Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Humnoonni TPLF Maqalee gadhiisanii bahuun gabaafame
Humnoonni Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) magaalaa guddoo naannoo Tigraay, Maqalee gadhiisanii ba'uu isaanii gaazexeessitootaa fi jiraattota naannichaa eeruun burqaan oduu Faransaay AFPn gabaase.
Har'a Onkoloolessa 3, 2026 humnoonni Tigraay Maqalee gadhiisani bahaa jiraachuun kan gabaafames humnoonni mootummaa Federaalaa magaalattii dhiyaachaa jiraachuun isaanii erga ibsameen boodadha.
Humnoonni mootummaa Federaalaa gara magaalattiitti dhiyaachuu isaanii AFPn gabaasa isaa kanaa eereera.
Mootummaa Federaalaa waliin ta'uun humnoota Tigraay lolaa kan jiru 'Humnoonni Nagaa Tigraay (TPF)' gama isaaniitiin, buufata xiyyaaraa naannichaa isa guddaa ta'achuu isaa Rooyitars gabaaseera.
Oduu biraan pirezidantiin duraanii mootummaa yeroo ce'umsaa Tigraay Leetenaant Jeneraal Taaddasee Warradee fi qondaalonni TPLF biroo torban dura humnoota TPLFn toa'atamanii turan hoteela HZ jedhamu keessatti hidhaman keessaa halkan darbe sa'aatii 5:30 irratti humnoota kanneen fudhatamuu maatiin ibsaniiru.
Fedhii isaaniitiin ala halkan mana cabsanii dirqamaan fuudhanii deemuu isaanii kan dubbatan maatiin, nageenya isaaniif yaaddoo guddaa qabaachuu humu.
Hanga ammaattis eessa akka jiranii fi garama akka geessan wallaalanii maatiin yaaddoo keessa jiraachuu himatu.
Naannoo Tigraay kan bulchu TPLF dabalatee gareen hidhatan torba tumsa tolfachuu beeksisanii buleesaa waraanni kaaba Itoophiyaatti jalqabame.Humnoonni Tigraay buufata xiyyaaraa Alulaa Abbaa Nagaa Maqaleetti argamu to'achuu isaanii kan beeksisan A L I 13, 2029 ture.
Isaatiin asitti guyyoota jiran keessatti bakkawwan daangaa naannolee Tigraay, Amaaraa fi Affaar irratti waraanni itti fufeera.
Jimaata kaleessaa TPF fuula X irratti, "Buufata Xiyyaaraa Alulaa Abbaa Nagaa Maqalee jiru guutummaan guutuutti to'anneerra," jechuun beeksisaniiru.
Kana ilaalchisuun Rooyiters deebiin Waajira Ministeera Muummeerraa argachuuf yaale akka hin milkaa'iin ibseera.
Gama TPLF irraas yaada argachuun akka hin danda'amnes eereera.
Waraanni kaaba Itoophiyaa irra deebiin ka'uun, waraana waggaa afur dura dhiiga hedduu dhangalaasaa turee waliigaltee Piritooriyaatiin dhaabbateetti biyyattii deebisuu mala yaaddoo jedhu uumeera.
Raayyaan Ittisa Biyyaa gara magaalaa guddoo Tigraayitti dhiyaachaa jiraachuun guyyoota darban keessa ibsamaa tureera.
Tarkaanfii humnoonni federaalaa fi humnoonni nageenyaa Tigraay michuu isaa ta'an fudhataa jiraniin magaalaa Allaamaaxaa dabaltee bakkeewwan gara agaraa to'atee gara magaalaa guddoo Tigraay, Maqaleetti qajeelaa akka turan himamaa tureera.
Hidhattoonni mootummaa deeggaran Jimaata Buufata Xiyyaaraa Alulaa Abbaa Nagaa Maqalee jiru to'achuu isaanii ibsaniiru.
Gaazexeessaan AFPn dubbise, "hidhattoonni TPLF fi hogganaan isaanii magaalattii gadhiisanii bahaa jiru," jedheera.
