamuu waan qabuuf baasii maallaqaas ni qaba.
Kanaafis ilkaan guutummaatti laboraatoorii keessatti biqile furmaata waaraa ta'uu akka danda'u UK, Kings Kollej Landanitti daayerektara rijenereetiv dentistirii kan ta'an Aanaa Anjelovaa Volpoonii himu.
"Kan miidhame suuphuura ilkaan baayolojikaalaa isa bakka bu'u fayyadamuu dandeenya" jedhu.
Ilkaan laboraatoorii keessatti biqiluun ilkaan miidhame bakka bu'urratti qorannoo gaggeessaa kan jiran ogeettiin kunfi waahillansaanii, seeliiwwan tiishuu irga ilkaan namaafi seeliiwwan ilkaan hantuutaa ijaaran walitti fiduun ilkaan hidda godhatee biqiluu danda'u hojjechuuf yaalii taasisaa jiru.
Laaboraatorii gara barcuma ogeessa ilkaaniitti
Fedhiin gama ilkaan ofiin of wal'aanu argachuutiin jiruu guddaa ta'us qabatamaan ilkaan namaa ofiin akka of wal'aanu gochuuf yookiin ilkaan miidhame ilkaan laboraatoorii keessatti biqileen bakka buusuuf yaalii waggoota dheeraa gaafata.
Haaluma kanaan qorannoon kun milkaa'ee namootarratti hojiirra ooluusaan dura bineensota biroorratti yaalamuu akka qabu Ruhoolaa Beekar himu.
Kunis qorannoo, yeroofi maallaqa dabalataa akka gaafatus himu. Haa ta'u malee barnoonni gama damee kanaan argame kutaalee qaamaa biroo kunneen akka lafeerrattis hojiirra oolchuuf carraa kan uumudha.
Volopooniin garu gama isaaniitiin yeroo dhiyootti dhugoomuu baatulllee yeroon ilkaan dhala namaa miidhame akka deebi'ee of yaalu yookiin ilkaan laaboraatoorii keessatti biqile tajaajilarra akka oolu gochuun itti danda'amu akka dhufu amantaa qabaachuu himaniiru.