Waa'ee du'a dubartii miidiyaa hawwaasaa irratti beekamtuu Boontuu Waaktolaa maal beekna?

Shamarree Boontuu Waaktolaa umurii ishee 24 du'aan boqatte.

Madda suuraa, Miidiyaa hawwaasaa Boontuu

Ibsa waa'ee suuraa, Shamarree Boontuu Waaktolaa
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Miidiyaa hawwaasaa irratti kan beekamtu Boontuu Waaktolaa mana keessatti 'of fanniftee' akka argamte poolisii fi namoonni isheetti dhiyeenya qaban BBCtti himan.

Taateen hawwaasa bal'aa rifaasise kun kan raawwate Ebla 29 bara 2026 Finfinnee naannoo Saansuusii jedhamutti akka tahe namoonni BBC'n gaafate himaniiru.

Miidiyaa hawwaasaa, keessumaa TikTok, irratti maqaa Boonii J jedhamuun kan beekamtu Boontuu Waaktolaa mana jireenyaa ishee keessatti 'of ajjeeste' jedhan namoonni BBC'n dubbise.

Magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Addis Katamaa, naannoo Burcuqqootti Itti Gaafatamaa Qorannoo Yakkaa kan tahan Sintaayyoo Ayyalee waa'ee du'a Boontuu Waaktolaa irratti akkas jedhu.

''Yeroodhaaf poolisoota erginee turre. Manni ishee cufaa ture. Erga seenanii booda mana fincaanii keessatti wadaroodhaan of ajjeesuu ishee hubanne. Viidiyicha irrattis maaliif akka tahe hin ibsine waan taheef qorannoo mana yaalaatu mirkaneessa,'' jedhan.

Reeffi ishees hospitaala Minilikitti erga qoratamee gara bakka dhaloota ishee Laaloo Assaabiitti ergameera.

Sirni awwaalchaas achitti har'a akka raawwatu hiriyyoonn ishee BBC'n dubbise himan.

Shamarreen dhiyeenya bulti ijaarrattee fi TikTok irratti hordoftoota gara miliyoonaatti siqan qabdu kun maal akka taate ifatti himuu baattus ''har'a guyyaa dhumaakooti. Boqonnaa kan naaf kennu du'a qofa'' jechuun viiidyoo waraabdee erga TikTok irratti maxxansiteen booda mana jireenyaa ishee keessatti fannifamtee argamte.

Hiriyyaa ishee dhiyoo kan tahe Yoonaas Olqabaa erga isheen viidiyoo maxxansitee daqiiqaa 40 booda yeroo mana ishee geenyu balbala keessaan cufattee ''of fannistee argine'' jechuun BBCtti hime.

Maaltu tahe?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Boontuu Waaktolaa maqaa TikTok Boonii JA jedhuun beekamti.

Ebla 29 bara 2026 sa'a booda TikTok ishee irratti viidiyoo maxxansiteen akkas jette.

''Yeroo tokko tokko hojjettaniis waan baay'ee gootaniis isinii hin darbu. Jireenyi akka isin barbaadanitti isinii hin jiraatamu.

Kanaaf biyya lafaa kana irraa waan boqonnaa naa kennu hojii ykn gaa'ila osoo hin taane du'a qofaadha. Namoonni isin gaddisiise dhiifama naaf godhaa. Anaaf kun guyyaama dhumaakooti..........'' jechuun maxxansitee osoo hin turuun of ajjeesuun ishee kan dhagahame.

Viidiyicha irratti funyoo halluun isaa diimaa tahe harkatti qabattee mul'atti.

Viidiyichas kan waraabde mana keessattidha. Garuu maaliif murtoo hadhawaa kana akka fudhatte guutummaatti hin ibsine.

Dargaggoo Yoonaas Olqabaa, miidiyaa hawwaasaa irratti maqaa Yoonii Intelligence' jedhamuun beekama.

Boontuu waliin akka maatiitti jiraachuu erga jalqabnee waggaa lama caaleera jedhe.

