Dippiloomaasiin Itoophiyaafi Ertiraa waggoota 36 darban keessa eessaa ka'ee eessa gahe?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 7

Itoophiyaafi Ertiraan irra deebiin dippilomaasii waliin qaban addaan kutaniiru.

Itoophiyaan embaasiishee Asmaraatii qabdu A L I Fulbaana 21, 2019 cufteetti.

Dabalataan ammoo dippilomaatota Ertiraa 10 Itoophiyaa keessa jiran sa'aatii 10 keessatti biyyashee keessaa akka bahan ajaja dabarsiteetti.

Kun ammoo addaan cituu dippilomaasii biyyoota lamaan gidduu waggoota 20 ol ture deebiseera.

Itoophiyaafi Ertiraan waggoota 36 darban keessa michuu dhiyootii hanga wal tumsuutti, darbee ammoo hanga waraanaatti qaqqabaniiru.

Waraanaan booda ammoo hanga waggoota 20f dippilomaasiin walirraa fagaatee " haala waraanas, nagaas hin ta'iin" keessa tureen booda araara buusuun hariiroon gidduu isaanii fooyya'insa agarsiiseera.

Haata'u malee, waggoota kanneen keessatti wal amantaa dhabuufi muddamni gidduu isaaniitti kan mul'ate yoo ta'u, amma ammoo hariiroon isaaniii gara sadarkaa wal gaarerfannaatti seeneera.

Hariiroo jijjiiramaa waggoota 36 darban kana keessa biyyoonni lameen waajira dippilomaasii isaanii bananii cufaa turaniiru; ambaasaaddaroota isaanii muudanii biyyoota walii waliin isaanii keessaas ari'aniiru.

Kana jechuunis hariiroo biyyoonni lamaan dabarsan waliigaltee fi walitti bu'iinsa gidduutti jijjiiramaa tureera.

1983-1990- Paartilee michuu irraa gara biyyoota ollaatti

Hariiroon Itoophiyaafi Ertiraa kan bu'uureffame A L I bara 1983 ture.

Bara sana yeroo Addi Bilisa Baasaa Ummataa Ertiraa Asmaraa to'atetti, Addi Dimokiraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) Finfinnee to'achuun Dargii kuffiisan.

Hoggantoonni dhaabbileen lamaanii diina waloorratti wal tumsuun waraanaa waan turaniif, erga sirni Dargii kufeen booda qaamoleen lamaan gidduutti nagaa fi biyyoota biroo keessatti kan hin baramiin nagaa fi michummaan cimaan mul'achuun jalqabeera.

Ertiraan A L I Caamsaa bara 1985 erga walabummaa ishee mirkaneeffatteen booda, mootonni lamaan hariiroo lamaan ifatti tolfatanii magaalota isaanii keessatti embaasii bananiiru.

Dippilomaatota ol aanoo yeroo sana turan keessaa Hayilee Menqeriyoos kan eeramu.

Dippilomaatiin kun wayita Ertiraan walabummaashee labsattetti Finfinneetti Ertiraa bakka bu'eera; boodarras bakka bu'aa mootummaa yeroo Ertiraa, akkasumas itti aansuun ammoo ambaasaaddara ta'ee tajaajileera.

Ertiraatti ambaasaaddara Itoophiyaa jalqabaa kan ture Awu'aalem Walduu bakka bu'oota dippilomaasii warra jalqabaa keessaa kan eeramu ture.

Waggoota gara jalqabaa hariiroon ture bal'inaan walitti dhufeenya dhimmoota dinagdee fi hawaasummaa ciccimoo turan.

Itoophiyaan ulaa galaanaa Ertiraa itti fuftee fayyadamaa turte. Sochiin daangaa biyyoota lamaaniirratti tores hanga tokko banaa ture.

Mootonni biyyoota lamaanis walabummaa Ertiraatiin booda tumsawwan hundeeffaman itti fufsiisuun danda'anii ture.

