Hogganaa Humna Addaa Sudaan (RSF) Hamdaan Dagaaloo duuti itti murame

Madda suuraa, Anadolu Agency via Getty Images
Dhaddachi Sudaan keessa jiru hogganaa Humna Addaa Sudaan (RSF), Hamdaan Dagaaloo yakka waraanaa, yakka farra namummaafi dugaaggaa sanyii Lixa Daarfuuritti hirmaachuun murtii du'aa irratti dabarseera.
Dhaddachi magaalaa waraana mootummaan to'atamtee jirtu Poort Sudaan jiru Hogganaa RSF Hamdaan Dagaaloo- Hemeetii jedhamuun beekamu iddoo inni hin jirretti miseensota gameeyyii RSF 15 biroo waliin murtii du'aa irratti dabarseera.
Dhaabbanni Sudan Founding Alliance kan RSF jala jiru ''dhaddachi kuni fakkeessaa dha, kanaaf yaada kennuuniyyuu hin barbaachisu,'' jedhe.
Dhaddachi kuni ajjeechaa bara 2023 bulchaa naannoo Kaamis Abbaakar magaalaa el-Jeeninaa keessatti raawwate fa'a ilaale.
Dhaddachi kuni namoota 16 biroo namoota nagaa irratti badii hamaafi saamicha raawwachuun dabalataan manneen barnootaa, iddoo waaqeffannaafi manneen jireenyaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwataniiru jechuun du'a irratti mureera.
Kanneen duuti irratti murame keessaa obboleessa Hemeetiifi hogganaa ittaanaa Abdelraahiim Hamdaan Dagaaloo, obboleessa biraa Al-Qoni Hamdaan Dagaaloo akkasumas hogganaan RSF Lixa Daarfuur Abduul Rahmaan Jumaa Baarkaallaah keessatti argamu.
RSF dhimma kanarratti kallattiin yaada hin kennine, tahus kanaan dura himannaa yakkaa irratti ka'u hunda waakkateera.
Daanyaan addaa Sudaan Mohaammad Al-Amiin qabeenyi RSF hundi akka to'atamuufi qondaaloti biyyattii Intarpool akka to'annoo jala akka isa oolchu akka gaafatan ajajeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Murtoon kuni erga waraanni Sudaan eegalee yeroo jalqabaaf hogganoota RSF irratti darbe. Tahus gareen kuni sababa iddoo bal'aa to'atee jiruuf hojiirra oolmaan murtoo kanaa ifaa miti.
Hemeetiin yeroo ammaa eessa akka jiru waan ifatti beekamu miti.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi dhaaboti namoomaa biroo RSF gareelee milishaa Arabaa biroo waliin tahuun saba Masaaliit, Daarfuur keessa jiran irratti qiyyafachuun haleellaa raawwateera jedha.
Jalqaba baatii kanarra abbaan alangee olaanaa dhaddacha idil-addunyaa(ICC) RSF yakka waraanaa raawwachuuf 'ragaan qabatamaa jira,'' jedhaniiru.
Caamsaa 2024 gabaasni Hiyuumaan Raayitis Wooch baaseen duulli haleellaa el-Janiin keessatti Ebla hanga Sadaasa 2023 raawwate kumaatama ajjeesee, kanneen kuma dhibbaan lakkaa'aman immoo qe'eesaaniirraa buqqiseera jedhe.
Akka dhaaboti mirgaaf falman jedhanitti humni kuni yakka waraanaa,yakka farra namoomaa haala sanyii dhabamsiisuutti lakkaa'amuu danda'uun hawaasa Maasaaliitifi kanneen hawaasa Araba hin taane irratti raawwataniiru.
Gareen mootummaas tahe humni addaa kuni sarbama mirga namoomaa raawwachuun himatamaa turan. Bara darbe qorattoonni UN waraanni Sudaaniifi RSF namoota nagaa irratti qiyyaafachuu akkasumas bu'uuraalee misoomaa bal'inaan haleeeluu bira gahaniiru.
Sudaan bara 2023 ture wal morkii aangoo hogganaa waraana Sudaan Jeneraal Abdeel Fattaa al-Burhaaniifi Hemeetii gidduutti uumameen kan gara waraanaatti galte.
Waraana kanaan namoonni 150,000 kan ajjeefaman yoo tahu namoonni miiliyoona 12 tahan ammoo qe'ee isaanirraa baqataniiru. Akka dhaaboti gargaarsaa jedhsanitti namoonni miiliyoona 28 tahan beela hamaaf saaxilamanii jiru.















