Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Deeggartoota tapha Waancaa Addunyaa daawwachuuf dolaarri kumni 50 kaffalameef
Waancaan Addunyaa sagantaa taphoonni ja'a guyyaatti akka gaggeeffamuuf baheen itti fufeera. Taphoota hunda daawwachuun hojii sa'aatii guutuu ta'a.
Kun ammoo Keevin Akotoo fi Ostiin Firaankiliiniif qabatamaan ta'aa kan jiruudha. Deeggartoonni kunneen lamaan taphoota 104 gaggeeffaman hunda daawwachuuf tokkoo tokkoo isaaniif dolaarri kumni 50 ni kaffalamaaf.
" Daawwattoota Waancaa Addunyaa jajjaboo" Foxe One kan ta'an daawwattoonni lamaan torban tokkoo oliif ga'ee isaanii yeroo ba'atanitti muuxannoon isaanii maal akka fakkaatu BBCn dubbiseera.
Saanduuqa ilaaltuun hojjetame Niiwu Yoork Taayims Iskuweer gidduu taa'ee jiru daawwachuu dhiisuun hin danda'amu.
Saanduuqa kana keessa teessuma hirkannaa qaban, soofaa, TV iskiriinii gurguddaa qaban lamaafi joottanniin ni argamu.
Bakka deeggartoonni daawwatan akka fakkaatuufis meeshaaleen gurgurtaaf dhiyaataniifi nyaanni ni jiru.
Keevin "akkuma sammuu nama umuriin isaa waggaa 20 ta'e keessa jiruutti waan as keessatti ta'e kaa'uu dandeenyaan akka deeggaraa kubbaa miilaatti keessa," jechuun BBCtti dubbate.
Filooriidaatti nama nyaata bilcheessu kan ta'e Keviin, akkasumas Filooriidaarraa miidiyaa hawaasaarratti nama dhiibbaa uumu kan ta'e Ostiin hojii kanaaf namoota kuma hedduun lakkaa'aman caalanii qacaraman. Hojiin isaa tokkoo tokkoo taphaa daawwachuu qofa osoo hin ta'iin deeggartootaaf qabiyyee uumuun isaanirra jira.
Waancaa Addunyaa torban baayyeen hafu kanaaf Keevin fi Ostiin saffisa isaanii madaalawaa gochuuf yaalaa jiraachuu dubbatu.
"Baayyee dadhabeen ture, Ostiin xiqqoo dadhabee ture. Kanaaf waan ta'aa jiru huda hordofuudhaaf barachaa jirra," jedha Keevin.
Ostiinis kanatti waliigala. Muuxannoo kaampii waqtii gannaa guyyoonni jalaa wal makan waliin wal bira qabee ilaaleera. "Guutummaan guutuutti maraatooniidha. Gama tokkoon ammoo soofaarra taa'ee waanan ilaaluuf karaa ittiin salphaa ta'us qaba. Haata'u malee, dadhabsiisaa ta'eerammoo. Saatii hirribaa saddet hanga naaf danda'ametti mirkaneeffachuun yaala."
Hojiin isaa saanduuqa ilaaltuu Taayims Iskuweer keessa raafuuf dirqama gochuu dhiisuu isaatiin carra qabeeyyiidha. Kun ammoo tapha itti aanu daawwachuuf of qopheessuuf isaan gargaara.
Jarri kunneen lamaan amumarraa tateewwan seena qabeessa ta'e arguu danda'aniiru. Foon Arjentiinaa nyaachaa yeroo Liyooneel Meesii rikakrdii goolii lakkoofsisuu addunyaa kanaan dura ture cabse itti galche arganiiru.
Naannoon daawwattootaaf hawwataa ta'e kun daawwattoota Waancaa Addunyaas hawwataa jira. Deeggartoonni Noorway agarsiisa Vaayikiing jedhamu akka ittiin bidiruun yabalan itti agarsiisan bakka kanattis daawwachiisaniiru.
Deeggartoota guutummaa addunyaarraa dhufan waliin wal arguun waa'ee kubbaa miilaa, aadaa fi waa'ee turtii isaanii Ameerikaa haasa'uun kun Ostiiniif kutaa jaallatamaadha.
"Kan baayyee nama ajaa'ibu namoota Taayims Iskuweer waliin akkan ta'e irra deddeebiin dagachuukooti. Daqiiqaawwan 10, 15 qalbiin kiyyaan ta'ee daawwachaa gidduutti gara mirgaa kiyyatti yeroo gargalu Keeviniifi namoota Taayims Iskuweer keessa socho'anan arga. Kanaaf, guutummaan guutuutti [bakka jirtu] ni dagatta."
Tilmaamni isaaniihoo?
Keeviin Ispeen waancaa warqee kana ni fudhatti jedheera. Haata'u malee, sababa dhaloota iaatiif Gaanaa fi Ameerikaa deeggara.
Ostiin ammoo maaleyaa Noorway uffateera. Sababa dhuunfaatiin garuu miti. Sababa gahumsa gareen isaafi jifataan Maanchester Siitii Erliing Halaand agarsiisaa jiraniifidha.
"Salphaatti filuun ni danda'ama jedheen yaada. Ispeen ykn Faransaay ni mo;atu. Noorwayis karaa sirriirra jirti jedheen yaada. Wanti jiru qajeela ataanaan akka qe'ee isaaniitti fudhatanii galan natti mul'ata."
Daawwattoonni hojii Keevin fi Ostiin kana [tapha Waancaa Addunyaa hunda daawwachuu] kana barbaadanii argachuurratti yaada gara garaa qabu.
Deeggaraa Noorway kan ta'eefi umuriin isaa waggaa 50 keessa kan jiru Imuundii Lilaand, akkasumas ilmi isaa umuriin waggaa 15 taphoota 104 hunda isaa daawwachuun waan humnaa olii akka ta'etti amanu.
Deeggaraan umuriin isaa waggaa 18 ta'e Maatiiwu Meendeez Waancaa Addunyaa daawwachuuf hiriyyootaafi maatii isaa waliin yoo ta'e akka filatu BBCtti dubbateera.
Haata'u malee, deeggaraan umuriin isaa waggaa 20 ta'e Miigeel Saancheez Keevin fi Ostiin carra qabeeyyii akka ta'an amanuullee hin dandeenye.
"Maal jechuudha? Waancaa Addunyaa daawwachuuf sif kaffalamuun qaamaan argamanii daawwachuu caala. Kun eessaa argamaa? Waan ajaa'ibaati!"