Haata'u malee, biyyoota lamaan gidduutti dhimmoonni daangaa fala hin argamiin, akkasumas garaa garummaawwan imaammatawwan dinagdeee ilaalchisuun turan adeemsa keessa hariiroo biyyoota lamaan gidduu turan jeequu jalqaban.

A L I Ertiraan maallaqashee Naaqifaa jedhamu beeksisuu fi wal dhibdeen daangaa fala hin argatiin waggootaaf hariiroo siyaasaa gaarii ture qofaan haguugamanii turan ifatti ba'anii akka mul'atan godhee ture.

1990-1992 (ALI) - Waraanaa fi kufaatii dippilomaasii

Walitti bu'iinsi daran sadarkaa hamaarra kan gahe A L I Caamsaa 1990 yoo ta'u, wayita naannoo falmsiisaa ta'e Baadimmeetti lolli jalqabatti ture.

Walitti bu'iinsi kun yeroo gabaabaa keessatti gara waraana guutuu biyyoota lamaan gidduutti babal'achuutti ce'e.

Waraanni ture namoonni kuma hedduutti lakkaa'aman akka lubbuu isaanii dhaban kan taasise yoo ta'u, hariiroo biyyoota lamaanii gidduu tures yeroo gabaabaa keessatti bu'uura irraa jijjiireera.

Walitti bu'insi loltootaa hanguma hammaachaa deemeen hariiroon dippilomaasiis haaluma wal fakkaatu keessa seene.

Walitti bu'iinsi kun dabalaa yeroo dhufettis walitti dhufeenyi dippilomaasii daran daangeffamaa dhufee, boodarras hariiroon dippilomaasii idilee guutummaan guutuutti dhaabbate.

A L I Guraandhala 1991 Itoophiyaan Ambaasaaddara Ertiraa kan ture Girmaa Asmeromiin biyyaa akka bahu ajajje.

Tarkaanfiin kunis hariiroon dippilomaasii biyyoota lamaan gidduu jiru akka diigamuuf kan fudhatamedha.

Waraanni kun A L I bara 1992 yeroo xumuramutti, walabummaan booda walitti dhufeenyii fi abdiin duraan ture rakkoo wal amantaa dhabuu mudateera. Biyyoota lamaan gidduuttis morkiin bifa tarsiimawaa ta'een jabaatee itti fufe bakka bu'e.

1993-2010 (AL I) - "Waraannis, nagaanis hin jiru"

A L I Mudde bara 1993 kan mallatteeffame waliigalteen Aljers waraana Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti gaggeeffame dhaabsisuudhaaf gahee guddaa qabaalullee, furmaata siyaasaa waaraa fiduu hin dandeenye.

Akka waliigaltee kanaatti komishiniin daangaa hundeeffame Baadimmee Ertiraatiif kan kenne ta'ullee, Itoophiyaan raawwii murtee mormuusheetiin biyyoota lamaan gidduutti muddamni ture dhalate.

Ertiraan murteen komishinii daangaa akka guutummaan guutuutti hojiirra ooluuf yoo gaafattu, Itoophiyaan garuu murteen kun osoo hin raawwatamiiniin dura mariiwwan dabalataa akka taasifaman waamicha dhiyeessiteetti.

Kun ammoo biyyoonni lamaan ifatti gara wal waraanuutti seenuu baatanisgara nagaa idileetti osoo hin deebiyiin waggoota 18f kan keessa turan kan "waraannis, nagaanis" keessa hin jiru jedhame uume.

Yeroo kanatti daangaan biyyoota lamaanii cufamee tureera; hariiroon dinagdees addaan citeera. Hariiroon dippilomaasii kallattiis baayyee murtaa'aa ture.

Dabalataanis, mootonni biyyoota lamaanis inni tokko isa kaan irratti gareewwan mormitootaa deeggaruun sochiiwwan diinummaan wal ilaaluun wal himachaa turan.

Hariiroon ambaasaaddarootaa idilee dhibuunis yeroo sanatti mallattoowwan haala yeroo sanaa kan agarsiisan keessaa tokko ture.

