Hidhattoonni Huutii Sa'udi Arabiyaatti karra galaanaa cufuu labsan
Hidhattoonni Huutii Yaman ibsa reefu baasaniin karra galaanaa Sa'ud Arabiyaatti cufuu labsan.Tarkaanfiin kunis ammumarraa hojiirra oola jedhan.
Huutiin ibsa isaanii keessatti marsuun kun qaama imaammata "haaloo ba'uu" hojiirra oolaa jiruu akka ta'e beeksisan.
Dubbii himaan milishoota Huutii Yaman, Yaahyaa Saarii, Sa'ud Arabiyaan walitti bu'iinsa akka hin hammeessine akeekachiisaniiru, Huutiin tarkaanfii kamiifuu qophii ta'uu isaanii hubachiisan.
Walitti bu'iinsi gareen lamaan gidduu jiru kan jabaate, Sa'udi Arabiyaan xiyyaarri Iraan buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa Sana'aa akka hin qubanne dhowwite erga jedhamee boodadha.
Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Mahan Air kan Iraan buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa Sana'aa akka hin qubanne Sa'ud Arabiyaan erga dhowwite jedhame booda muddamni daran hammaateera.
Adoolessa 04, xiyyaarri Mahan Air Teehraan irraa gara Sana'aarraa kan ka'e ta'us, sa'aatii muraasa booda gara Iraanitti ofirra deebi'eera.
Balalliin kun waggoottan 11 keessatti balallii kallattii Teehraan fi Sana'aa gidduutti taasifame kan jalqabaati. Balaliin kun kan taasifame, Abbaa Taayitaa Aviyeeshinii Yamanii fi Mahan Air gidduutti waliigalteen geejjiba qilleensaa mallatteeffamuu isaa erga ibsamee sa'aatii muraasa boodadha.
Xiyyaarri lammaffaan torbee darbe Tehraanii ka'uun buufata xiyyaaraa Hodeidah qubate. Kunis buufatni xiyyaaraa Sana'aa xiyyaarri gara Tehraan osoo hin deebi'in boombiidhaan barbadoofnaani.
Mootummaan Yaman kan Aden jiruu fi Sa'udi Arabiyaan deggaramu Daandiin Qilleensaa Mahan Air daangaa qilleensaa Sana'aa sarbaa jira jechuun himate.
Iraaniin kan deegggaraman Huutiin immoo haleellaan qilleensaa Sana'aarratti raawwatame seera maleessa jedhan.
Huutiiwwan lixa Yaman, magaalaa Sanaa, buufata Hodeedah fi irra caalaa handaara galaanaa Galaana Dimmaa to'annoo isaanii akka jiru himatu. Mootummaan Sa'udin deggaramu magaalaa Adanii fi kibba biyyattii to'ata.
Waraana waggootaa booda Huutii fi mootummaan Yaman Sa'udin deggaramu dhukaasa dhaabuuf waliigalanii turan. Huutiiwwan garuu waliigaltichi haleellaa buufata xiyyaaraa Sanaa booda cabe jedhu.