Dooniin boba'aa feetee handaara galaanaa Yamanitti argamte humnaan gara Somaaliyaatti fudhatamte

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Saamtonni galaanarraa doonii boba'aa feete handaara galaanaa Yaman irraa butuun gara Somaaliyaatti geessuu maddeen nageenyaa BBCtti himan.

Eegdonni handaara galaanaa Yaman dooniin MT Eureka jedhamtu butamuun gara Somaaliyaa akka geeffamte himan.

Maddeen nageenyaa Somaaliyaa buufata Qaanaatti dhihaatee kan argamu Galoon Galaanaa Aden harka saamtota galaanarraa keessa galeera jedhan.

Qondaalonni nageenyaa sadi Puuntilaand irraa BBC'f yaada kennaniin saamtonni galaanarraa magaalaa Galoo Galaanaa Aden irratti argamtu Qandaalaa gadhiisanii ba'uu ibsan.

Saamtonni galaanarraa torban duras doonii Honor 25 jedhamtu butanii miliqsanii turan.

Kun ta'ee guyyaa 10 keessatti amma ammoo doonii boba'aa feete humnaan fudhatan.

Naannawa Galoo Galaanaa Adenitti yeroo torban lama gadi ta'u keessatti dooniiwwan boba'aa fe'an lama dhabamaniiru jechuudha.

Dooniin Honor 25 jedhamtu boba'aa baarmeelii kuma 18 fi 500 feetee gara Moqadishoo imalaa turte.

Dooniin MT Eureka butamuun miliqfamuu dura wayita yabalaa turte alaabaa biyya lixa Afrikaa- Toogoo mirmirsaa turte.

Dooniin kun Sambata ganama keessaa naannoo sa'atii shaniitti hidhattootaan to'atamuu qondaalonni nageenyaa BBCtti himaniiru.

Ergasii dooniin kun Galoo Galaanaa Aden, kan Yaman fi Somaaliyaa gidduutti argamu, keessa yabalaa gara daangaa galaanaa Somaaliyaatti seente, achumaan dhabamte.

Oppireeshiniin Geejjiba Galaanaa UK (UKMTO) Jimaata darbe akka ibsetti, ''qaamoleen hidhatan'' bidiruuwwan saffisoo ta'aniin gara doonii daangaa Yaman, iddoo Al-Mukala jedhamutti dhihaattee argamtuutti yabalaa turan.

Aanga'oonni nageenyaa garagaraa sadi akka jedhanitti qaamoleen hidhatan kunneen magaalaa qurxummeessuu kiyyeessuun beekamtu Caluula (Alula) irraa ka'an.

Magaalaan kun bakka saamtonni galaanarraa doonii MT Eureka jedhamtu to'achuuf deeman irraa kiilomeetira 209 fagaatti.

Gochi qaamolee dooniiwwan lamaan butan kunneenii handaara galaanaa Somaaliyaatti saamicha galaanarraa hammaataa dhufeef agarsiistuu guddaadha.

Doonii MT Eureka jedhamtu amma butamte kana waliin lakkoofsi dooniiwwan torban lama keessatti butamanii afur qaqqabeera.

Aanga'oonni Somaaliyaa akkasumas Humni Galaanarraa Awurrooppaa- European Union Naval Force (EUNAVFOR), kan saamicha galaanarraa Somaaliyaa ittisuurratti hojjetu, hanga yoonaa dhimma butamuu dooniiwwan lameenii irratti hanga ammaa homaa hin jennne.

Saamichi galaanarraa (Somaaliyaa) bara 2011 booda hir'ataa dhufus bara 2023 hidhttoonni Huutii dooniiwwan Galoo Galaanaa Aden fi Galaana Diimaarra yabalan irratti haleellaa raawwachuu eegaluu booda deebi'ee hammaateera.

Humnoonni galaanaa idiladdunyaa hedduun haleellaa Huutii qolachuutti wayita xiyyeeffannaasaanii deebisan saamtonni galaanarraa qaawwa argatanitti fayyadamuun dooniiwwan butuu eegalan.

''Saamichi galaanarraa gaggeffamaa jiru kan namoonni hedduun yaadanii olitti hammaataadha. Handaara galaanaa hundatti sochiin hidhattootaa akkaan dabaleera,'' jechuun qondaalli nageenyaa Puuntilaand BBCtti himan.