Ifatti biyyoonni lamaan tarsiimoo nagaatiin diina walii turan jechuun ni danda'ama.

2010 (A L I)- Adeema nagaa irra deebiin jalqabame

A L I Ebla 2010 Abiy Ahimad Ministirri Muummee Itoophiyaa ta'anii aangoo qabachiin isaanii hariiroo biyyoota lamaanii gidduutti boqonnaa haaraa bane.

Ji'a Waxabajjii keessa mootummaan Itoophiyaa murtee komishinii daangaa guutummaan guutuuttii fi haal-duree tokko malee akka fudhatu beeksise.

Murteen kun ammoo MM Abiy Ahimad fi prezidant Isaayyaas Afawarqii gidduutti mariin kallattiin akka jalqabamuuf karaa bane.

A L I Adoolessa 2010 hoggantoonni lamaan, "ibsa waloo nagaa fi michummaa" waliif mallatteessuun hariiroo dippilomaasii isaanii ifatti jalqaban.

Hariiroon dippilomaasii erga deebiyee boodas tarkaanfiiwwan qabatamoon ittin aansuun raawwataman.

Ertiraan A L I Adoolessa 16, 2010 Finfinneetti embaasiishee irra deebiin yoo bantu, Itoophiyaanis embaasiishee Asmaraati deebistee banatte.

Balaliin karaa qilleensaas kallattiin biyyoota lamaan gidduutti baname. Toorri telekoomunikeeshinis ni deebiyan, daangaawwan biyyoota lamaaniis ni banaman.

Akka hariiroo dippilomaasii haara'eetti Ertiraan ministira barnootaa duraaniishee Sammaree Ri'iisomiin Itoophiyaatti ambaasaaddara gootee yoo muuddu, Itoophiyaanis Rediwaan Huseeniin ambaasaaddara gootee gara Asmaraatti ergite.

Ministirri Muummee Abiy Ertiraa waliin nagaa buusuu isaatiin Badhaasa Noobelii Nagaa argateera.

Haata'u malee, raawwii dhimmoota daangaa dabalatee dhimmoonni bu'uura tarsiimaa nagaa irratti bal'inaan ka'an irratti guutumaan guutuutti osoo hin hiikamiin hariiroon biyyoota lamaanii osoo hin jabaatiin hafeera.

2013–2015 (A L I)- Lolaa Tigraay fi tumsa waraanaa Itoophiyaa fi Ertiraa

A L I Sadaasa 2013 waraanni Tigraayitti jalqabe hariiroo Itoophiyaa fi Ertiaa irratti jijjiirama haaraa fideera.

Ertiraan mootummaa federaalaa Itoophiyaa cinaa hiriiruun duula waraanaa TPLF irratti taasifame irratti hirmaatteetti.

Kun ammoo hariiroo mootummoota lamaan gidduutti A L I bara 2010 hundaa'e gara tumsa waraanaatti ceesiseera.

Tumsi yeroo waraanaa uumame sun yaaddoon nageenyaa waloo biyyoota lamaanii hariiroo gama lamee isaaniirratti dhiibbaa uumeera.

Yeroo ta'eefis mootummoonni lamaan kaayyoo waloo qabanirratti walitti dhiyaatanii turan.

Haata'u malee, walitti dhufeenyi kun waraana Tigraay waliin kallattiin kan walqabte waan ta'eef A L I Sadaasa 2015 erga waliigalteen nagaa Piritooriyaa waraanni sun akka dhaabbatu taasiseen booda faayidaan tarsiimoon waloo mootummoota lamaan walitti fide laaffachuu jalqabe.

2015–2018 (A L I)- Dhimma ulaa galaanaa fi muddama hammaate

Waraanni Tigraay dhaabbachuutiin booda hariiroon Itoophiyaa fi Ertiraa keessattii waggoota itti aanan keessa suuta suutaan laaffataa dhufe.

