Waayee qormaata Ameerikaan hakiimota qoruun biyyasheetti fudhattuu (USMLE) waan beekuu qabdan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Qormaata damee fayyaa addunyaa isa cimaa fi maqaa guddaa qabudha.

Hubannoo beekumsa ogummaa yaala fayyaa olaanaa, hojiidhaan qoramee fi waytaawaa kan barbaadu qormaanni Ameerikaan kennitu hakiimonni addunyaa baay'een darbuuf ifaajee guddaa godhani.

Afrikaa, Baha Jiddugaleessaa, Eeshiyaa, Awurooppaa fi Kaaba Ameerikaatti wiirtuuwwan garaagaraatti marsaawwan sadiif kennama.

Afrikaa keessaa biyyoota akka Keeniyaa, Yugaandaa, Gaanaa, Afrikaa Kibbaa, Masrii fi Naayijeeriyaatti wiirtuuwwan qormaataa qophaa'an keessatti ni kennama.

Gariin hakiiimota Itoophiyaa qormaata fudhatan Keeniyaatti akka qoraman beekama.

Gaaffiiwwan ogeeyyiin fayyaa Itoophiyaa mormii waggaa darbeerratti kaasaa turan keessaa wiirtuun Qormaata Heyyama Ogummaa Fayyaa US (USMLE) kun akka Itoophiyaatti banamu ture.

Hakiima Itoophiyaa qormaata kana biyya ollaatti qoramuun qabxii olaanaa galmeessuun darbee fi yeroo ammaa Ameerikaatti tajaajila yaala fayyaa kennaa jiru, akkasumas barnoota fayyaa dabalataa barachaa jiru- Ispeeshaalistii yaala daa'immanii Dr Sisaay Lammaa BBC'n waayee qormaata kanaa gaafate.

Qormaanni Heyyama Ogummaa Fayyaa US (USMLE) maali?

Qormaanni Heyyama Ogummaa Fayyaa US (United States Medical Licensing Examination) qormaata mootummaan Ameerikaa hakiimonni tajaajila yaalaa fayyaa seera-qabeessummaan kennuuf hayyama ittiin argatanidha.

Qormaanni kun hakiimonni beekumsa, dandeettii fi naamusa ogummaa yaalaa isaan barbaachisu qabaachuu isaa madaala.

USMLE bara 1992 keessa kennamuu jalqabe akka jalqabe ragaan marsariitii isaarraa argame ni mul'isa. Sana dura mootummaa fi naannoleen Ameerikaa hakiimota qormaata adda addaa kennaniin madaalaa turan.

Garuu sirni qormaataa walfakkaataan tokkichi guutummaa biyyattii keessatti hojiirra akka ooluf murtaayee USMLE hundeeffame.

Kaayyoon qormaata walfakkaataa qabaachuu guddaan dotaroonni hundi, biyya Ameerikaa keessatti baratanis ta'e biyyoota alaa irraa dhufan, sadarkaa beekumsaa fi gahumsa wal fakkaataa akka horatan mirkaneessuudha.

Qormaanni Heyyama Ogummaa Fayyaa US (USMLE) marsaalee (sadarkaawwan) sadi qaba (fudhatama).

Marsaa 1ffaan qormaata kanaa beekumsa bu'uuraa saayinsii fayyaa doktarootaa madaaluuf kennama. Waayee fayyaa, dhukkubootaa fi maloota wal'aansa dhukkubootaa irratti beekumsi ogeessaa qormaata jalqabaa kanaan madaalama.

Marsaa 2ffaarratti qormaata kennamuun keessatti beekumsa dhukkubsataa yaaluu(Clinical Knowledge) adda baasuuf kennama.

Qormaanni sadarkaa kanaa dandeettii hakiimni tokko odeeffannoo fayyaa walitti qabuu, xiinxaluu fi muuxannoo yaala fayyaa hojii qabatamaan mirkanaaye kan dhibee adda baasuu, yaaluufi kunuunsa dhukkubsataa irratti qabu madaala.

Marsaa 3ffaan beekumsaafi hubannoo ogeessi fayyaa tokko beekumsa medikaalaa, saayinsii baayoomedikaalaa, fi beekumsa kiliinikaa qabu hojiirra oolchee osoo namni biraa isa hin hordofin ofiin akka yaaluu (murtoo sirrii kennuu) danda'uu itti madaalamudha. Kun qormaata marsaa USMLE xumuraa heyyama ogummaa fayyaa argachuuf nama dandeessisu dha.

USMLE dotaroota Ameerikaa qofaaf hin kennamu. Waggaa waggaan dotaronni kumaatamaan lakkaa'aman biyyoota adda addaa Itoophiyaa, Keeniyaa, Naayijeeriyaa, Paakistaan, Hindii fi biyyoota biroorraa qormaata ni qoramu. Milkaa'aniis Ameerikaa deemu.

