Pirezidant Isaayyaas gara Masiriitti imaluun ibsame

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii daawwannaa hojiitiif gara Masiriitti imaluun ibsameera.

Ministirri beeksisaa Ertiraa Yamaanee Gabre-masqal fuula X isaarratti barreeffama baaseen akka ibsetti, pirezidant Isaayyaas gara Masiriitti kan imale hafeeraa pirezidant Al-Siisii irraa dhiyeeteefiinidha.

Har'a Onkoloolessa 3, 2026 gara Masiriitti kan imale Pirezidant Isaayyaas, "nageenya, tasgabb iifi michummaa waloo" ilaalchisuun kora mootummootaa irratti hirmaata.

Waggoota dhiyoo as keessa michummaan Masirii waliin qabu cimaa kan dhufe pirezidantiin Ertiraa, daawwannaa hojiif gara Kaayiroo yeroo deemu bara kana keessa kun marsaa sadaffaaf ta'uu isaati.

Masiriin kaleessa irraa kaastee kora 'Al-Ameen afrikaa Fooram' jedhamu keessummeessuurratti argamti.

Kora hanga boruutti itti fufu kanarratti hirmaahcuuf hoggantoota deeman keessatti pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad ni argama.

Kora Masiriin waggaatti si'a lama qopheessitu kana irratti kan hirmaatan hoggantoota Iqquwaatooriyaal Giinii, Ugaandaa, Jibutii, Angoolaa, Afrikaa Kibbaa, Aljeeriyaa, Somaaliyaa, Buruundii, Liibiyaa, Tanzaaniyaa, Keeniyaa, Naajeeriyaa, senegaal, Chaad, akkasumas Gaanaa ta'uu isaanii marsariitiin kora kanaa ni mul'isa.

Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii gara Masiriitti kan imale wayita waraanni kaaba Itoophiyaa akka haaraatti deebiyee hammaatee fi Ertiraan hariiroo dippilomaasii Itoophiyaa waliin qabdu addaan kutuu beeksifteen boodadha.

Itoophiyaan embaasii magaalaa Ertiraa, Asmaraa keessaa qabdu cufuu murteessuu fi dippilomaatota Ertiraa 10 sa'aatii 48 keessatti akka biyyattii keessaa bahan ajaja kennuu erga beeksifteen boodadha Ertiraan hariiroo dippilomaasiishee hunda addaan kutuun deebii kan kennite.

Dabalataanis Itoophiyaan dippilomaatii Masirii Ahmad Mohaaraan Ahmad Soliimaan sa'aatii 48 keessatti biyyaa akka bahu yeroo murteessitu, Masiriinis gamasheetiin tarkaanfii haaloo bahuu fudhachuu ifa gooteetti.

Ministtirri beeksisaa Ertiraa Yamaanee Gabre-masqal barreeffama baaseen akka beeksisetti, korri amma gaggeeffamu kun qaama kora biyyoota Galaana Diimaa, Galoo Galaanaa Adeen, Galoo Galaanaa Arabaa, akkasums biyyoota yaa'a Abbayaati.

"Yeroo daawwannaa kanatti pirezidant Isaayyaas Afawarqii fi Pirezidant Abdul Fattaah Al-Siisii tumsa biyyoota lamaan gidduu jiru guddisuurratti ni mariyatu," jedheera.

Itoophiyaan Ertiraa fi Masirii waliin atakaaroo dippilomaasii keessa galuushee hordofee Komishiniin Gamtaa Afrikaa muddamni biyyoota sadanii gidduu akka isa yaaddesse hubachiisuun itti dhiyeenyaan hordofaa akka jirus beeksiseera.

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa deebii gocha diinummaa fi tuttuqqaa Ertiraan kallattii fi al-kallattiin Itoophiyaa irratti raawwachaa jirti jedheef ture embaasii biyyattiin Asmaraatii qabdu cufuuf murteessuu kan beeksise.