Kanaanf sababiin ifatti ibsamuu baatus, haala nageenyaa Tigraay, fedhii ulaa galaanaa Itoophiyaa, akkasumas haalli kaaba Itoophiyaatti dhalate irra deebiin madda walitti bu'insaa fi wal amantaa dhabuu ta'eera.

Dhimmi Galaana Diimaatti bahuu ajendaa tarsiimawaa Itoophiyaa keessatti ifatti mul'achaa dhufnaan, Ertiraan gamasheetiin haasaan Itoophiyaa ulaawwan galaanaa fi karra galaanaa waliin walqabatee taasiftu walabummaashee fi nageenya biyyaalessaashee waliin ilaaluu jalqabde.

Ertiaa haasaa Itoophiyaa kana akka yaaddoo fi dhiibbaa waraanaa haaraatti ilaalteetti.

Yeroo kanattis tumsawwan qaxanicha ajijjiiraman Masirii, Sudaan, Sa'ud Arabiyaa, akkasums Yunaayitid Arab Emiretis waliin walqabatan hariiroo Itoophiyaa fi Ertiraa durraniyyu laafaa dhufe caalaa hammeesseera.

Biyyoonni lamaan embaasiiwwan magaalota isaanii keessa jiran banaa godhanii tursiisanillee, hariiroon dippilomaasii wal amantaa dhabuu dabalaa dhufe caalaatti kan calaqqisiise ture.

Ertiraan Sammaree Ri'iisomiin aanga'oota olaanoo mootummaa lamaan booda akka ambaasaaddar idileetti Itoophiyaatti hin muudne. Itoophiyaanis Rediwaaniin bakka bu'ee Ertiraati kan hojjetu ambaasaaddara hin muudne.

Haata'u malee, namni Mihirete-aab jedhamu ambaasaaddara Itoophiyaa ta'ee hojjii misiyoonii embaasii Itoophiyaa Asmaraa jiruu akka raawwachiisu gabaasaaleen ni mul'isufinfinneetti Biniyaam Barihee dhimma raawwachiisaa embaasii Ertiraa ta'ee raawwachiisaa tureera.

Muddama kana keessatti bakka buutonni dippilomaasiin biyyoota lamaanii hariiroo biyyoota lamaanii itti fufsiisuudhaaf hojii isaanii gaggeessaa turaniiru.

Onkoloolessa 2019 (A L I) - Dippilomaasiin irra deebiin addaan cituu

Yeroo ammaa kana biyyooni lamaan hariiroo dippilomaasii isaanii irra deebiin addan kutuu ifatti beeksisaniiru.

Itoophiyaan embaasiishee Asmaraatti argamu cufuu ibsuun, dippilomaatonni Ertiraa 10 ammoo gochawwan nageenya biyyalessaa balaarra buusan hojjetaniiru jedhamuun biyya keessaa akka bahan ajaja kenniteetti.

Embaasiin Ertiraa kana hordofee ibsa Onkoloolessa 2, 2026 baaseen Itoophiyaan gochawwan dubbii barbaachuu kanneen sababa godhachuuf Ertiraa himatte jetteetti.

Ertiraan gamasheetiin hariiroo dippilomaasii Itoophiyaa waliin qabdu guutummaan guutuutti akka cuftus deebii kenniteetti.

Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaanee G/Masqal ibsa fuula X isaarratti baaseen, "'Ulaa galaanaa argachuun dirqama' jechuun ulaawwaniifi qarqara galaanaa Ertiraa walabaa weeraruu fedhuun qabatamatti kan waggoota sadan darban Ertiraa irratti jibbinsa walirraa hin cinne labsaafi ifatti waraana labsaa turte," jechuun himateera.

Haala amma jiru kanaan Ertiraan hariiroo dippilomaasii Itoophiyaa waliin qabdu guutummaatti addaan kutuu malee filannoo hin qabdu jechuun karaa Ministira beeksisaashee Yamaanee G/Masqal ifa gooteetti.