Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Suuraa qama qullaafi qoccollaa dijitaalaa: rakkoolee walxaxoo jireenya dubartootaa gaaga'aa jiran
Dhaabbileen miidiyaa hawaasaafi angawoonni suuraawwan dubartootaa fedhiisaanii malee marsaalee hawaasaarratti qoodaman ilaalchisee hanga irraa eegamu hojjechaa hin jiran jedhame.
Qaamoleen kunneen suuraalee dubartootaa fedhiisaanii malee qoodamanirratti tarkaanfii fudhachuuf suurichi fedhii dubartii sanaan qoodameemoo miti kan jedhurra suurichi hagam qullaadha kan jedhurratti akka xiyyeeffatan dhaabbanni haqa korniyaarratti hojjetufi Chayn jedhamu gabaasasaatiin himeera.
Taatoo biyya Paakistaan kan taate Ayishaa Omaar argannoo qorannoo dhaabbatichaa kunneen deeggaran keessaa tokko yemmuu taatu, rakkoon dhimmichaan walqabatee isheen dabarsites qorannicha keessatti hammatameera.
Dubartiin waggaa 32fi nageenyasheef jecha maqaanshee jijjiirame Mahnuur immoo, suuraawwan jireenyashee idilee agarsiisan qabiyyeensaanii jijjiiramuun miidiyaalee hawaasaarratti erga qoodamanii booda jireenyishee akka hintaanetti jijjiiramuu himteerti.
Mahnuur lammii Paakistaanfi barsiistuu yunivarsiitii yemmuu taatu, abbaan warraashee ishee hacuucaa tureen gargar erga baatee booda namni abbaa warraashee ture kun akkaawuntii Whatsapp ishee fi suuraawwanshee harkatti galfachuu himti.
Suuraawwan kunneen jireenyuma idileeshee kan agarsiisan ta'uu kan himtu Mahnuur, suuraawwan kun irbaata yeroo nyaattu, rifeensa erga murattee booda suuraa kolfaa kaate akkasumas suuraa wayita biyya alaa turte hiriyootashee waliin kaate akka ta'an himte.
Haa ta'u malee abbaan warraashee duraanii suuraa hiriyootashee walin kaaterraa namoota kaan muruun (crop gochuun) dhiira tokko walin dhaabbattee akka jirtutti qopheessuun firoota, waahillan hojiifi namoota beeku kunneen birootti erguusaas himte.
Suuraawwan qoodamanis nama amala badduu qabdu akka fakkaattuuf kan qoodaman ta'uu himuun suuraawwanshee kunneen erga qoodamanii booda hawaasashee keessatti kabajaafi dhageettii dhabuushee himteerti.
"Maatiinkoo na kabaju ture, obbolaawwankoos akkasuma. Yaadnikee maatiikee biratti kabajamuun waan guddaadha" kan jettu Mahnuur, maatiinshee duraan gorsashee gaafachaa turan amma kabaja ishee dhorkachuu himteerti.
Gama biraatiin immoo abbaan warraashee duraanii haadha warraa biraa fuudhee jiraacha jira.
Miidhaan suuraa bu'uura godhate maali?
Dhabbanni idil addunyaa haleellaa koorniyaarratti xiyyeeffaterratti hojjetu Chayn, hacuuccaan suuraatti fayyadamuun raawwatamu angawootaanis ta'e dhaabbilee tekinoloojiin bifa sirriin akka hin hubatamne hima.
Sababnisaas qaamoleen kunneen miidhaa dubartootarratti qaqqabu 'suurichi hagam qullaadha kan jedhuun' kan madaalan ta'uusaati jedha.
Hawaasawwan safuu cimsan keessatti dubartootaaf suuraan uffata guutuu uffatanii agarsiisu miidiyaa hawaasaarratti qoodamuun mataasaatiin miidhaa guddaa qabaachuu akka danda'us dhaabbatichi hima.
