Biyyi ​​Islaamaa nukilera hidhattee, akka riqichaatti addunyaa tajaajilaa jirtu eenyu?

Paakistan

Madda suuraa, AP

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Waggoota kurnan darbaniif ​​dippilomaasii addunyaa keessatti ga'ee guddaa ba'aa jirti. Biyyaoota Islaamaa keessaa biyyaa qofaa boombii niwukilaraa qabdudha. Dhiyeenya waraana Iraan fi Ameerikaa waliin walqabsiisee maqaan ishee irra deddeebiin leellifamaa jira - Paakistaan.

Paakistaan Ameerikaa fi Iraan biratti amanamuun isaan guddutti nagaan akka bu'uuf carraaqqiin gooteen waltajjii addunyaa irratti biyya caalatti dhiibbaa uumuu dandeessu taatee of mul'isuu dandeesse jirti.

Waraana Iraan duras biyyoota Islaamaa fi warraa dhihaa birattis muchummaa cimaa qabduun akka riqichaa gidduu biyyoota kanneenitti ilaalamti.

Baay'ina ummata miliyoona 250 ol ta'a qabaachuun baay'inaan addunyaa irratti sadarkaa 5ffaarra kan argamtu Paakistan bakki argama isheemmoo biyyoota hedduuf michuu tarsimawaa akka taatu ishee taasiseera.

Haa ta'uu malee erga waraana Iraanii xiyyeeffannoo idil-addunyaa waan argatteef qabxiwwaan ijoo Pakistaan ittin dhiibbaa uumaa jirtu irratti gabaasaleen ba'aa jiru.

Gabaasa kana keessattis qabxiwwaan muraasa Paakistaan biyyoota dinagdee fi humna walaanan wal dorgoman heddu birattis akka biyya hundaaf walaba taate akka fudhatamtu ishee taasise akkasumas dhiibbaa uumuu isheerratti qabxiiwwan muraasni kunooti.

Gahee jaarsummaa Paakistaan

Carraaqqii Paakistaanin Ameerikaa fi marsaa tokkoof fuula fuulatti Paakistaan Islaamaabaaditti wal arganii mari'ataniiru.

Madda suuraa, BBC / Getty Images

Carraaqqii Paakistaanin Ameerikaa fi marsaa tokkoof fuula fuulatti Paakistaan Islaamaabaaditti wal arganii mari'ataniiru. Ergasiis carraaqqiin araaraa Pakistaan gochaa jirtu guddaadha. Kunis biyyattiin xiyyeeffannoo dippiloomaasii ishee akka dabalu taasiseera.

Paakistaan ​​biyyoota lamaan waliin hariiroo gaarii qabadi.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ameerikaa waliin tumsa waraanaa fi nageenyaa yeroo dheeraa, akkasumas Iraan waliin hariiroo ollummaa fi dippilomaasii qabdi.

Xiinxaltoonni dhimma dippilomaasii akka jedhanitti Paakistaan ​​marii dhukaasa dhaabuu akka milkaa'uu fi walitti dhufanii mari'achuu danda'an haala mijeessuu isheetin qofaa fudhatamummaan ishee addunyaa irratti olaanaa ta'ee mula'teera.

Seenaa keessattis waldhabdeewwaan Paakistaan jaarsummaan ykn dippilomaasiin irratti hirmaatte keessaa.

Bara 1970moota keessa Ameerikaan Chaayinaa waliin akka walitti dhihaattu haala mijeessuu.

Yeroo waraana Sooviyeet fi Afgaanistaan biyyoota dhihaa waliin tattaaffii duuala Shororkeessummaa irratti taasisuu fi akka wiirtuu loojistikii taatee hojjattert.

Adeemsa nagaa Afgaanistaan ​​keessatti eeramaniidha akkasumas baqattoota Afgaanistaan ​​miliyoonaan lakkaa'aman keessummeessiteerti. Marii Taalibaani fi Ameerikaa gidduutti taasifamueef haala mijeessitee, waliigaltee Doohaatin bara 2020tiin xumurame keessattis qoodni ishee olaanaa ture.

