Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waldhibdeen 'ilma tokkoof anatu abbaadha' jechuun namoota lama gidduutti dhalatee lubbuu torba galaafate murtii argate
Gaaffiin ' ilma tokko irratti anatu abbaadha' jedhu namoota lama gidduutti Somaaliyaa kutaa Puuntilaand keessatti ka'e matii gidduutti walitti bu'iinsa uumee du'aatii fi miidhaa namoota baayyeef sababa ta'eera.
Rakkoon lubbuu galaafateef hedduu ammoo miidhaaf saaxile kun amma mana muriin fala argachuu danda'eera.
Atakaaroo fi walitti bu'iinsa waggootaaf ture kanaaf sababa kan ta'e abbootiin lama gurbaa umuriin isaa waggaa 16 ta'e dubatii tokkorraa dhalateef 'anatu abbaadha' jechuun gaaffiin kaasan walitti bu'iinsa maatii uumee erga namoonni baayyeen ajjeefamanii booda ture mana muriitiin murteen kan itti kenname.
Sabaa himaaleen biyya keessaa Somaaliyaa akka gabaasanitti, gaaffii abootiin lamaan mucaan kun anaaf mala jechuun kaasaniin wal qabatee walitti bu'iinsa dhalateen namoonni torba ajjeefamanii, 21 kan ta'an ammoo madaa'aniiru.
Daanyonni (abbootiin seeraa) magaalaa guddoo bulchiinsa kutaa Puuntilaand taate Gaalikaayoo keessatti dhaddacha taa'an hayyoota amantaa Islaamaa sadii kan hammate yoo ta'u, gaaffii anatu mucaaf abbadha jedhuuf murteen kennan bu'aa qorannoo sanyii (DNA) fayyadamuun osoo hin taane ragaa namootaa dhageessisuunidha.
Daanyonni gaaffii abbummaa nama Faaraah Awaalee Alii jedhamu waggoota 13f daa'ima kana guddisaa turee fudhatama dhabsiisuun nama Liiban Taahiliil Hajii Aden jedhamu abbaa gurbaa kanaa ta'uu murteessuun isaanii ijoo dubbii ta'eera.
"Abootiin" lamaan waggootaaf abbaa mucaa kanaa ta'uuf carraaqaa turan murtee kanas tole jedhanii akka fudhatan daanyotatti beeksisaniiru.
Gaaffiin abbummaa ilma tokkorratti ka'e kun Somaaliyaa keessatti yeroo dheeraaf bal'inaan ijoo dubbii ta'ee kan ture yoo ta'u, xiyyeeffannaa guddaan ragaa haadha gurbaa kanaa kan taate Haliimoo Yusuuf Mohaammad fi hariiroo gaa'elaa isheen namoota kanneen lamaan waliin qabaachaa turte irratti ture.
Murteen osoo hin kennamiin dura yeroo adeemsa murtii guyyoota sadiif turetti haadha kan taate Halimoon, nama abbaa ta'uun murtaa'eef Liiban Taahiliil Hajii Adeen waliin bara 2006 akka gaa'ela ijaarrattee fu waggaa afur waliin jiraatanii akka adda bahan mana murtiitti himteetti.
Dabalataan ragaaleen lama Haliimoon gaa'ela ishee Liiban waliin raawwatterratti qaamaan akka argamanii turan dhaddacha kana irratti dhiyaatanii ragaa bahaniiru.
Abbaa mucaa kanaa ta'uun kan mirkanaa'eef Liiban daanyotatti akka himetti, wayita Haliimoo waliin adda bahanitti isarraa ulfaa'uushee itti himte turte.
Daa'imni ka'umsa atakaaroo fi walitti bu'iinsaa abboota lamaanii fi maatii isaanii ta'e kunis karaa viidyootiin yaada mana murtiif kenneen ilma Liiban ta'uu isaa ibseera.
Daanyonni murtee isa dhumaa kan kennanis jecha ragaalee, ragaa haati kennite, jecha gurbaa, akkasumas abbaan eenyu akka ta'e mirkaneessuuf qajeelfama seera Islaamaan kenname bu'uura godhachuun isaanii ibsameera.