Barreessituu gabaasaafi hundeessituu dhaabbata Chayn kan ta'an Heeraa Huseen, "Suurichi miidhaa geesisuuf dirqama qullaa ta'uun irraa hineegamu. Al tokko tokko kutaan qaamaa tokkollee qullaa ta'ee osoo hinmul'atin miidhaa hamaa geesisuu danda'a" jedhan.
"Kanaafis haasaawwan hacuuccaa suuraa bu'ureeffate ilaalchisee taasifaman suurichi hagam qullaadha kan jedhurraa gara heeyyama dubartii sanaan qoodamemoo miti kan jedhutti jijjiiruu qabna" jedhan.
Dhimma aadaa
Miidhaan sababa suuraa qoodame tokkoon dubartootarratti qaqqabu suurichi maal ofkeessaa qaba kan jedhuun osoo hintaanee suurichi maalif qoodame, eenyuf qoodamefi miidhaa akkamii fida kan jedhuun kan murtaa'u akka ta'e gabaasni dhaabbata Chayn hima.
Dhaabbatichi Adoolessa 2025 fi Guraandhala 2026 gidduutti naannolee Paakistaan isaan ijoo dabalatee hawaasa diyaaspooraa biyyoota akka UK, Kaanaadaa, Maalezhiyaa, UAE fi Kuweet jiran keessaa namoota 64 waliin af-gaafii taasiseera.
Haaluma kanaan dubartoonni afgaafiin godhameef suuraawwan rifeensa matasaanii mul'isan, uffatawwan warra lixaa, dhiira fira hintaane cinaa taa'anii suuraa ka'uu, ergaa barreeffamaa sobaa qophaa'e akkasumas suuraan fuula nama tokkoo galtee gochuun hubannoo namtolcheen qophaa'u qoodamee arguu akka sodaatan himaniiru.
Suuraawwan olitti eeraman kunneen qaama qullaa kan hinagarsiisne ta'anis bifa dubartoota miidhaniin qoodamuu danda'u.
Kanaaf fakkeenya kan taatummoo taattoo indaastirii fiilmii Paakistaan keessatti waggoota 20 oliif hojjette Ayishaa Omaari.
Isheenis suuraan hiriyaashee dubartii waliin waggoota 10 dura uffata daakkii bishaanii uffattee Taayilaanditti qarqara galaanaatti kaate jalaa hatamee marsaalee hawaasaarratti qoodame.
Qoodamuun suuraa kanaa "Hojiikoo baay'ee miidhee ture" kan jettu Ayishaan, "hojiilee beeksisaa akkan hin arganne nataasise. Sababa isaatiin hojiilee hojjechuu danda'u dhabe" jechuun himteerti.
Kana malees mudannoon kun xinsammuufi miirashee miidhuusaa kan himtu taatoon tun, ergasii as akka malee of eeggannoo akka taasiftu akkasumas ala keessa namoonni viidiyooshee akka hinwaraabneef ofeeggannoo akka taasiftus himteerti.
Dhaabbanni Chaaynis dhimmi hacuuccaa suuraa bu'uura godhatee: miidhaa nama suuraan jalaa qoodamerratti qaqqabe, sababa suurichi itti qoodame fi fedhii yookiin heeyyama abbaa suurichaa irratti akka hundaa'u hima.
Haa ta'u malee dhaabbileen tekinoloojiifi dhaabbileen mootummaa dhimmicha to'atan dhimmoota kunneeniif xiyyeeffannoo akka hinkennine Mahnuur himti.
Haaluma kanaan wayita dhimmashee dhaabbata yeroo ammaa Ejansii Qorannoo Yakka Saayibarii Biyyaalessaa jedhamutti geessitutti, suuraawwan abbaa warraashee duraaniin qoodaman suuraawwan qullaa waan hintaaneef dhimmicha ilaaluuf aangoo akka hinqabne itti himamuusaa himteerti.
BBC Global Women'is dhaabbata biyya Paakistaan kanaaf gaafii dhiyeessee deebii hinarganne.