Biyyoota addunyaa walitti fiduu

Paakistaan ​​yeroo dheeraaf michuu tarsiimoo Ameerikaa fi NATO yoo taatu, Chaayinaa , Sa'udii Arabiyaa fi Iraan dabalatee biyyoota dhihaa akkasumas biyyoota musliimaa baha giddu galeess waliin hariiroo cimaa qabdi .

Dippiloomasii walabaa hunda waliin qabaachuun ishee ammoo waldhabdee naannoo keessatti akka biyyaa hundaaf amanamtuutti akka ilaalamtu ishee taasise.

Har'a dhiibbaan Paakistaan ​​guddachaa dhufe waraana Iraan fi Ameerikaa biyyootni hedduun hin yaallee yaaludhaan madda furmaataa ta'aa jirti.

Tumsa farra shororkeessummaa, irrattis biyyoota jajjaboo Waashingitan, Beejiing, Riyaad, Tehran fi Ankaaraa waliin dhaabachaa jirti.

Humni waraanaa Paakistaan ​​waraana biyyoota Musliimaa hedduu leenjisuun ergama nagaa eegsisuu addunyaa guutuutti akka hirmaatan taasisa turte.

Biyyattiin hojii nagaa eegsisuu UN keessattis gumaacha guddaa kanneen bahan keessa tokko.

Ergamni ishee kun hundi michuu warra dhihaa fi biyyoota Musliimaa gidduutti akka riqichatti biyyoota addunyaa walitti fiduu ishee mulisa.

Kanuma waliin Paakistaan ​​biyyoota Muslimoonni baay'inaan keessa jiraatan waliin karaa Dhaabbata Tumsa Islaamaa (OIC) walitti dhufeenya cimaa qabaatteetti. Islaamaabaad yeroo baayyee waltajjii addunyaa irratti dhimmoota Falasxiin, Kaashimiir fi rakkoo namoomaa naannoo Musliimaa keessatti mul'atuun walqabatan dabalatee kaayyoo Musliimootaaf falmaa turte.

3. Nukilaraa hidhachuun akkamiin hayyamameef?

Meeshaa waraanaa Nikularaa

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Paakistaan ​​yaalii niwukilaraa milkaa'aa jalqabaa bara 1998 gaggeessitee. Kunis Hindiin meeshaa niwukilaraa yaaluu ishee hordofee yeroo muraasa booda ture.

Sagantaan Nikularaa ishee kun yaaddoo nageenyaa fi human ollaa ishee madaalu qabaachuu kan jedhu ture.

Sagantaan niwukilaraa Paakistaan ​​yeroo baayyee saayintistii Abdul Qadeer akka biyyattiin boombii Nikuleraa qabaattu fi akka goota biyyaalessaatti ilaalamuun eegalame.

Har'a Paakistaan ​​boombii niwukilaraa 160 ol akka qabdu tilmaama.

Addunyaan akkamiin sadarkaa niwukilaraa Paakistaan ​​fudhatte kan jedhu irratti gabaasaalee adda addatu jira.

Haa ta'uu malee gara jalqabaa qoqqobbiin idil-addunyaa irra kaa'amus, ilaalchi addunyaa suuta suutaan jijjiiramaa dhufe.

Sababootni paakistaan ​niwukilaraa hidhachuu isheef dhiyeessitu, meeshaa nikuleraa kan Hindiitin wal madaalu qabaachuun carraa waraana guutuu ollaa niwukilaraa hidhate lama gidduutti uumamuu hir'isa

Haleellaa 9/11 Ameerikaatti raawwatame booda Paakistaan ​​Shororkeessummaa irratti duuluu keessatti michuu ijoo ta'uun ilaalcha biyyoota dhihaa jijjirte.

Paakistaan ​​Waliigaltee addunyaa Niwukilaraa Hin Babal'isne (NPT) hin mallatteessine jechuunis sadarkaan niwukilaraa ishee bu'uura waliigaltee kanaan sirnaan beekamtii hin arganne jechuudha. Haa ta'u malee hawaasni addunyaa baay'inaan mala hojiirra ooluu danda'u fudhateera.

Yaaddoon babal'ina meeshaa niwukilaraa ammallee yoo jiraatu, gaheen Paakistaan ​​nageenya addunyaa keessatti qabdu haala niwukilaraa ishee qabatamaan akka fudhattu taasiseera.