''Boonii waliin akka maatiitti jiraachaa turre. Nama gaarii yeroo rakkinaatti namaaf dhaqabduu fi garaan ishee qulqulluudha. Dur yeroo mataan dhukkubullee yeroo rakkattullee na hin dhoksitu ture.

Waan hundumaa na mariisisti ture. Erga heerumtee garuu adeemsa keessa jireenya ishee icciitii dhuunfaa gochaa dhufte. Amma waan ishee mudate natti hin himne.

Akkuman maxxansa viidiyoo ishee miidiyaa hawwaasaa irratti argeen fiignee yoo gara mana ishee deemnu mana keessaan cufattee of ajjeesteetti.

Ana dura mucaan wasila ishee tokko achi gahee ture. Garuu yeroo mana cabsinee seennu of fannistee jirti,'' jechuun BBCtti hime.

Yoonaas ''maxxansa shee arginee fiignee yeroo achi geenyu balballi mana ishee cufaadha. Ofitti cuftee jirti. Manicha cabsinee yeroo seennu akkuma jedhame of ajjestee jirti. Viidiyicha maxxansitee daqiiqaa 40 booda achi geenye''.

Yoonaas Boontuu waliin akka obbolaatti akka walitti dhiyaatan himuun ''isa dura nagaa qabdi. Gaa'ila isheettis gammadduudha. Yeroo ana gorsitus gaa'ila godhadhu. Namatti tola jettee na gorsiti'' jedhe.

Abbaan warraa ishee Yooseef Caalaa jedhamu yeroo isheen viidiyicha miidiyaa hawwaasaa irratti maxxansite mana akka hin turre dubbate Yoonaas.

Bilbila ishee waan hin kaasneef Yooseef [Abbaa warraa Boontuu] bilbilee eessa jirta? jedhee yeroon gaafadhu ''Faawondeeshinii Mallas keessatti suuraa kaasaan jira' na jedhe'' jechuun BBCtti hime.

Erga nuyi poolisii waamnee abbaan warraashee Yooseef bakka manaa gahe jedhe.

''Funyootiin of fannistee argine. Balbala cabsineeti kan seenne. Barreeffama wayiillee barbaannee dhabne. Maaliif akka murtoo kana fudhatte isheenis hin ibsine, ragaa argannes hin jiru'' jedhe.

Yoonaas reeffa ishee hospitaala Minilikitti geessanii erga qorachiisanii gara bakka dhaloota ishee Laalloo Assaabiitti gaggeessuu hime.

''Heerumtee ji'a lama hin caalu, maatii bira deemanii deebi'an'' kan jedhe Yoonaas ''umuriin ishee waggaa 24dha. Ji'a tokko booda guyyaa dhaloota ishee kabajuuf qophaa'aaa turre'' jedhe.

TikTok irratti tamsaasa kallattiin carraa loterii halkan guutuu hojjetti kan jedhu Yoonaas dhiyeenya konkolaataas bituu hime.

''Mana suuraa bananii konkolaatas bittee ture.''

Miidhama qoccollaa miidiyaa hawwaasa

Boontuu Waaktolaa miidiyaa hawwaasaa irratti nama akka malee miidhamedha jedhu hiriyoonni ishee.

Waa'ee jireenya ishee miidiyaa hawwaasaa irratti qooduun kan beekamtu yeroo baay'ee abbaa warraa ishee waliin viidiyoo adda addaa maxxansuun beekamu.

Namoonni yaada kennan baay'inaan yaada jibbinsa of keessaa qabu irratti barreessu. Haamilee ishee tuquu kan maluu fi arrabsoo hedduu akka irra gahaa ture himama.

Yoonaas arrabsoo miidiyaa hawwaasaa irraa ilaalchisee ''namoonni baay'een jecha hin taane ishee jechaa turan. Yeroo tokko tokko ni boossi. Yeroo tokko tokko ammoo ittuu ni jabaatti ture. Garuu miidiyaan ishee miidheera,'' jedhe.

