Viktar Yookores waancaa mo'achuuf tapha xiqqoo nu fahe jedhe
Viiktar Yookores ''sadarkaa kanatti taphoota nu hafan mo'achuu qabna.
Har'a tapha bareedaa taphanne. Qabxii sadii argachuu keenyattis gammadeera.
''Akkan yaadutti yeroo hundumaayyuu taphaaf qophoofnu tapha bareedaa agarsiisuu fi carraa bal'aa uumuu barbaanna. Har'a kana lamaanuu agarsiifneerra.
Takkaayyuu akka injifannu amanuu dhiisnee hin beeknu. Takkaayyuu abdii hin kutannu. Amma taphoota hafan irratti xiyyeeffachuu qabna.
Amma sadarkaa gaarii irra waan jirruuf kan nu hafe mo'achuu qofatu nu hafa. Dhugaa dubbachuuf waancaa mo'achuuf carraa guddaa qabna jedhe.
Viktar Yookores Arsenaaliif walumaagala galchii 21 lakkoofsiseera.