Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Maanchistar Yunaayitid goolii 3, Liiverpul 2, falmiin Old Tiraaford injifannoo Yunaayitidiin xumurame

Maanchistar Yunaayitid Old Tiraaford irratti gooliii 3 fi 2n Liiverpooliin injifachuun bara dhufu dorgomii Chaampiyoonsi Liigii iratti hirmaachuusaa mirkaneeffateera. Yunaayitid baroota taphaa lamaaf erga dorgommii kanarraa fagaatee booda itti deebi'uusaati.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tamsaasa kallattii keenya xumurre

    Odeeffannoo taphoota Piriimer Liigii hanga ammaa jiran irratti isin biraan ga'aa turre asumarratti xumurra.

    Waan nu hordoftaniif galatoomaa!

    Nagaan turaa!

  2. Maanchester Yunaayitid injifannoo kanaan hirmaannaa Chaampiyoonsi Liigii mirkaneeffateera

    Maanchistar Yunaayitid tapha torbee 35ffaa isaan hirmaannaa Chaampiyoonsi Liigii bara dhufuu mirkaneeffateera.

    Old Tiraaford irratti goolii 3 fi 2n Liiverpuuliin injifateera.

    Barri kun Arne Silootiif bara milkii miti.

    Yunaayitid ammoo erga Maayikil Kaarik leenjisuu eegalee ga'umsa isaa cimsateera.

  3. Liiverpuul taphi boqonnaa boodaa jalqabee daqiiqaa 10 keessatti goolii lama galche

    Doominik Sobozlaay taphi eegalee daqiiqaa lama keessatti galche.

    Koodii Gaakpoo daqiiqaa 55ffaarratti dabale.

    Liiverpuul amma waan dandamate fakkaata.

    Maanchistar Yunaayitidirraa hojii guddaatu eegama.

    Liverpuul goolii Sobozlaay booda hamilee horate.

    Gooliin sun waan hedduu jijjiirte.

  4. Sir Aleksi Fargusan akkuma taphi eegaleen dirreedhaa baafamee hospitaala geeffame

    Leenjisaan duraanii Maanchistar Yunaayitid akkuma taphi Maanchistar Yunaayitid fi Liiverpuul Old Tiraaforditti eegaleen dhibamee hospitaalatti geeffame.

    Leenjisaa gameessi umrii waggaa 84 kun tapha Yunaayitidirraa hafee hin beeku.

    Haali fayyaasaa yaaddoo keessa jiraachuu baatus akkuma dhibamuunsaa barameen gara hospitaalaa geeffame.

    Waggoota 27f Yunaayitid kan leenjise Fargusan tapha kana bakka daarektaroonni taa'an taa'ee ilaalaa ture.

    Erga hospitaala seenee waa'ee fayyaasaa irratti odeeffannoon hin baane.

  5. Man Yunaayitid goolii Maatiyas Kuniyaa fi Beenjaamin Sheeskhoon dursuu eegale

    Maanchistar Yunaayitid Old Tiraaford irratti ga'umsa gaariin eegaleera.

    Maatiyas Kuniyaan kubbaa sarara peenaalitii ala irraa dhiite dugda Mak Alistaritti buusuun galche.

    Daqiiqaa torba booda Beenjaamiin Sheeshkoo dabale

    Jalqabbiin kun Arne Silootiif baayyee yaaddessaadha.

  6. Hiriira taphattoota Yunaayitidii fi Liiverpuul

    Akkaataa hiriira taphattootaan Liiverpuul yaaddoo keessa jira. Mohammad Saalaa, Aleksaandar Isaak fi Huugoo Ekitikee malee taphata.

    Yunaayitid goolii eegaa Lammens qabatee, ittisa irratti Dalot, Maguwaayer, Heeven fi Shoow hiriirseera.

    Gidduun Kaazamiiroo fi Maayinuu yoo ta'an fuuldura isaanii Imbuumoo, Fernaandez fi Kuniyaan jiru.

    Jifataan Benjaamin Sheeskoodha.

    Gama Liiverpuuliin gooli eegaan Woodmaan, ittisa irratti ammoo Roobartisan, Vaandaayik, Konaatee fi Joonsi hiriiraniiru.

    Gidduurratti Maak Alistar, Giraavanberk akkasumas fuuldura isaanii ammooWiirzi, Soboozlaay fi Firimboong qabatee gale.

    Jifataan Koodii Gaakpoodha.