Mahnuur dhimmicha Whatsappif gabaasusheefi deebiin 'dhimmichi seerotasaa kan cabsu miti' jedhu akka kennameef himteerti.
Whatsappis dhimma Mahnuur kana ilaalchisee gaafii BBC irraa dhiyaateef deebii kan hinkennine yemmuu ta'u, BBC gara qajeeltoowwansaa "wantoota inni akka qoodaman heeyyamufi hin heeyyamne" tarreessutti qajeelchera.
'Kufaatii hojimaataa'
Dhimmi aadaa yookiin safuu dhaabbilee tekinoloojiin beekamtiin akka hinkennamneef kan himan Heeraa Huseen, suuraawwan tarkaanfiin akka irratti fudhatamuuf gabaafaman (report godhaman) jalqaba hubannoo namtolcheen akka sakatta'aman himu.
Hubannoon namtolchee kunis qaama qullaa adda baafachuu akka danda'utti kan leenji'e ta'uu himan. Haa ta'u malee suuraawwan rakkoo fiduu danda'an adda baafachuufi qaama qullaa adda baafachuun garaaarummaa akka qabu dubbatan.
Gama biraatiin dhaabbileen tekinoloojii qabiyyeewwan miidhaa geesisanfi miidiyaalee hawaasaarratti qoodaman to'achuuf humna namaarra hubannoo namtolchee baasii xiqqaa gaafatu gara faayyadamuutti luucca'aa jiraachuun dhimma yaaddoo uume ta'eera.
Kana malees, dhaabbileen tekinoloojii qabiyyee 'report' godhame tokko sakatta'anii tarkaanfii irratti fudhachuurra jalqaba qabiyyicha miidiyaa hawaasaarraa buusanii sana booda osoo qoratanii gaarii ta'uu Heeraa Huseen himu.
Kanaanuu sadarkaa guutummaatti jedhamuun dirqamni qabiyyeewwan kunneen gabaasuu miidhamtootarra bu'a.
"Irra deebiin gaaga'ama miiraa keessa dabarta. Bifa kanaan gabaastees (report gootee) deebii argachuu dhiisuu malta" jedhu Heeraa Huseen.
Biyyoota muraasa keessatti suuraa namaa heeyyama malee maxxansuun yookiin qooduun akka mirga mateenyaa (privacy) nama sanaa sarbuutti fudhatama. Fakkeenyaaf Faransaay keessatti namni tokko suuraa isaarratti mirga guutuu qaba.
Kana jechuun namni kamiyyuu nama beekamaas ta'ee kaan akkaataa suuraansaanii faayidaarra oolurratti mirga guutuu qabu, suurichi oduu miidiyaatiif yookiin dantaa ummataaf faayidaarra kano ole yoo ta'een ala jechuudha.
Gamtaan Imireetota Arabaa (UAE) immoo ala keessa iddoo hawaasaaf banaa ta'an keessattiyyuu heeyyama nama sanaa malee nama tokko suuraa kaasuun yakka ta'uu labsiteerti. Biyyattii keessatti dantaa ummataaf osoo ta'eyyuu heeyyama nama sanaan ala suuraa kaasuun dhorkaadha.
"Hacuuccaan suuraatti fayyadamuun raawwatamu suuraa qullaa qooduurra bal'aadha" kan jedhan Heeraa Huseen, rakkoo kana to'achuu keessatti "kufaatiin hojimaataa" mudateera jedhan.
Poolisiin, maneen murtii fi dhaabbileen tekinoloojii namoota suuraan isaanii heeyyamasaanii malee qoodamee miidhaman gargaaruurratti cimsanii hojjechuu qabus jedhan.
Dabalataan "hacuuccaan suuraakee bu'uura godhate sirratti raawwatamaa jira taanaan balleessaan kankee miti, kophummaanis sitti dhagahamuu hinqabu, dhaabbileen sicinaa dhaabbachuu danda'an kan akka Chayn ni jiru" jedhaniiru.