Waa'ee Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa qabxiilee ijoo shan

Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 7ffaan guyyaa har'aa gaggeeffamuu eegaleera.
Filannoo qophiin guddaa taasifamaafiif ture karaa nagaan akka xumuramu qaamoleen nageenyaa qophaa'uu ibsaniiru.
Filannoon har'a taasifamu miseensota mana maree ummataafi miseensota mana maree naannootiifidha.
Miseensonni filaman immoo adeemsa keessa mootummaa haaraa filatu jechuudha.
Filannoo kanarratti paartii biyya bulchu dabalatee paartileen 40 ol ni dorgomu jedheera Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa.
Mee filannoo kana ilaalchisee wantoota ijoo shan ka'aa jiran haa ilaallu.

Lakkoofsa filattoota dabale
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa akka beeksisetti filannoo marsaa 7ffaa kanarratti lammiileen miliyoona 54 ol sagalee kennuuf galmaa'aniiru.
Odeeffannoo duraan tureen kanneen sagalee kennan miliyoona 50.5 jedhamee ture.
Seenaa Itoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota hanga kanaa sagalee kennuuf yoo galmaa'u isa guddaa ta'u miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Lakkoofsi namoota sagalee kennuuf galmaa'an lakkoofsa ummata Itoophiyaa ni ta'a jedhamee tilmaamamu keessaa walakkaa ta'uf jedha.
Dargaggoo Biruk Mituluu yeroo jalqabaaf filannoo har'aa irratti sagalee kenna.
''Filannoorratti yeroon hirmaadhu kuni kan jalqabaakooti,'' kan jedhu Biruuk qaamni injifate mootummaa ta'uf deemu dargaggoof xiyyeeffannaa akka kennu dhaama.
''Sababni isaas kan biyya dhaalu dargaggoodha, nuyidha. Kanaaf, nuuf xiyyeeffannoon hojjechuu qaba.
''Ammallee carraaleen jiru kana caalaa cimee babal'achuu qabu.
''Akkan yaadutti dimookiraasii keessatti sagaleen tokko gatii qabdi. Sababni isaas sagalee tokkoof jecha paartiin tokko aangoo dhabus, argachuuf danda'a.
''Kanaaf, sagaleen koo gatii qaba jedheen amana.''

Barataa digirii sadaffaa kan ta'an Obbo Shimallis Fayyisaa namoonni sagalee yeroo kennan qaama rakkoo isaanii nuuf furaa jedhan ilaalcha keessa galchuu qabu jedhu.
Kanaaf, qaamni filannoo keessa hirmaatu kamuu ''xiyyeeffannoo guddaa itti kennee mootummaa naaf ta'a biyya kana sirriitti gaggeessuu ni danda'a'' jedhu akka filatu gorsu.
''Sirna siyaasaa keessatti filannoo jechuun mootummaa biyya bulchu sagaleedhaan murteessanii bakka buusuudha.''
Eenyutu taajjaba?
Filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa taajjabuuf taajjabdoonni biyya keessaa fi alaa kumaatamaan lakkaa'aman akka bobba'an eegama.
Biyya alaarraa Gamtaan Afrikaafi IGAD irraa taajjabdoonni ergaman qophii gochuu miidiyaaleef ibsaniiru.
Hoggantuun garee taajjabdoota IGAD Dr Sipesiyozaa Waandiraa-Kazibiwee jedhamu.
Taajjabdoonni kuni filannoon kuni haqa qabeessa ta'u isaa akka hordofaniifi naannolee Itoophiyaa garagaraatti bobba'uu gabaafameera.
Gama kaaniin Gamtaan Afrikaas taajjabdoota ergeera.
Garee taajjabdoota Gamtaa Afrikaa kan hoogganan immoo pirezidantii duraanii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaattaadha.
Yaaddoo nageenyaa

Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa yeroo yaaddoon nageenyaa jirutti adeemsifama, keessumaa Naannoo Amaaraafi Oromiyaa sochiin hidhattootaa jiru keessatti.
Hidhattoonni naannolee lamaan keessa sosso'an, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi hidhattoonni 'Faannoo', sochiin geejibaa akka hin jiraanne akka danqan dhaadataniiru.
Humnoonni nageenyaa garuu yaaddoo kana qolachuuf qophaa'uu Ajajaan waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa dubbataniiru.
Yaaddoon nageenyaa garuu filannoo marsaa jahaffaa irrattillee ture.
Yeroos waraanni Naannoo Tigraay keessa adeemaa kan ture yoo ta'u, hidhattooti WBO kan mootummaan 'Shanee' jedhu mootummaa lolaa turan.
Sababa kanaan bakkeewwan filannoon hin gaggeeffamnees ture.
Qorataa kan ta'an Obbo Shimmallis hidhattoonni naannolee Itoophiyaa garagaraa keessa sosso'an filannoo boodas mootummaa ijaaramuf rakkoo ta'u akka danda'u himu.
MM Abiy eenyutu morkata?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Filannoon kuni erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangootti bahanii filannoo yeroo lammataaf taasifamaa jirudha.
Filannoo marsaa 6ffaaf taasifameefi paartileen kanneen akkaa ABO fi KFO ''dhiibamne'' jedhani hafan irratti dhaabi isaanii olaantummaan mo'ateera.
Paartiin isaan hundeessan, Paartiin Badhaadhinaa teessuma parlaamaa 484 keessaa 410 injifachuun mo'ate.
Ministirri Muummee Abiy filannoo baranaa irratti as bahanii duula hin gaggeessine.
Haata'u malee, bakka aangawoonni olaanoo garagaraa argamanitti duulli filannoo gaggeeffamaa tureera.
Xinxaltoonni filannoon kuni Ministira Muummee Abiy yaaddessa jedhanii hin yaadan.
Paartiin isaanii filannoo kana irra deebiin akka irra aanu dubbatu. Kanaafis, sababni tokko paartiin mormituu cimaa dhibuudha.
Qeeqxonni mootummaa dirree siyaasaafi miidiyaa dhiphisuun qeequ. Mootummaan himannaa kana hin fudhatu.
Hidhaas ta'e himannaan namoota siyaasaas ta'e gaazexeessitoota irratti baname akkaataa seera biyyaatiini jedha.
Jaarmiyaan mirgoota namoomaa idil-addunyaa Aministii Internaashinaal aanga'oonni mootummaa Itoophiyaa tibba filannoo kana keessa "ukkaamsaa" sabaa-himaaleerratti cimsanii itti fufaniiru jechuun himateera.

MM Abiy Naannoo Oromiyaa naannoo filannoo Gommaa 2 jedhamuttidha dorgomu.
Kaadhimamtoonni paartilee lamas isaan dorgomu.
Paartii Bilisummaafi Wal qixxummaa irraa Obbo Daagim Waarisoo, akkasumas dhaaba IZEMA irraa Obbo Kaalid Jamaalidha.
Kaadhimamtoonni paartileen kunneen dhiheessan lamaan filannoo marsaa 6ffaa irrattis naannoo filannoo kanatti MM Abiy waliin dorgomaniiru.
Yeroos MM Abiy sagalee caalmaan irra aanani.
Filannoo baranaarratti naannoo filannoo MM Abiy dorgomanitti Badhaadhinaan ala ABO fi IZEMA'n mana maree naannoof kaadhimamtoota tokko tokko dhiheessaniiru.
MM Abiy filannoo marsaa 6ffaa irratti buufata filannoo Bashaashaa Haroo jedhamuttidha sagalee kan kennan.
Tigraayitti filannoon hin taasifamu

Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 7ffaa kaaba Itoophiyaa Naannoo Tigraay keessatti hin adeemsifamu.
Boordiin Filannoo akka jedhetti, sababni achitti hin taasifamneef ''haalli mijataa waan hin jirreefidha.''
Achi qofa osoo hin taane naannolee filannoo Naannoo Amaaraa keessa jiran 138 keessaa saddeet keessatti filannoon akka hin gaggeeffamne boordichi ibseera
Kunis, rakkoo nageenyaanidha.
Naannoo Tigraayitti filannoon marsaa 6ffaallee hin taasifamne ture.
Yeroos mootummaan federaalaa yaaddoo dhibee kovidiif filannoo yoo dheeressu dhaabi TPLF diduun beekamtii boordii filannoo federaalaa malee filannoo gaggeesse.
Eegasii Manni Maree Federeeshinii Itoophiyaa filannoon sun 'haqamuu' ibse. Filannoon suni wantoota waraana Tigraayiif ka'umsa ta'an keessaati.
Waraanni waliigaltee Piritooriyaan xumura argatus yeroo ammallee walitti bu'iinsatti ce'amuu mala jedhamee muddamni jira.