Manni murtichaa murtee kennuuf qorannoo qaccee sanyii (DNA) hin fayyadamne. Haata'u malee, DNA fayyadamuun gaaffii abbaa ta'uu namoonni lamaan dhiyeessan salphaatti adda baasuun osoo danda'amuu daanyonni itti akka itti hin fayyadamne dura ta'aan waldaa abokaatoowwan Puuntilaand Maahimmud Sa'id BBCtti himeera.
"DNAn haala jiru mirkanneessuudhaaf malawwan wantota gargaaran keessaa isa tokkodha. Haata'u malee, Dhibba keessaa dhibba murtee mirkanaa'e kennuuf ragaaleen gahaa biroo yoo jiraatan dirqama gara qorannoo DNA deemuun hin barbaachisu," jedhan. Haata'u malee, dhimmichi adeemsa seeraa keessa darbeen fala argatee goolabameera jedheera.
Erga murteen kennamee booda daa'ima kana waggoota 13 abbaa ta'ee guddisaan ture kan jedhu Faaraah murtee abbootii seeraa akka kabaju garuu gurbaa kana guddisuuf baasii waggoota kana hunda baase maal akka ta'u gaaffii dhiyeesseera.
Gurbaa kana waggootaaf akka abbaatti akka kunuunsa ature ibsuun, baroota kana keessatti maallaqa baase hayyoonni amantaa fi aanga'oonni mootummaa murtee kana dabarsan akka xiinxalaniif gaafateera.
Gama biraan, abbaa gurbaa kanaa ta'uun kan mirkanaa'eef Liiban yeroo falmiin ture keessa isa cinaa kan dhaabbatan hayyoota amantaa, firoota isaa, akkasumas haadha mucaa kan taate Haliimoo fi maatii isheellee galateeffachuun, obse adeemsa kana keessatti isaan agarsiisan dinqisiifateera.
Waan hanga ammaatti uumameef, "har'a hunda dhiifama jedheera' jechuun gaaffii abbaa ta'uu isaa dhiyeessee jalaa kufaa ta'e Faaraah ammoo maqaa dha'ee muddamni maatii lamaan gidduu jiru akka dhaabbatuuf waamicha dhiyeesseera.
Falmiin anatu abbaadha jedhu namoota lamaan gidduutti ka'e magaalaa giddu galeessa Somaaliyaatti argamtu Gaaliyoo keessatti walitti bu'iinsi dhalatee lubbuun namootaa badeera, baayyeenis miidhaan irra gaheera.
Kana waliin wal qabatee waggoota lama dura obboleessi nama amma abbaa gurbaa ta'uun isaa mirkanaa'e Liiban namoota hidhatanii ajjeefameera.
Yeroo sanatti bulchaa Puuntilaand, naannoo Muuduug kan ture Faayisel Sheek Alii BBCf akka ibsetti, ajjeechaan kun atakaaroo abbummaa gurbaa kana ilaalchisee ka'e waliin walitti dhufeenya qaba.
Sabaa himaaleen kutaa bulchiinsa Puuntilaand akka gabaasanitti, waliigalatti sababa kanaan namoonni torba ajjeefamanii, kanneen 21 ta'an ammoo madaa'aniiru. Haata'u malee, BBCn lakkoofsa namoota ajjeefamiinis ta'e miidhaan irra gahee mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Liiban murtee mana murtiitiin booda akka dubbatetti taanaan, sababa walitti bu'iinsaa kanaan namoota miidhaan irra gaheummanni deegarsa akka godhuf waamicha dhiyeesseera.
"Namoonni du'aniiru, namoonni miidhaan irra gaheera, ijoolleen maatii dhabanis jiru," jechuun ofii isaallee maatii namoota du'anii, akkasumas namoota walitti bu'iinsa kanaan miidhaman akka deeggaru waadaa galeera.
Abbootiin murtiis maatiin namoota lamaanii murtee mana murtii akka kabajanii fi walitti bu'iinsa dabalataa uumuurraa akka of qusatan hubachiiseera.
Manni murtichaa abbaan daa'imaa eenyu akka ta'e ilaalchisee murtee kennullee, ajjeechaawwan, akkasumas miidhaa kanaan wal qabatee uumameef itti gaafatamummaa, akkasumas gaaffii beenyaa Faaraah gaafate akkamitti akka deebii argatu ilaalchisee waan jedhe hin qabu.