Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Ameerikaan yeroo waggaa lama hin guunne keessatti viizaa 300,000 ol haquu himte

Viizaan namoota kuma 300 ta'anii kun kan haqame erga Pirezidant Doonaald Tiraamp yeroo lammaffaaf aangoo qabatee ta'uu ibse bulchiinsi Tiraamp. Ministeerri dhimma alaa US yeroo biyyattiin tarkaanfii baqattoota irratti fudhatu cimsitettidha viizaan namoota kuma 300 ta'anii haqamuu kan ibse. Adeemsi kun torbanoota darban keessa tarkaanfiin viizaa haquu akkaan dabaluu akeeka.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan Huutii fi Sa'ud Arabiyaa walitti araarsuuf akka barbaaddu beeksiste

    Iraan hidhatoota Huutii Yaman fi Sa'ud Arabiyaa jaarsa taatee walitti araarsuuf akka barbaaddu beeksifteetti.

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Arraagchii Sa'ud Arabiyaa fi gareen fincilootaa Yaman, Huutiin wal loluu akka dhaabaniif yaada walitti ararsuu Iraan dhiyeessiteef lachuu deebii hin kenniin jiru jedhe.

    Akka Rooyiters gabasetti, Abbaas Arraagchiin erga haleellaan Huutiin Sa'ud Arabiyaa irratti gaggeessu jalqaba ji'a kanaarraa hammaachaa dhufee jara lamaan walitti fiduun araasuuf yaada dhiyeessuu hime.

    Ibsa Masiriin waraana Sa'ud Arabiyaan Huutii waliin taasisaa jirturratti akka deeggaru baasterratti yaada kan kenne Ministirri Dhimmaa Alaa Iraan kun, "giddu-seentummaa qaama alaa kamiyyu haala jiru daran ulfaataa taasisa," jedhe.

    Masiriin akka ibsitetti, Sa'ud Arabiyaan nageenyashee akka eeggattuuf gargaarsa barbaachisu kamiyyu dhiyeessuufiif qophiidha.

    Odeeffannoo kanaan wal qabatan biroo:

  2. Raashiyaan lammii Ameerikaa osoo Yukireeniif lolaa jiruun qabadhe jette gadhiisuuf akka jirtu dhaga'ame

    Raashiyaan lammii Ameerikaa umuriin isaa waggaa 74 ta'e osoo Yukireeniif lolaa jiruun qabadha jechuun hiitee turte gadhiisuuf waliigaluu ishee Pirezidant Vilaadmiir Puutin dubbachuu isaa miidiyaaleen biyyattii gabaasan.

    Puutin ambaasaaddara Ameerikaa Istiiv Wiitkoof waliin Seent Piitarsibargitti marii wayita taasisanitti Isteefen Habaard gara buufata xiyyaaraa Pulkoovitti gaaffeameera jedhame.

    Barsiisaa fi jiraataa Michigaan kan ture Habaard bara 2024 ture Yukireeniif hiriiree loleera jedhamee erga himatameen booda hidhaan waggaa torbaa kan itti murtaa'eera.

    Abbaan alangaa erga Mooskoon waggaa lama dura Yuukireeniin guutummaatti erga weerartee booda osoo baayyee hin turiin magaalaa baha Iiziiyeem keessatti kan argamu Iizii Humna Ittisaa Yukireen keessa tajaajilaa ture jechuun himateera.

    Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa kanaan dura Habaardiin "dogoggoraan hidhameera" kan jedhe yoo ta'u Kibxata Pirezidant Doonaald Tiraamp ammoo waa'ee nama kanaa Puutin waliin dubbachuu isaa himeera.

    Tiraamp gaazexeessitootatti "maaltu akka ta'u ilaalaa, xiyyeeffannoon keenya Habaard irratti" jedheera.

    Ameerikaatti miidiyaan michuu BBC ta'e CBS News Habaard rakkoo fayyaa akka qabuu fi wallaansaaf gara Teksaas akka geeffamu gabaaseera.

    BBCn dhimma kanarratti Waayit Hawus irraa yaadaa argachuuf gaafatullee ammatti deebii hin argatiin jiru.

  3. MM Abiy iddoowwan wiirtuuwwan anniisaa nukilaraa itti ijaaraman sadi adda bahuu ibsan

    Ministirri Muummee Abiy Ahmad ijaarsa wiirtuu annisaa nukilaraaf iddoowwan soddoma caalan sakatta’amaa turuu ibsuun, kanneen keessaa dhumarratti sadi filatamuu ibsaniiru.

    Aanga’aan Itoophiyaa kun kana kan jedhan wayita Roobii har’aa Onkoloolessa 21, 2026 komishinii anniisaa nukilaraa daawwatanitti.

    MM Abiy yeroo ammaa biyyattii keessatti teeknooloojiin nukilaraa sadarkaa jaarmiyaa cimaatti dhaabbachuu ibsan.

