Gujiitti ogeessi fayyaa namni inni wallaanu du'uutti gaabbuun of ajjeesee?

Dargaggoo Kaasahuun Askaalee
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Akeekkachiisa: Qabiyyeen oduu kanaa miira keessan jeequu mala.

Taateen gaddisiisaan kuni kan mudate Godina Gujiitti kan argamu hospitaala Adoolaa Woyyuu keessatti.

Kibxata halkan Roobiitti bari'u ogeessa fayyaa hospitaalichaa kan ta'e dargaggoon ganna 30 Kaasahuun Askaalee abbaa dabaree halkanii ture.

Ogeessa qoricha qaama hadoochuu (anesthesia) kan ta'e ogeessi kuni guyyaa dabareesaa kana miiltoowwan hojii isaa waliin ta'uun namoota yaalaaf gara hospitaalichaa dhufan tajaajilaa ture.

Akka Hoji Gaggeessaa Olaanaan Hospitaala Adoolaa Woyyuu Obbo Mohaammad Nuuroo BBCtti himanitti, guyyaa sana namoota yaalaaf hospitaalicha turaniifi gareen ogeessota fayyaa dargaggoo kana dabalatee tajaajilaa turan keessaa namni tokko lubbuun darbe.

Taateen kuni tajaajila yaalaa keessatti waan mudachuu danda'u ta'ulleen ogeessa fayyaa kanaaf garuu waan salphaatti amanee bira darbu hin taanef.

"Halkan inniifi ogeessonni fayyaa isa waliin turan namoota tajaajilaa turanii halkan naannoo sa'aatii saddeetii yoo ta'u, gara kutaa ciisichaa hirribaaf deeman.

''Ogeessonni yaala qoricha hadoochituu kuni ammoo bakki hirriibaa isaanii adda waan ta'eef innis gara kutaasaa deeme."

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Ogeessonni kaan gara hirriibaa deeme jedhaniituma dhiisan. Ogeessi tokko yeroo mana fincaanii fayyadamuuf gara sana deemu kufee bakka ciisutti arge" jedhan.

Ogeessi fayyaa kuni bakka kufee jiru kanatti lilmoo fi qorichi qaama namaa hadoochu kana inni ofwaraanuu hin oolle jedhamee shakkame argamuus himan.

Ta'ii kanaan duratti du'a nama wal'aansa argataa turetti hedduu akka gaddeefi keessasaa akka jeeqe miiltoowwan hojii isaatti himaa turuus eeran.

Qorichi qaama namaa hadoochu kuni hammeentaa olaanaan yoo fudhatame nama ajjeessuu akka danda'uufi qorannoo dabalataatiif reeffi ogeessa kanaa gara Finfinneetti ergamuus eeran.

"Qaamni seeraa dhufee yeroo reeffa isaa kaasu qorichi kuni lilmoo waliin jalaa argame.

''Tari gadda nama inni wallaanaa ture kana guyyaas dubbataa waan tureef duuti isaa kanaan walqabachuu danda'a kan jedhu shakkiidha.

''Qabatamaan adda baasuuf ammoo qorannoorra jira" jedhan.

Ogeessi fayyaa kuni namni inni gareesaa waliin yaalaa ture erga lubbuun darbee sa'aatii lama yeroo hin guunne keessatti ofiisaas du'ee reeffi argame.

"Guyyaa sana nama du'e kanaan alatti namoota biroos yaalaa tureera. Sababa kanaan of ajjeese kan jedhu hanga ammaa shakkiidha malee wantisaa guutuutti ifa miti.

''Namni du'uutti gaddee haasa'aa ture. Isumarraayi shakkiin tarkaanfii ofirratti fudhate kan jedhu" jedhan Obbo Mohaammad.