Kana malees, dippilomaatonni Ertiraa 10 Finfinnee keessa jiran gochawwan nageenya biyyattii kallattiin balaarra geessisan keessatti waan hirmaataniif sa'aatii 48 keessatti Itoophiyaa gadhiisanii akka bahan ajajuu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti Kamisa Onkoloolessa 1, 2026 baaseen ifa godheera.

Ertiraan gamasheetiin 'gocha diinummaa gaddisiisaa ta'edha' jechuun tarkaanfii Itoophiyaan fudhatteef deebii kenniteetti.

Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaanee G/Masqal ibsa fuula X isaarratti baaseen, "'Ulaa galaanaa argachuun dirqama' jechuun ulaawwaniifi qarqara galaanaa Ertiraa walabaa weeraruu fedhuun qabatamatti kan waggoota sadan darban Ertiraa irratti jibbinsa walirraa hin cinne labsaafi ifatti waraana labsaa turte," Itoophiyaadha jechuun himateera.

Haala amma jiru kanaanis Ertiraan hariiroo Itoophiyaa waliin qabdu guutummaatti addaan kutuu malee filannoo hin qabdu jedhe Yamaanee G/Masqal.

Ministeerrri Dhimma Alaa Itoophiyaa hariiroo dippilomaasii ilaalchisee seera idil-addunyaa [Vienna Convention] cabsuun dippilomaatonni Ertiraa Finfinnee keessa jiran gochawwan nageenya biyyaalessaa Itoophiyaa yaaddessu keessatti waan hirmaataniif bu'uura Vienna Convention on Diplomatic Relations irratti hundaa'uun Itoophiyaa keessatti hin barbaadaman jedheera.

Itoophiyaan mootummaan Ertiraa gochawwan faallaa sirnaafi naamuusa ittiin bulmaata hariiroo biyyootaa walabaa gidduu ta'e akka dhaabduufis cimsee gaafachuu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa kun cimsee gaafateera.

Itoophiyaan dippiloomaatii Masrii Ahimad Mohiraan Ahimas Soolimaan sa'atii 48 keessatti biyyaa akka bahan yeroo murteessitu Masriinis gamasheen deebii kenniteetti.

Ministeerri Hajaa Alaa kaleessa Fulbaana 21/2019 A.L.I ibsa baaseen dippiloomaatichi biyya gadhiisanii akka bahan kan murtaa'e ''seera dippiloomaasii cabsuun'' tahuu ibseera.

Dippiloomaatichi hubachiisni kennamee sa'atii 48 keessatti Itoophiyaa keessaa akka bahan murtaa'uun himameera.

Miidiyaan Masrii Mannaa akka gabaasetti, Kaayiroon murtoo Itoophiyaa ''gaddisiisaa'' fi ''sababaan kan hin deeggaramne,'' jechuun komatteetti.

Itoophiyaan dippiloomaatiin Masrii biyyaa akka bahan murtoo kennuun booda Masriinis dippiloomaatiin Itoophiyaa jiran sa'atii 48 keessatti biyya gadhiisanii akka bahan beeksisteetti.

Mootummaan Ertiraa deebii BBCf kenneen himannaa garee hidhattootaa torba mootummaa Itoophiya aloluuf tumsa uummatan deeggarti himannaa jedhu irratti dhiyaate dhara jetteetti.

Komishiniin Gamtaa Afrikaa Itoophiyaa, Ertiraa fi Masrii gidduu muddamni hammaachuun akka isa yaaddessuu fi dubbicha hordofaa akka jiru himuun, ''gochaaleefi ibsoota muddama hammeessanii nagaa fi tasgabbii naannichaa jeeqanirraa akka of qusatan'' hubachiiseera

Biyyooti sadeen kunneen garaagarummaa isaanii qajeelfama Gamtaa Afrikaan ''karaa dippiloomaasii fi mariidhaan akka furan,'' koomishinichi himeera.