    Kanaafis gareen qorannoo ijaaramuu, dhaabbatichi seeraan bu’uureffamuu, hojjettoonni fi hooggantoonni ramadamuu akkasumas caasaan biiroo fi humna namaa hunduu guutuu ibsan.

    MM Abiy iddoowwan wiirtuun anniisaa nukilaraa irratti ijaaramu jedhamuun adda ba’an jalqaba 30 achirraa gara 13, booda ammoo gara shaniitti xiqqaachuu ibsan.

    Dhumarratti iddoowwan sadi calalamuun filatamuu ibsan.

    ‘’Bakkeewwan kunneen akka filataman nuti raggaasisuu hin dandeenyu,’’ kan jedhan MM Abiy, ‘’dhaabbileen alaa iddoo filachuu fi mijataa ta’uu mirkaneessuu qabu,’’ jedhan.

    Bakki filatame mijataa ta’uun erga mirkanaa’ee booda iddoo qopheessuu, dhaabbata teeknooloojii nukilaraa kennu waliin waliigaltee mallatteessuun akka irra jiraatu dubbatan.

    Hojiin anniisaa nukilaraa akka Hidha Haaromsaa Guddichaa yeroo tokko kontiraata kennuun yeroo gabaabaa keessatti kan xumuramu akka hin taane ibsan MM Abiy.

    ‘’Jaarmiyaalee fi dameelee ogummaa fi barnootaa hedduu kan tuquudha. Pirojektii yeroo dheeraati. Humna namaa fi qophii guddaa gaafata,’’ jedhan.

    Ministira Muummee Itti Aanaa fi Afa-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa dabalatee aanga’oota mootummaa waliin ta’uun Komishinii Anniisaa Nukilaraa Itoophiyaa kan daawwatan MM Abiy ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin ‘’jaarmiyaan kun mul’ata misoomaa yeroo dheeraa Itoophiyaan qabattee jirtuuf faayidaa tarsimaawaa akkaan murteessaa ta’e qaba,’’ jedhan.

    Itoophiyaan qabeenya uumamaa hammaaramee hin dhumneen yeroo dheeraaf kan beekamtu ta’uu kan dubbatan MM Abiy, ‘’boqonnaa haaraan ammoo qabeenya faarfaman kunneen gara misooma qabatamaa, guddina teeknooloojii fi badhaadhina walootti geeddaruudha,’’ jedhan.

    MM Abiy ijaarsa anniisaa nukilaraa kan eegalsiisan ALI Qaammee 4, 2014 ture.

    Yeroo ijaarsa anniisaa nukilaraa kana eegalsiisan anniisaan nukilaraa kun ‘’nagaaf qofa’’ kan oolu ta’uu ibsanii turan.

  4. Huutiin wiirtuu leenjii loltoota mootummaa Yaman haleeluun namoota 73 ajjeese

    Haleellaa hidhattoonni Huutii wiirtuu leenjii loltoota mootummaa Yaman bulchiinsa Shabwa keessatti argamu irratti raawwataniin namoonni 73 ajjeefamuu miidiyaan naannawa sanaa gabaase.

    Aanga'oonni naannawa kanaa misaayeloonni baalistikii sadi wiirtuu leenjii kana haleeluu himan.

    Haleellaan kun Wiixata darbe raawwate. Ergasii hanga ammaatti lakkoofsi namoota du'anii 73 ga'eera.

    Rooyitarsi viidiyoo loltoota miidhamanii fi reenfa namoota lafarra ciisanii mul'isu dhugaa ta'uu mirkaneesseera.

    Bulchaan naannawa kanaa Awad al-Wazir haleellaa kanaan namoonni 200 caalan madaa'uu ibse.

    Dubbi himaan Huutii Yahyaa Saaree wiirtuun leenjii sun humnoota Sa'uudiin haleelamuu hime.

    Aanga'oonni Sa'uudii dhimma kanarratti gaafatamanis battala deebii hin kennine.

  5. MM Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu Iraan irratti haleellaa haaraa eegaluuf Tiraampiif waamicha dhiheesse

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu fi Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp haasaa bilbilaan taasisan keessatti Iraan irratti haleellaa haaraan banamuuf akka jedhu akeekan.

    Haasaa bilbilaa miidiyaa hawaasummaarratti qoodame kana keessattu Neetaaniyaahuun filannoo biyyaalessaa torbee dhufu gaggeeffamuuf deeggarsa Tiraamp taasiseef galateeffateera.

    ''Doonaald! hojii xumuruu qabnutu jira. Akkuma ati jette waliin taanee xumurra. Kan biraa homaa gochuu hin danda'u, xumuruu qofa,'' jechuun Tiraampitti dubbate Neetaaniyaahuun.

    Pirezidant Tiraamp filannoo bara giddugaleessaa yeroo aangoo pirezidantiitti gaggeeffamu dura Iraan irratti haleellaa akka hin raawwanne armaan dura ibsanii turan.

    Haata'u malee aanga'oonni lameen torbee darbe duula haleellaa haaraa eegaluu miidiyaan US Axios jedhamu gabaaseera.

