Aministiin mootummaan Itoophiyaa filannoo dura "miidiyaa ukkamsuurratti duula bane" jedhe akka dhaabu gaafate

Namoota walabummaa miidiyaaf sagalee dhageessisaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Jaarmiyaan mirgoota namoomaa idil-addunyaa Aministii Internaashinaal aanga'oonni mootummaa Itoophiyaa tibba filannoo kana keessa "ukkaamsaa" sabaa-himaaleerratti cimsanii itti fufaniiru jedhu akka dhaabaniif gaafate.

"Michoonni misoomaa Itoophiyaa fi qaamoleen mirgoota namoomaa idil-addunyaa waa'ee tarkaanfii 'tarsiimawaa'" jedhe kanaa sagalee isaanii akka dhageesssaniif waamicha dhiyeesseera.

Himannaa Aministii Intarnaashinaal dhiyeesse kanarratti mootummaan Itoophiyaa hanga oduun kun qindaa'utti deebii kenneeru hin qabu.

Jaarmiyaan mirga namoomaa kun ibsa Caamsaa 29, 2026 baaseen, aanga'oonni Itoophiyaa filannoo marsaa torbaffaa Wixata dhufu gaggeeffamu dursee "qeeqa ukkaamsuuf" jecha "tarkaanfii walabummaa miidiyaarratti fudhatan cimsaniiru" jechuun himateera.

Hayyamni galmee sabaa-himaalee, akkasumas hayyamni gabaasuu gaazexeessitootaa akka haqameerus dabaluun ibseera.

Ji'oota as dhiyoo "miidiyaalee walabaarra akkuma argan hidhuu, dirqamaan miliqsuufi gaazexeessitootarratti hordoffii seeraan alaa" raawwachuun "duulli ukkaamsuu" banameera jechuun himateera jaarmiyaan kun.

Bakka bu'oonni sabaa-himaalee ja'a Aministiin dubbise jedhe, "sababa tarkanii miidiyaa irratti fudhatamaa jiruun gabaasni filannoo dhufuu baayyee miidhamuu" dubbachuu isaanii ibsu kun eereera.

"Iftoomina dhabuun" Boordii Filannoo Itoophiyaarratti mul'atu jedhes gabaasa filannoorratti dhiibbaa akka uume dhaabbanni kun ibseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Daayirektarri Amnistii Intarnaashinaal kan naannawa Bahaa fi Kibbaa Afrikaa Tigeree Chaagutaah, "[kakuun sun] boordichaaf aangoo odeeffannoowwan isatti hin tolle to'achuu ykn kamtu dhugaa kamtu immoo soba akka ta'e murteessuuf dandeessisu kennaaf" jechuun qeeqaniiru.

Daarektarichi "wayita lammiileen filannoof qophaa'an kanatti michoonni misoomaa Itiyoophiyaa akkasumas qaamoleen mirga namoomaa naannichaa fi addunyaa kan dhimmi ilaallatu, diigumsa tarsiimawaa miidiyaalee walabaa biyyattii irratti gaggeeffamaa jiru mormuun sagalee isaanii dhageessisuu qabu," jechuun waamicha taasisaniiru.

"Aangawoonni Itiyoophiyaa amala abbaa-irrummaa jabeessaa dhufan kana dhaabuu fi duula hacuuccaa miidiyaalee irratti gaggeeffamu dhaabuu qabu," jedhaniiru.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad, miidiyaa fi seenessa miidiyaa ilaalchisee marii xumura ji'a Eblaa keessa taasisaniin miidiyaaleen "mata-duree gabaasaalee gurguruudhaan" qeeqanii turan.

"Ajandaa gurguruu osoo hin taane, mata-duree gurguruun rakkoo guddaa miidiyaalee Itiyoophiyaati," jedhaniiru.

Waggoota saddeet dura yeroo gara aangootti wayita dhufan tarkaanfiiwwan bilisummaa miidiyaalee eegsisuuf fudhatan kan yaadatan Abiy Ahmad, garuu miidiyaaleen bilisummaa yeroo argatan "namoonni naamusa hin hordofnee fi bilisummaa ofii sirnaan itti fayyadamuu hin dandeenye turan," jechuun dubbataniiru.

Erga isaan gara aangootti dhufanii dirreen miidiyaa mul'atu "darbee darbee namoota dubbatan moggeessuu" dabalatee rakkoolee akka qabu dubbatan. Haa ta'uu malee "wal bira qabamee yoo ilaalamu dhimmootni banaman jiru" jedhan.

Reporters Without Borders kan sadarkaa bilisummaa pireesii biyyoota addunyaa waggaa waggaan baasu, Abiy Ahmad erga gara aangootti dhufanii booda bara 2011 (A.L.H) sadarkaa Itoophiyaa biyyoota 180 keessaa 110ffaa irratti kaayee ture.

Gareen kun gabaasa dhiheenya kana baaseen sadarkaan walabummaa pireesii Itoophiyaa gadi bu'ee 148ffaa irratti argama.

Amnistii Intarnaashinaal ibsa har'a baaseen; Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa heeyyama galmee miidiyaalee Addis Standard fi Wazema Radio haquu isaa gabaaseera.

Hayyamni gabaasaa gaazexeessitoota Rooytarsi haqamuu isaas ibseera.