Dargaggeessi waggaa 18 manguddoo umurii waggaa 65 gudeede hidhaa cimaan adabame

Dubartii

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Bahaa Dargaggeessa umuriin waggaa 18 dubartii manguddoo waggaa 65 ol taate dirqisiisee gudeedee hidhaa cimaa waggaa 11 fi baatii sadiitiin adabamuu Abbaan Alangaa godinichaa BBCtti hime.

Taateen kun Godina Shawaa Bahaa naanawaa magaalaa Baatuu Ganda Abinee Garmaama jedhamu keessatti ALI Adoolessa 16, 2018 guyyaa keessa naannoo sa'aatii 6tti raawwatame.

Namni yakka gudeeddii manguddoo sana irratti rawwachuun murteen irratti darbe kun ammoo dargaggeessa waggaa 18 Milkeessoo Fayyisoo jedhamuu fi jiraataa magaalaa Baatuuti.

Itti gaafataamaan Abba Alangaa Godina Shawaa Bahaa Obbo Fayyee Dhufeeraa akkataa yakki kun itti raawwatamee fi murtee adabbii kenname BBCf mirkaneessaniiru.

Akka Obbo Fayyeen jedhanitti, ''yeroo sanatti, dubartiin kun jiruu ofii mo'achuuf marga looniif ta'u haammachuuf gara lagaa deemaa turte. Dargaggeessi kunis duukaa bu'ee, haalaa miijataa akka isheen qofaa jirtu erga adda baafatee booda dirqisiisee gudeede'.'

Akka itti gaafatamaan Abbaa Alaangaa kun jedhanitti, '' Dargaggessi kun gocha safuu hawaasaa cabsu dubartii haadha isaa utuu hin taane, akkayoo isaaf taatu kana irratti rawwate'' jedhan.

Ragaan namoota akka agarsiisutti, dargaggeessi kun haala namni birmachuu fi hin dandeenye keessatti humnan ukkamsee gudeede. Yeroo isheen of irraa ittisuuf yaaltu meeshaa marga ittin haamuuf harkaatti qabattee turte irraa fuudhee ittiin akka doorsise eeran.

Erga dirqiin gudeeddiin irratti raawwatamee booda dubartiin kun iyyuun namootni naannawa sana jiran birmatanii eeruu poolisiif kennan jechuun haala ture ibsan Obbo Fayyeen.

Eeruun yakka raawwatamee erga gara Waajjira Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Baatuu qaqqabeen booda himatamaan to'annoo jala ooluun qorannoon eegalame.

Poolisiin fi Waajjirri Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Baatuu dhimma kana irratti qorannoo gaggeessuun galmee qorannoo yakkaa gara Waajjira Abbaa Alangaa Godina Shawaa Bahaatti dabarsee jedhan.

Qorannoon poolisii maal ibse?

-

Madda suuraa, Getty Images

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Shawaa Bahaas galmee ragaa namaa fi sanadaa irratti hundaa'uun dargaggeessi kun yakka ittiin shakkame raawwachuu isaa mirkaneesse.

'' Namootni yeroo sana iyyaa birmatan, akkasumas ragaan mana yaalaa dubartiin kun gudeedamuu mul'isa'' jedhan abbaan Alangaa BBC'tti dubbatan.

Kana irrattu hundaa'uun Abbaan alangaas himata Seera Yakkaa Itoophiyaa bara 1996 Keewwata 620 muraa 2 jalatti tumameen himata bane.

Manni Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Bahaa himata dhiyaate irratti ragaa namaa fi sanadaa dhiyaate bu'ura godhachuun, himatamaan yakka ittiin himatame raawwachuu isaa mirkaneesse.

Himatamaan gocha dirqiin gudeeduu isa ni haale, akka waligaltee lamaan isaaniin rawwatametti mana murtiif ibsuu yaalee jedhan abban alangaa kun.

Manni murtiichaas dhaddacha Hagayyaa 26, 2018 ooleen, himatamaan yakka ittiin himatame irratti balleessaa ta'uu isaa murteesse.

Mana murtiin murtii adabbii kennuuf sababoota adabbii cimsan fi salphisan gama himatamaa fi Abbaa Alangaa irraa dhiyaatan erga ilaaleen booda himatamaa hidhaa cimaa waggaa 11 fi ji'a sadiin akka adabamu itti murteesse.

Akka itti gaafatamaan Abbaa Alangaa Shawaa Bahaa kun jedhanitti, himatni yakka akka kanaa jalatti dhiyaatu waggaa 20 hanga waggaa 25 adabsiisuu danda'a.

Haa ta'u malee umurii dargaaggeessichaa ilaalcha keessa galchuun garuu ammoo namoota biroofis barnoota ta'uu haala danda'uun murtee kenname ta'uu ibsan.

Kaayyoon seeraa haaloo bahuu utuu hin taane barsiisuu , akeekkachisuu waan ta'eef yeroo biraa gochaan akkasii akka hin raawwatamne ittisuu waan ta'eef bu'ura qajeelfama adabbiitinis adabbii kenname ga'aa fi barsiisadhaa jedhan.

Hawaasni gochi akkasii utuu hin raawwatamin of eeggannoo akka taasisu, yoo raawatamee ammoo eeruu poolisiif kennuu akka qaban dhaaman.