    Miidiyaan kun maddeen sadi wabeeffachuun akka gabaasetti aanga'oonni lameen kan dubbatan Tiraamp filannoo US dura Iraan irratti haleellaa akka hin raawwanne ibsuu dura.

    Aanga'oonni Waayit Haawus Tiraamp fi Neetaaniyaahuun waraana Iraan deebisanii eegaluuf mari'ataniiru oduu jedhu ''soba'' jedhan.

    Garuu loltoonni US fi Israa'el qophiidhaan jiru.

    Yoo tarii Tiraamp ejjennoosaa [filannoo dura Iraan haleeluu dhiisuu] kan jijjiiru ta'e jechuun qophiin eegaa jiraachuu maddeen ibsaniiru.

  6. Ameerikaan yeroo waggaa lama hin guunne keessatti viizaa 300,000 haquu himte

    Viizaan namoota kuma 300 ta'anii kun kan haqame erga Pirezidant Doonaald Tiraamp yeroo lammaffaaf aangoo qabatee ta'uu ibse bulchiinsi Tiraamp.

    Ministeerri dhimma alaa US yeroo biyyattiin tarkaanfii baqattoota irratti fudhatu cimsitettidha viizaan namoota kuma 300 ta'anii haqamuu kan ibse.

    Adeemsi kun torbanoota darban keessa tarkaanfiin viizaa haquu akkaan dabaluu akeeka.

    ''Viizaan kuma 300 ol haqameera. Lakkoofsi kun ammas dabalaa jira. Kanneen viizaa qabaniif dhaamsi qabnu salphaadha. Seerota keenya kabajaa. Yoo kana hin taane mirga gara Ameerikaa imaluu dhabdu,'' jedhan Ministeera dhimma alaa Ameerikaatti gargaaraan barreessaa waajjira dhimmoota qonsilaa Mooraa Naamdaar.

    Qondaalli kun ergaa karaa X dabarsaniin ''Pirezidant Tiraampiif akkasumas ministira dhimma alaa Maarkoo Ruubiyoof biyya keenyaa fi uummata keenya eeguun hojii ijoodha,'' jedhan.

    Waayit Haawus bara bulchiinsa Tiraamp yeroo kamuu caalaa saffisaa fi baayyinaan viizaa haqeera jedhan qondaalli US kun.

    Dubbi himaa Ministeera dhimma alaa US kan ta'an Toomii Piigoot lammiileen alaa viizaan isaanii haqame kanneen gocha seeraan alaa keessatti hirmaatan ykn yaaddoo nageenya biyyaalessaa ta'aniidha jedhan.

  7. Iraan ammas hanga fedhiin ishee eegamutti Ameerikaa waliin mariin akka hin jirre ibsite

    Iraan hanga fedhii fi dantaan ishee mirkanaa'utti Ameerikaa waliin mariin gaggeessitu akka hin jirre Paakistaanitti himuu miidiyaan biyyattii gabaase.

    Haalli kun, Paakistaan tattaaffii jaarsummaa taasisaa jiraattus haalli marii US fi Iraan daran ulfaataa ta'aa jiraachuu mul'isa.

    Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan Ministira ittisaa Paakistaan Fiild Maarshaal Asim Muniir waliin Tehraanitti walarguun dhimma kanarratti mari'ataniiru.

    Paakistaan jaarsummaa US fi Iraan gidduutti eegalte ammallee biraa hin deebine.

    Sababa jaarsummaa kanaa waliigalteen wal hubannoo Waxabajjii darbe irra ga'amee turus garuu bu'aa eegame fiduu hin dandeenye.

    Waliigalteen mallattaa'ee torban osoo hin guutin US fi Iraan wal haleeluutti deebi'an.

    Munir Afa-yaa'ii Paarlaamaa Iraan Mohammad Baqir Qalibaaf waliinis walargeera.

    Qondaalli Iraan kun hanga haaldureewwan torba biyyisaanii dhiheessite guutamutti mariin akka hin jiraanne ibsan.

    Iraan ji'a darbe Ulaan Hormuuz akka banamuuf haaldureewwan torba tarreessitee turte.

    US buufataalee handaara galaanaa Iraanitti gufuu ta'uu akka dhaabdu, qoqqobbiin boba'aa isheerraa akka ka'u akkasumas dhukaasi adda waraanaa hunda irraa akka dhaabbatu kanneen jedhan haaldureewwan Iraan dhiheessite keessati.

  8. Akkam jirtu?

    Tamsaasa kallattii keenya eegalleerra. Qoccolloon Iraan fi US ammas itti fufeera.

    Jaarsummaan Paakistaan qormaata keessa galeera.

    Dhiima kanarratti xiyyeeffanna.

    Dhimmoota Baha Giddugaleessaa kaan akkasumas odeeffannoo biyya keessaa fi addunyaa karaa kanaan isin biraan geenya.

    Odeessaalee biroo karaaMarsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

    Odeessaalee karaa tamsaasa kallattiin armaan dura dabarsaa turre asii argattu.

    Bakka nagaa oolaa!