Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naayiroobii keessatti gamoon jigee lubbuu baraartonni bobbaafaman
Magaalaa guddoo Keeniyaa, Naayiroobii bakka gabaan guddaa keessatti argamu Islii keessatti gamoon ijaarsarra jiru jige.
Gamoo abbaa darbii baay'ee kana keessatti namoonni danqamuu malu jedhamee akka sodaatamuufi lubbuu baraartonnillee bobbaafamuu ibsameera.
Gamoo kana keessatti namoonni keessatti danqamaniiru gabaasonni jedhan akka jiran bulchiinsi magaalichaa beeksiseera.
Isliin bakkee gabaa beekamaa magaalaa Naayiroobii keessatti argamu yoo ta'u bakkee lammiileen Itoophiyaas itti baay'atanidha.
Gamoon kuni ijaarsarra akka tureefi lubbuu baraartonni bakkichatti bobba'uu miidiyaaleen Keeniyaa gabaasaniiru.
Rooyitars gamoon kuni abbaa darbii 12 akka ta'e yoo ibsu miidiyaaleen kaan immoo isaa ol akka ta'e eeru.
Sababni gamoo kanaa jijjiguu maal akka ta'e akka adda hin baane Rooyitars gabaaseera.
Waajjirri bulchaa magaalaa Naayiroobii Joonsan Sakaajaa akka beeksisetti, mana jalaa gamoo kanaa keessatti namoonni keessa jiraatuu malu.
Namni ijaan argeefi BBC'n dubbise akka jedhetti, bakkichatti rifaatutu jira.
Yeroon balaan kuni dhaqqabe yeroo namuu olii gadi sosso'uufi sagada guyyaa Jimaataa xumuraniidha.
''Balaa nama naasisudha, namni as jiru hundi rifateera,'' jedhe.
Walitti qabaan koree daldaltoota naannawa Islii Omaar Ahimad jedhamu gamoon jige abbaa darbii 12 akka qabuufi yeroo dhihootti banamuuf akka jedhu hime.
Gamoo jalaa keessatti suuqiiwwan banamuufi yeroo gamoon kuni jigu namoonni keessa akka turan dubbate.
Gamoo jige keessaa harmeen sagalee na baraaraa dhageessisan akka jiran akkasumas namni ''obboleessi kiyya keessa jira'' jedhu akka jirullee hime.
Yeroo gamoon kuni jige namoonni suuqii gamoo kanarra jirurra kireeffachuu barbaadan ilaalaa akka turanillee himan.
Lubbuu baraartonni bakkichatti akka bobba'an gabaafameera.