Lubbuu ishee akka dabarsituuf sababa tahaa? gaaffii jedhuuf hiriyyaa ishee kan ture Yoonaas ''waan ka'umsa tahu baruu hin dandeenye. 'Na gaheera biyyi lafaa' jettee maxxansite. Qaamni seeraa qabatee waan jiruuf karaa sana kan qulqulllaa'u taha'' jedhe.

Yeroo bashannana deemnu anatu viidiyoo waraabaa ture kan jedhe Yoonaas, ''abbaa warraa ishee waliinis gammadduu fakkaatti. Yeroo dhiyootti wal dhabdee hin qaban, dhagahees hin beeku'' jedhe.

''Abbaa warraa ishee waliin kennaa walii kennu, akkuma miidiyaa hawwaasaa irratti beekamu. Garuu erga heerumtee jireenya ishee icciitii mataa ishee gochaa deemte,'' jedhe.

Haleellaa miidiyaa hawwaasaan namarra gahu bara 2026 keessa akka malee akka dabale ragaaleen ni himu.

UNICEF biyyoota guddataa jiran keessatti namota sadii keessaa tokko miidhaa haleellaa saayiberiif saaxilamaadha jedhe.

Sababa 'Cyber Bullying' haleellaa saayiberiin namoonni kumaatamni miidhaman yeroo hedduu akka gabaasa hin goone ragaan UNICEF baase ni ibsa.

Bara 2016-2025tti miidhaan haleellaa saayiberii 33.6% irraa gara 58.2%tti guddateera. Kun ammoo haleellaa saayiberii dargaggoota irra gahu akka tahe ibsa.

Namoota miidhaan irra gahu keessaa shamarran umuriin isaanii waggaa 13-17 gahu %73 akka tahan ragaan kun ni ibsa.

Sababa haleellaa saayiberii karaa Feesbuukii, TikTok, dabalatee miidiyaalee hawwaasaan gahuun namoonni miidhaman carraa isaan tarkaanfii hamaa ofirratti fudhatan dachaa afur akka tahe ragaaleen ni himu.

Miidhaa fayyaa sammuu, akka malee gadduu fi %44 kan tahan ammoo hirriba gahaa dhabuu fi jeeqamuun akka isaan mudatu ragaan miidhaa haleellaa saayiberii 2026 bahe agarsiisa.

Dabalataan akka namoonni lubbuu isaanii balleessaniif sababa tahuu kan malu dhibee sammuu fi akka malee dhiphachuudha.

Yeroo akkasii yaala gahaa dafanii argachuu akka barbaachisu ogeessonni ni himu.

Boontuu Waaktolaa 'Booniin' eenyu?

Boontuu Waaktolaa dhalattee kan guddatte Wallagga Lixaa aanaa Laalloo Assaabittidha.

Maatii harka qalleeyyii irraa waan dhalatteef gargaarsa dhabdee rakkinoota ulfaatoo hedduu keessa akka darbite kana dura miidiyaaleerratti dubbachaa turte.

Abbaa malee guddatte. Haati ishee rakkatanii ishee guddisan. Nama ishee gargaaru hin qabdu ture.

Yoonaas itti dhiyeenyaan kan beeku yoo BBCtti himu ''kophee qulqulleessaa turte. Daandii irra naannoftee hojii adda addaa hojjechaa turte. Booda kana loterii ykn carraa buusuun daandii irra deemtee hojjechaa turte.

Isuma keessattuu jireenya gammachuu qabdi ture. TikTokii irrattis erga beekamtee jireenyi ishee hedduu jijjiirame, galii guddaas qabdi ture'' jedhe.

Boontuun jireenya ishee mo'achuuf hedduu tattaafachaa turte kan jedhu Yoonaas mana dhiphaa keessaa baatee mana guddaa kireeffattee kan galte torban lama hin caalu jedhe.

Itoophiyaatti sababa adda addaa himachuun yeroo lubbuu isaanii balleessan kun jalqabaa miti.

Miidiyaa hawwaasaa irratti kan beekamtu ture Qananii Addunyaas akka poolisiin jedhetti ''gamoo irraa of darbatte'' jechuun lubbuun ishee darbuu ni yadatama.