Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dargaggeessi Waayit Haawusitti dhukaasa bane yaalii ajjeechaa Tiraamp irratti raawwachuun himatame
Dargaggeessi kaalifoorniyaa sagantaa irbaataa Waayit Haawusitti qophaa'erratti dhukaasa bane Pirezidant Doonaald Tiraampiin ajjeesuuf yaaluudhaan himatame.
Taateen eegumsi Waayit Haawus akka irra deebiin ilaalalamu taasiseera.
Dargaggeessi umrii waggaa 31 Kool Toomaas Alan Wiixata kaleessaa (Ebla 27,2026) wayita Waashingitan DCtti mana murtiitti dhihaatu, yakka meeshaalee waraanaan walqabatee himati biroo lamas irratti banameera.
Garuu ammallee jala murtiin irratti hin kennamne.
Shakkamaan kun Sambata darbe meeshaalee waraanaa awutoomaatikii ta'an lamaa fi billaawwan qabatee gara iddoo sagantaa (Hoteela Hiltan) irbaataa gaazexeessitoota Waayit Haawus irraa gabaasaniif qophaa'eetti wayita darbu baramuu ibse abbaan seeraa.
Taatee mudateen qaamolee nageenyaa fi tikaa keessaa tokko rukutamuun guddoo madaa'eera.
Himatamaan kun yoo yakkamaa ta'e hidhaa umrii guutuun adabamuu danda'a.
Shakkamaan kun uffata halluu cuquliisaa maqaasaa ofirraa qabu uffatee wayita mana murtiitti dhihaatu miira tasgabbiin yaadasaa ibsaa ture.
Waan gaafatame hundaa kallattiin deebisaa ture. Umriisaa ibsuun, digirii lammaffaa (MA) akka qabu dubbate.
Haleellaa Sambata Waayit Haawus, hoteela Hiltan kutaa bashannanaa keessatti mudaterratti Tiraamp, JD Vaans fi qondaalonni kaan hatattamaan wayita bakka sanaa baafaman mul'atu.
Shakkamaan dhukaasa qondaalota olaanoo US irratti bane kun, gamoo keessummoonni keessa turanitti, darbii jalaa irraa tokko ol ba'uun bakka sakatta'iinsaa akkaan cimaa ta'e keessa fiigee darbuun dhukaasa eegale.
Gulantaan inni osoo irra fiiguu qabame gara sagantaa irbaataa sanatti isa qajeelcha ture, gidduu kanatti qaamolee nageenyaan dhaabsifame.
Wayita kana qaamoleen nageenyaa eegumsarra turan dargaggeessa kanatti dhukaasuun to'atan.
Dhukaasa tureen miseensa humna nageenyaa tokko rukutamus garuu lubbuun hin baane.
Abbaan Alangaa US Todd Blanche shakkamaan kun yoo xiqqaate altakkaa dhukaaseera jedhamee amanama jedhe.
Humni nageenyaa eegumsarra ture rasaasa shakkamaa kanaan rukutamuu fi walitti dhukaasuu yeroo sana ture gidduutti rukutamuun ifa miti.
Qaamni nageenyaa US kun madoo isa mudateen erga hospitaala galee yaalamee booda ba'eera.
US keessatti pirezidantii irratti yaalii ajjeechaa raawwachuun hidhaa umrii guutuun nama adabsiisa.
Kan biraan meeshaalee waraanaa qabatanii bulchiinsa tokkoo gara bulchiinsa biraa deemuun dhukaasa banuun hanga waggaa 10 nama adabsiisa.
Shakkamaan kun Kamisa mana murtiitti deebi'a.
Shakkamaan pirezidant Tiraampiin ajjeesuuf gulantaawwan hedduu akka deeme hime manni murtii.
Ebla 21 manasaa Loos Anjalas magaalaa Torrance keessatti argamu irraa baaburaan gara Chikaagoo imale jedhan qondaalonni.
Ebla 24 Chikaagoo irraa gara Waashingitan imalee hoteela Hiltan qabate. Kun bakka sagantaan irbaataa kun itti gaggeeffame.
Shakkamaan kun mana barnootaa beekamtii guddaa qabu- Inistitiyuutii Teknooloojii Kaalifoorniyaatti barate.
Waldaa kiristaanaa Loos Anjalas keessatti argamu Pasadena United Reformed Church jedhamutti waaqeffata ture.
Ragaan duula filannoo maallaqaan tumsuu ilaalchisee ba'e keessatti namni kun filannoo bara 2024 irratti Kamaalaa Haarisiif doolaara 25 gumaachuu mul'isa.
Kana jechuun dargaggeessi kun gocha siyaasaa Paartii Dimokiraat tumsa jechuudha.
Namni kun dhukaasa banuusaa dura xiyyeeffannoonsaa eenyufaa akka ta'an maatiisaaf email ergee ture.
''Aanga'oonni olaanoon bulchiinsa Tiraamp xiyeeffannoo kiyya. Gulantaa gubbaa hanga gadii kan jiran irrattin xiyyeeffadhe,'' jedha ergaansaa.
''Yoo barbaachisaa ta'e xiyyeeffannoo koo hunda irratti tarkaanfii fudhachuu nan danda'a.''
Shakkamaan kun dhaddachatti dhihaachuun erga himatasaa dhagahee booda mana hidhaatti deebifame. Abbootiin seeraa ammallee himata biraa irratti banuuf jedhu.