Biyyoota Arabaa kamfaatu Israa'el waliin michummaa gaarii qaba?

Madda suuraa, Getty Images
Bakka buutonni Israa'el fi Libaanosirraa ta'an marii marsaa biraatiif Waashingitenitti Sambata Caamsaa 15 walga'aniiru.
Kun ammmoo erga Ebla keessa Pirezidantii US Doonaald Tiraamp waliin walga'anii boodadha.
Erguma jaarsummaa Ameerikaatiin Ebla 16 waliigalteerra gahanii boodallee Israa'eliifi Hezboollaan kibba Libaanos keessatti wal loluu itti fufaniiru.
Israa'el ajajaa Hezboollaa Caamsaa 6 Beerut keessatti ajjeefteetti.
Dhukaasa dhaabuun kun guyyoota 10 akka turu yaadamee ture, garuu torban sadiif akka dheeratu godhamee, Caamsaa 17 xumurama.
Akkamiin kanarra gahe?

Madda suuraa, Reuters
Kun marii araaraa marsaa sadaffaa Yunaayitid Isteeti keessatti gaggeeffamaa jirudha.
Pirezidant Tiraamp erga waliigaltee dhukaasa dhaabuu beeksisee booda, Ministira Muummee Israa'el Benjeemiin Neetaaniyaahuu fi pirezidantii Libaanos Joseef Awuun Waashingiteenitti wal arguuf karoorsee ture.
Haata'u malee, karoorri bulchitoota kanneen waliin yaadame Joseef Awuun osoo gamni lachuu wal hin ga'iin dura Israa'el haleellaa gaggeessaa jirtu dhaabuu qabdi jedhe.
Ebla 14, bakka buutonni Libaanosiifi Israa'el muddama waggaa 30f keessa turaniin booda yeroo jalqabaatiif wal ga'an.
Yunaayitid Isteetitti ambaasaaddarri Israa'el Yechiil Leeyiter fi gitni isaa Libaanos Naadaa Amadeeh Mo'awaad Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoon simatamanii Waashingitenitti wal argan.

Madda suuraa, Reuters
Hezboollaahnoo?

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gareen Hezboollaah bara 1982 kan hundeeffame yoo ta'u, Musliimota Shi'aa kibba Beerut jiranidha.
Hoggantoonni isaa garuun mootummaa Libaanos keessa jiru. Hariiroon mootummaa Libaanosiifi Hezboollaah garuu laafaa dhufeera.
Israa'el garee kanarratti haleellaa gaggeessuu kan itti fufte yoo ta'u, tarkaanfii Israa'el kanaan ammoo lammileen nagaa kibba Libaanos jiran miidhamaa jiru. Hezboollaahnis gama isaatiin rookkettii gara Israa'elitti dhukaasuun deebii kennuu hin dhiisne.
Ebla keessa yeroo waliigaltee dhukaasa dhaabuurra gahametti, Ministirri Muummee Israa'el Benjaamiin Neetaaniyaahuu Hezboollaah hiikkachiisuun waan hunda caalaa amma barbaachisaadha jedhee ture.
Erga waraanichi xumurameen booda waa'ee hidhannoo dubbanna jechuun Hezboollaahn hidhannoo hiikkachuu dideera.
Iraan ammoo gama biraan, Yunaayitid Isteetis waliin waliigalteerra ga'uun dura Libaanos keessatti nageenyi waaraa Libaanos akka bu'uuf waamicha dhiyeessiteetti.
Erga waraanni kun jalqabee Libaanos keessatti namoonni 2,896 ol ajjeefamanii, namoonni miliyoona 1.2 ol ta'an ammoo qe'eesaaniirraa buqqa'aniiru.
Israa'elis loltoonnishee 18 fi namoonni nagaa 4 jalaa ajjeefamuu ibsiteetti.
Israa'eliifi Libaanos gidduu hariiroon dippilomaasii dhibe?
Israa'el fi Libaanos erga bara 1984 Libaanos biyyoota Arabaa hundeeffamuu Israa'el mormanitti makamtee kaatee wal waraanuu keessaa bahanii hin beekan.
Sababa isaan hariiroo dippilomaasii hin qabneef:
Waliigalteen nagaa dhibuu: Akka Masiriifi Yordaanos, Libaanos Israa'el waliin waliigaltee nagaa mallatteessitee hin beektu.
Waraanaafi garee hidhataniif deeggarsa gochuu: Waraansa walii waliinii Libaanosiifi giddu-seentummaa Israa'el hariiroon biyyoota lamaanii akka hammaatu godheera. Israa'el Libaanos kibbaa bara 1982 hanga 2000tti to'attee turte.
Ejjennoofi sadarkaa Hezboollaah: Erga bara 1980oota keessaa kaasee, Hezboollaah garee cimaa Libaanos keessaa Israa'el dura dhaabbachuu danda'eera. Israa'el garee kana akka diinashee guddaa tokkotti ilaalti. Hezboolllaahn ammoo Israa'el Libaanos keessa jiraachuu hin fedhu.
Seeraafi ejjennoo aanga'ootaa: Libaanos seeraan Israa'el akka diinashee taatetti labsiteetti. Israa'el kibba Libaanos daangaa biyyoota lamaan gidduu jirurratti haleelamaa turteetti.
Biyyoota Arabaa kamfaatu Israa'el waliin hariiroo dipplomaasii qaba?
Hanga Caamsaa 2026tti, biyyoonni Arabaa ja'a Israa'el waliin hariiroo dippilomaasii qabu. Isaanis:
Masirii (1979)
Yordaanos (1994)
Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) (2020)
Baahreen (2020)
Morookoo (2020)
Sudaan (2020)
Biyyoonni Arabaa kunneen Waliigaltee Abirahaam (Abraham Accord) Israa'el waliin kan mallatteessan yoo ta'u, waraana Gaazaa Onkoloolessa 2023 jalqabe hordofee gariin isaanii deeggarsa Filisxeemotaaf qabanirraa kan ka'een yaaddoo qaban ibsatanillee waliigalticha keessaa hin baane.
Biyyoota Arabaa Israa'el waliin hariiroo dippilomaasii hin qabne
Hanga ammaa biyyoonni Arabaa baayyeen Usraa'el waliin hariiroo dippilomaasii hin qaban. Biyyoonni Israa'el waliin hariiroo dippilomaasii hin qabne kunneenis isaan itti aanan kanneenidha:
Libaanos
Sooriyaa
Sa'ud Arabiyaa
Kuweet
Iraaq
Qaataar
Algeeriyaa
Libiyaa
Yaman
Biyyoota Arabaa keessaa Omaan Israa'el waliin hariiroo dippilomaasii tofachuu biyyoonni lamaan marii gaggeessaa turaniiru. Haata'u malee, hanga ammaatti ifatti hariiroo dippilomaasii waliif hin mallatteessiin jiru.
Biyyoonni Arabaa baayyeen Filisxeemiin akka deeggaran ibsaa turaniiru. Kana malees, bbiyyoonni Arabaa kunneen Israa'el waliin hariiroo dippilomaasii qabaachuu kan hin barbaadneef Gaazaa sababa qabatteef akka ta'e dubbatu.
Osoo waraanni Gaazaa keessatti gaggeeffamu hin jalqabiin dura Sa'ud Arabiyaan Israa'elwaliin hariiroo dippilomaasii tolfachuuf carraaqaa kan turte yoo ta'u, carraaqqii kanas yoo beekamtiin biyyummaa Filisxeemiif ifatti kennamee isarratti waliigalteerra ga'ame akka itti fuftu ibsiteetti.