  7. Taphi Maanchester Yunaayitid V Liiverpuul sa'atii 11:30 irratti eegala

    Xiinxalaan kubbaa miillaa BBC Kiriis Suutan tapha kana tilmaamuudhaaf baayyee ulfaata jedhe.

    Liiverpuul gahumsa ajaa'ibaarra kan jiru Buruunoo Fernaandeeziin dhaabuun irraa eegama.

    Mohaammed Saalaan ammoo tapha kanarratti hin hirmaatu.

    Tilmaama ፡ 2 - 2

  8. Viktar Giyookeresh dhiibbaa jala ta'ee akkamiin Arsenaal fayyaduu danda'e?

    Taphi bara kanaa jalqabamuu dura Arsenaal jifataa goolii 20 fi isaa ol lakkoofsisu argachuun waancaaf murteessaa akka ta'e bal'inaan dubbatamaa ture.

    Ze Gaaners carroomuun jifataa beekamaa addunyaa Viktar Giyookeresh argateera.

    Osoo akka qeeqamuu isaatii Sambata galgala ga'umsa ajaayibaa fi gooliiwwan lama lakkoofsisuun abdii kilabichi waancaa harkaan ga'achuuf qabutti lubbuu hin horu ture.

    Lammiin Siwiidiin kilaba Poorchugaal Ispoortiing Lisban irraa paawondii miliyoona 64n Arsenaal seene kun akka kilabasaa duraanii ta'uu baatus hanga ammaatti taphoota hundarratti Arsenaaliif goolii 21 argamsiiseera.

    Maanchistar Siitii waliin waancaarratti kokkee walqabaa kan jiran Arsenaal, tapha Fulhaam waliin taphatan goolii 3 fi 0 dhaan injifachuun morkii waancaa simsateera, as keessatti goolii lama kan lakkoofsise Giyookeresh gumaachi isaa salphaa hin turre.

    Kilaba duraanii Ispoortiing keessatti taphoota 102 irratti goolii 97 galchuun jifataa filatamaa addunyaa ta'ee badhaasa Ballon d'Or kan injifate Giyookeresh Arsenaal wayita seenus kanumatu irraa eegamaa ture.

    Garuu bakka eegameti argamuu dhabuunsaa qeeqa irratti heddummeesse.

    Haata'u malee jifataan kun ammallee iddoo murteessaatti Arsenaaliif wayita bu'aa buusu argama.

  9. Taphicha Bornimaz dursuu eegaleera

    Taphi eegalee daqiiqaa 10ffaarratti taphataan Kiristaal Paalaas Jeffersan Larmaa ofirratti galchuun Bornimaz dursuu eegaleera.

    Bornimaz jalqabarratti dhiibbaa guddaa uumanii taphachuun bu'aansaa maal akka ta'e itti beeku.

    Taphataan sarara gidduu Paalaas kun erga kubbaa qabatee booda dogoggora uumuun gara gooliisaatti erge.

  10. Kiristaal Paalaas imala Bornimaz osoo hin mo'amin taasisaa jiru gufachiisaa?

    Bornimaz taphoota 14 walitti aansee hin mo'amin jira. Tapha marsaa 32ffaa inumaa Arsenaaliin mo'achuun waancaarraa gufachiiseera.

    Har'a dirree isaarratti Kiristaal Paalaas waliin morkata.

    Paalaas imala milkaa'aa Bornimaz kana gufachiisaa laata?

    Deeggartoonni Bornimaz gonkumaa kana arguu hin fedhan.

    Warri paalaas ammoo dorgommii Awurooppaa tokko argachuuf falmii cimaa taasisu.

  11. Akkam ooltan?

    Kilaboonni Pireemer Liigii amma sadarkaa murteessaarra ga'aniiru.

    Maanchistar Yunaayitid fi Liiverpuul hirmaannaasaanii Chaapiyoonsi Liigii bara dhufuu cimsachuuf morkatu. Aston Viilaanis hiree Chaampiyoonsi Liigii argachuuf falmata.

    Tootanhaam ammoo liigicha keessa turuuf morkata.

    Bornimaz fi Kiristaal Paalaas akkasuma dorgommii Awurooppaa argachuuf walfalmu.

    Tamsaasa kallattii kanaan odeeffannoo waa'ee taphoota kunneenii hordofnee isin biraan geenya.

    Nu waliin turaa!

    Taphoota kaleessaarratti odeeffannoo turan asii argattu.