Itoophiyaa fi Ertiraan mariitti akka deebi'an Ameerikaan waamicha dhiyeessite

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Muddamni Itoophiyaa fi Ertiraa gidduu adeemu kan ishee yaaddesse Ameerikaan biyyooti lameen lolarraa of qusachuun gara mariitti akka deebi'an waamicha dhiyeessite.

Naannoo Tigraayifi iddoowwan daangaa Amaaraa fi Affaaritti waraana ka'e hordofee muddamni Eritiraa fi Itoophiyaa hammaateera.

Kanaanis mootummaan Ameerikaa ibsa baaseen waraanni daangaa Itoophiyaa keessa adeemuun dabalataan Itoophiyaafi Ertiraa gidduu muddamni daangaa ce'ee hammaachuufi naannicha akka miidhu ibseera.

Ibsi Ameerikaa kuni kan dhagahame raayyaan ittisa biyyaa fi deeggartoonnisaa Tigraayi galuun magaalaa guddoo naannichaa Maqalee to'achuufi korri Ertiraan irratti hirmaattu Masriitti jalqabuun booda dha.

Humnooti TPLF Ertiraan akka deeggaraman himamu finciltoota kaan waliin tahuun mootummaa Itoophiyaa aangoorraa fonqolchuuf haleellaan jalqaban guyyoota kudhan kan dabarse yoo tahu, namoota danuu irrattis miidhaa geessisuun gabaafameera.

Waraana kanarratti mootummaan Itoophiyaa Ertiraan humnoota TPLF deeggaraa jirti jechuun himachuun dabalataan qondaaloti naannoo Affaar loltoonni Ertiraa daangaa ce'anii dhukaasa banuu ibsaa turaniiru.

Waggoota darban keessa Itoophiyaafi Ertiraan michoomarraa, diinummaatti ce'uun waraanatti galuu akka danda'an yaaddoon dhagahamaa ture.

Loltoonni mootummaa Itoophiyaa Maqalee to'achuun booda gara naannolee biraatti socho'aa yeroo jiranitti ministeerri hajaa alaa Ameerikaa ibsa baaseen muddamni Itoophiyaafi Ertiraa naannicha irratti dhiibbaa akka qabu himeera.

Mootummaan Ameerikaa Gaanfi Afrikaa lola waraanaafi rakkoo namoomaa biraa baachuu hin danda'u kan jedhe yoo tahu ''biyyoota lameen gidduutti lolli kan uumamu yoo taheef ''Ameerikaan biyyoota lameen waliin faayidaa waloof hariiroo ijaarte miidha,'' jedheera.

''Itoophiyaa fi Ertiraan walabummaafi tokkummaa biyyoota ollaa akka kabajaniifi lolarraa of qusachuun gara mariifi waltumsaatti akka dacha'an,'' gaafachuun waliigaltee nagaa mallatteefames akka kabajan waamicha dhiyeesseera.

Waraana Tigraay isa jalqabaa irratti waliin tahuun humnoota Tigraayi kan haleelan mootummaan Ertiraafi Itoophiyaa hariiroon isaanii kan badaa dhufe erga Waliigalteen Piriitooriyaa waraanicha dhaabe mallatteeffameen booda dha.

Kana boodas mootummaan Itoophiyaa ulaa galaanaa qabaachuuf fedhiisaa agarsiisuun booda biyyooti lameen ifatti lolatti galaniiru.

Qondaaloti mootummaa Itoophiyaafi miidiyaaleen biyya keessaa mootummaan Ertiraa TPLF fi humnoota hidhatan deeggaruun biyyattii jeequuf hojjechaa jiraachuu ibsanillee Ertiraan himannaa kana irra deddeebiin waakkatteetti.

Gareen hidhattootaa mootummaa Itoophiyaa kuffisuuu kaayyefate walooma uumuu isaanii hordofee mootummaan TPLF irratti duula waraanaa banuun booda humnooti Eritiraa daangaa ce'uun seenuun isaanii ibsamaa tureera.

Kanaanis mootummaan Itoophiyaa dippiloomaatota Ertiraa kudhan Itoophiyaatii sa'atii 48 keessatti akka bahan ajaja dabarseera.

Kanaanis hariiroon dippiloomaasii biyyoota lameenii adda citeera. Biyyooti lameen bara 2018 A.L.A hariiroo waggaa 20 oliif adda citee ture deebisaniillee amma irra deebiin adda citeera.

Loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa ce'uun waraana guyyoota darban gaggeeffaman keessatti hirmaachuu kan ibsan qondaalli olaanaan mootummaa Itoophiyaa Abraham Balaay (PhD) ''deebiin mootummaa Itoophiyaa akkaan hamaa ta'a,'' jedhan.

Itoophiyaafi Ertiraan waggaa 30 dura daangaa irratti wal dhabuun waggaa lamaaf waraana geggeessanii ture.