Taphattoonni Riyaal Maadirid wal lolanii mataa Vaalveerdee irra miidhaan gahe

Madda suuraa, Getty Images
Federiikoo Vaalveerdee fi Shuumeeniin wal lolanii mataa Vaalveerdee irra miiidhaan geenyaan yaaliif hospitaala gale.
Tibbana taphattoonni Riyaal Maadirid hedduu wal dhabaa turan. Kun ammoo taphni El Kilaasiikoo yeroo gahaa jirutti tahuun isaa kilebichaaf yaaddoo guddaa taheera.
Vaalveerdee fi Shuumeeniin ammoo guyyaa lama walitti aansuun wal lolan.
Vaalveerdeen sababa mataa isaarra miidhaan gaheen tapha El Kilaasikoo gahaa jiru irratti akka hin hirmaanne ibse.
Vaalveerdeen kaleessa yaaliirra turee mana galuu kan himame booda miidiyaa hawwaasaa isaa irrati ibsa baaseera.
''Addakoorra waanan madaa'eef akkuma barame mana yaalaa deemee yaalameera'' kan jedhe Vaalveerdeen isa Shuumeeniitu rukute jedhe garuu haale.
Miidhaan Vaalveerdee irra gahe salphaa miti. Hakiimonni miidhaa mataa isarra waan gaheef taphachuu akka hin qabne itti himaniiru.
Riyaal Maadirid taphattoota lamaan irratti adabbii naamusaa dabarsuuf jecha qorannoo jalqabaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
El Kilaasikoo Baarseloonaan yoo mo'ate ija taphattoota Riyaal Maadirid duratti shaampiyoonaa tahuu isaa mirkaneeffachuuN gammachuu isaa ibsata.
Vaalveerdeen guyyoota 10-14 tahan mana turuun akka boqachuu qabu hakiimni ibseera.
Vaalveerdeen ibsa kenneen ''waayillikoo takkaayyuu na hin rukunne. Anis isa hin rukunne. Miidhaan waan narra gaheef wal ruktaniiti jettanii amanuu dandeessu garuu akkas miti'' jedhe.
Vaalveerdeen wal dhabdee isaa fi Shuumeenii gidduutti dhalate keessa mataa isaa deeskii [table] akka buuse hime.
Waan nu mudate kun haalaan na aarseera. Taphoota darban irratti dandeettii keenya guutuu kennuu dhabuu keenya, waancaa malee bara kana xumuruun keenya na aarsuun akkan waayillan koo waliin wal dhabuu fi aariikoo to'achuu dadhabu na godheera'' jedhe.
''Dhiifama naaf godhaa, haala kanatu baay'ee na miidhe. Yeroo ammaa kana gadda guddaa keessa jirra. Riyaal maadirid jireenyakoo keessatti bakka guddaa qaba. Dugda itti gatuu hin danda'u.
Qabxii dhabuu keenya wal dhabdee ammaa kan hiika hin qabne kanaaf nu saaxileera. Maqaa fi kabajakoos kan miidhu, namoonni akka na arrabsanii fi waan fedhan odeessaniifis kan karra saaqudha'' jedhe.
Itti dabaluun Roobii darbes wal dhabdee gidduu isaanii ture Vaalveerden ''waan akkanaa inuma mudata. Garuu keessumatti furama malee uummatatti gadi hin bahu ture'' jedhe.
''Ifatti namni tahe nu keessaa oduu kan tamsaasu jira. Bara kana waancaa tokko malee xumurree waan hunduu to'annoon ala tahaa dhufe'' jedhe.
Kamisa galgala wal gahiin hatattamaa pirezidaantii kilebichaa Filorentinoo Peereezii fi hojjettoota biiroo isaa, leenjisaa fi dursaa taphattootaa Daanii Karaval dabalatee taa'ame.
Riyaal Maadirid qabxii 11'n Baarseloonaadhaan caalameera. Taphoota afurtu hafu. Shaampiyoonsi Liigii keessaa nuusa xumuraatti bahaniiru. Vaalveerdeen ammas waan isaan mudate kana ''bara dorgommii biraa qisaasame'' jechuun ibse.
Baarseloonaan dirree isaa irratti yoo mo'e walitti aansee waancaa Laaligaa mo'ata.
Vaalveerdeen bakka Daanii Karaval hin jirretti dursaa taphattoota Riyaal Maadirid tahuun bara kana hedduu taphate.
Ani waanan dandahu hundaa kileba kanaaf kenneera jedheen amana. Taphattoonni keenya tokko tokko waan gochuu qaban hin goone jiru jechuun komata.
Riyaal Maadirid wal dhabdee mudate kana adeemsa keessoo isaan ilaalee furmaata itti kenna jedhe. Akka miidiyaaleen Ispeen gabaasanitti ammoo wal dhabdeen akka kanaa hamaan kilebicha keessatti mudatee hin beeku.
Torban darbes taphattoonni biroo Alvaaroo Kareerasii fi Ruudiger walitti bu'aniiru.
Kareras ergan gara kileba kanaatti deebi'ee leenjisaakoo waliin tahuun waan dandahu hundaan hojjechaan ture jedhe. Kutannoo fi dhibaa;ummaa tokko malee hojjechaa turuu kan ibse Kareras Ruudiger waliin walitti bu'uun booda Ruudiger akka dhiifama gaafate gabaafameera.
Hariiroon waayillankoo hundaa waliin qabu gaariidha kan jedhe Kareras wal dhabdeen Ruudiger waliin qabanis guramuu ibse.
Isa qofa osoo hin taane deeggartoonni ammoo Kiiliyaan Imbaappeen akak kilebicha gadhiisuuf iyyata oonlaayinii mallatteessaa jiru.
Namoonni 200,000 akka mallatteessan eegamee amma gara miliyoona 30 gaheera.
Garuu hundi deeggartoota Riyaal Maadirid tahuu adda baasuun hin danda'amu.