Ta'us garuu humnoonni federaalaa magaalattii keessatti akka hin mul'atiin eereera.
Waajiraaleen mootummaa fi buufataaleen poolisiis humna nagaa malee hafuu isaaniis gabaasa isaa keessatti eeraara.
Jiraataan magaalattii tokko gamasaatiin, qaamoleen nageenyaa jiraachuu dhabuu isaaniitiin, "qabeenyi mootummaa fi ummataa saamichaaf saaxilamuu danda'a yaaddoo jedhu" akka qabu ibseera.
Jiraataan biraa, "magaalattii keessatti al-seerummaan babal'achuu akka danda'uu fi lubbuu isaaniifillee akka sodaatan" madda oduu kanatti dubbateera.
kanaan duras maddi dhaabbata gargaarsaa maqaan isaa akka hin eeramne barbaadu tokkso humnoonni TPLF Affaar keessaa guutummaan guutuutti bahuu isaanii AFPtti himeera.
Dura ta'aan TPLF Dabretsiyon Gabremikaa'el (PHD) Kamisa darbe ibsa kenneen, haala lola waraanaa itti jiranii yeroo dubbatetti waraanni Tigraay "bakkeewwan gara garaatti lolaa jiraachuu" himeera.
Itti dabaluun "lolichi bakkaa bakkatti kan socho'u" ta'uu eeruun, humnoonni Federaalaa Tigraay "bakkeewwan tokko tokko qabachuu akka danda'an" dubbatee ture.
Haata'u malee, "tarkaanfii tarsiimawaa ta'e jedhamee fudhatame" ta'auullee ibseera.
Wayita mootummaan federaalaa fi michoonni isaa bakkeewwan humnoonni TPLF qabatanii turan gadhiisisuun isaanii dhaga'ametti ibsa kan kenne Dabretsiyon, "diina kan lollu bakka inni nuuf filatetti miti, bakka nuti ofiin filannettidha" jechuun isaa ni yaadatama.
Gama kaaniin ajajaan TPF Birgaader Jeneraal Gabrehigzihaabiheer Bayyanaa, "waraanni isaa fi Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Tigraay keessatti bakkeewwan hedduu to'atanii akka ture" dubbateera.
"Ibsa guyyoota dura kenne kanaan "bakkeewwan gara garaa Raayyaa, Andertaa, Semaar, akkasumas Tembeen keessa jiran to'achuu jalqabuu isaanii" ibseera.
Itti dabaluunis, "yeroo dhiyoo keessatti gara Tigraay giddu galeessaatti seenna" jechuun milishoonnii fi poolisoonni nageenya mirkaneessuu fi qabeenya namaa eeguun akka hirmaataniif waamicha dhiyeessee ture.
BBCn waan qaamoleen gama lamaaniinuu jiran dubbatan qaama walaba ta'erraa mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Hawaasni idil-addunyaa rakkoo namoomaa hammaachaa dhufnaan walitti bu'insi kun hatattamaan akka dhaabatuuf waamicha dhiyeessuu itti fufaniiru.
Walitti bu'iinsi Itoophiyaatti deemaa jiru babal'ataa dhufuu hordofee, Gamtaan Afrikaa (AU) dhimma Itoophiyaa irratti walga'ii ariifachiisaa akka waamu Aministii Internaashinaal gaafate.
Jaarmiyaan idil-addunyaa mirga namoomaaf falmu kun ibsa Jimaata, Onkoloolessa 2, 2026 baaseen, erga waraanni haaraan jalqabamee kaasee dhukaasaa fi haleellaa qilleensaa raawwatamuun qabeenyi namoota nagaa manca'uu ibseera.
Waraanni Tigraay waggaa shan dura erga jalqabee dhiiga hedduu dhangalaasee booda, Waliigaltee Piriitooriyaa mallattaa'een goolabame. Haa ta'u malee, erga waliigalteen kun mallattaa'ee as qondaalonni Tigraay hojiirra oolmaa isaa irratti gaaffii kaasaa turaniiru; qaawwa uumameefis gareewwan lamaan tokko isa kaaniin komachaa turan.