Qormaata Heyyama Ogummaa Fayyaa US eenyufaatu qoramuu danda'a?

Hakiimotni addunyaa guutuu jiran kanneen ogummaadhaan hakiima (MD) ta'anii fi yoo xiqqaate digrii jalqabaa barnoota fayyaa (medicine) qabaachuu qaban qoramuu danda'u.

Dr Sisaay Lammaa ispeeshalistii fayyaa daa'immanii ti. Qormaata kana biyya Keeniyaatti deddeebi'ee fudhachuu qabxii olaanaa galmeessuun heyyama ogummaa US qormaata kanatti milkaawuun kennamu argachuun yeroo ammaa Ameerikaatti carraa barnoota fayyaa dabalataa fi hojii tajaajila fayyaa argateera. Yeroo ammaa Ameerikaa kutaa bulchiinsa Ohaayoo erga deemee reefu baatii lama.

"Hiree kana kanin argadhe qormaata USMLE qorameeni. Marsaa lamaan qabxii olaanaa fideen booda marsaa sadaffaa immoo qormaata afgaaffii darbeen dhufe" jedha.

Qormaanni kun gahumsa ogeeyyii madaaluu keessatti akn gita hin qabne dha jedha Dr Sisaay.

"Dhugaa dubbachuuf, akka addunyaatti qormaata ulfaata ta'e dha jechuu dandeenya. Keessummaa marsaa 1ffaan.

Addunyaa guutuun dorgomta. 1ffaa beekumsa kee baruuf, hamma akka hubannoo qabdu, biyya deemtu kanatti istaandaardii yaala fayyaa Ameerikaan madaaluu.

Beekumsa kee sadarkaa addunyaan gaherratti tajaajila kennuu qabdu barta.

Biyya kanas yoo dhufte leenjii fudhattuun yaala fayyaa gahumsi isaa mirkanaaye qabaatta. Waa kalaquu fi qorannoo yaala fayyaa sadarkaa olaanaas akka barattu si godha."

Hakiimonni Itoophiyaa hiree qormaata kanaatti fayyadaman muraasa kan jedhu Dr Sisaay garuu gahumsa olaanaa kan qabanii fi carraa kana fayyadamanii gahumsa isaanii agarsiisan hedduu akka ta'an amana.

"Ijoolleen biyya keenyaa sammuu gaggaarii baay'een barnoota fayyaa baratu. Hakiimonni ciccimoon as dhufuu barbaadan qophaa'anii qormaata kana osoo fudhatanii carraa baay'ee guddaa qaba."

Wiirtuu qormaatichaa gara Itoophiyaatti fiduu

Wiirtuun qormaata kanaa biyyoota Afrikaa muraasatti argama. Biyyootni Afrikaa Keeniyaa, Yugaandaa, Gaanaa, Afrikaa Kibbaa,Masrii fi Naayijeeriyaa biyyoota biyyoota qormaatni hakiimotaa kun keessatti kennamudha.

Ofii Keeniyaatti marmaaree kan qorame Dr Sisaay, biyya biraatti qoramuu baasii dabalatee ifaajee baay'ee akka qabu dubbata.

"Tokkoffaa baasii guddaa si gaafata, biyya biraa deemtee qoramuun biyya biraatti keessummaa si godha, qilleensa, nyaataa fi waan hedduutu si qora" jedha.

Gaaffii ogeeyyiin fayyaa Itoophiyaa bara 2025 wayita hojii dhaabanii turan gaafatan keessa tokko wiirtuun qormaataa US kun Itoophiyaa keessatti akka banamu gaafachuu ture.

Qeeqa qormaata kana fudhachuun godaansa ogeeyyii fayyaa jajjabeessaa jedhurratti yaada kan kennan Dr Sisaay yaada kana kenna:

"Karaa lamaan ilaala. Namni uummata tajaajilu hundi yoo biyyaa baha ta'e inni rakkisaa dha. Yoo immoo ogeessi muraasni biyyarraa bahee beekumsa, ogummaa fi dandeettii dabalatee biyyatti deebi'emmoo waan baay'ee jijjiiruu danda'a. Kun biyyarraa godaanuu ogeeyyii osoo hin taane, ogummaa fi ogeeyyii dabalachuu."

USMLE qormaata beekumsaa qofaa miti. Karra gara barnootaa fi hojii tajaajila fayyaa Ameerikaa geessu keessaa isa guddaa dha. Qormaata salphaas miti. Milkiin isaas qophii cimaa, obsa, yeroo fi baasii akka barbaachisu ogeeyyiin ni dubbatu.