Sa'udi Arabiyaan maaliif iccitii Iraan haleelte?

Madda suuraa, Reuters
Sa'udi Arabiyaan lola Ameerikaa fi Israa'el waloon Iraan irratti banan hordofee haleellaa Iraanirraa ishee mudate haaloo bahuuf jecha, icciitiidhaan Iraan haleelte.
Haleellaa kana ilaalchisee odeessi mootummaarraa dhagahame jiraachuu baatus, garuu tarkaanfii kun tarkaanfii waraanaa jalqabaa Sa'ud Arabiyaan Iraan irratti fudhatte yoo ta'u, qophii of ittisuuf biyyattiin qabdus waan mul'isu jedhameera.
Haleellaan kun, humna qilleensaa Sa'ud Arabiyaatiin dhuma baatii Bitootessaa akka raawwatame tilmaamama.
Waayee haleellaa kanaa ilaalchisee aangawaa olaanaan ministeera dhimma alaa Sa'ud Arabiyaa haleellaan kun raawwatamuu fi dhiisuu irratti gaafatame deebii kennuu irraa of qusate.
Biyyoonni Galoogalaanaa haleellaa qolachuu eegaluu
Haleellaan Sa'udi Arabiyaan Iraan irratti raawwatte agarsiiftuu muddama deemaa jiruuti.
Ameerikaa fi Israa'el Iraan irratti haleellaa banuu hordofee, Iraan biyyoota Mana Maree Gamtaa biyyoota Galoogalaanaa (GCC) jahan irratti misaayelootaa fi diroonota furgugsaa turte.
Haleellaan kun buufata waraanaa Ameerikaa qofa osoo hin taane, iddoowwan jireenya uummataa, buufataalee xiyyaaraa fi buufataalee boba'aa irratti kan xiyyeeffatedha. Iraan Ulaa Hormuz cufuudhaanis daldala idil-addunyaa danqiteerti.
Gamni biraatiin, UAE'nis Iraan haleeluu gaazexaan Wall Street Journal Wiixata gabaaseera.
Tarkaanfiin Sa'ud Arabiyaa fi UAE kun dhugaa waraana kanaa dheeraadhaaf addunyaa jalaa dhokatee ture ifatti waan baase.

Madda suuraa, X
Haleellaawwan, dhukaasa dhaabuu
Qondaaltonni Iraanii fi Dhihaa biroo akka jedhanitti, Sa'ud Arabiyaan waa'ee haleellaa kanaa Iraaniif beeksisteerti, dhimmi kunis hariiroo biyyoota lamaan gidduu jiru haalaan balleesseera.
Ta'us, erga Ameerikaan Iraan irratti dhukaasa dhaabuu labsitee booda, biyyoonni lamaan haleellaa wal irraa dhaabuuf waliigalaniiru.
Iraani fi Sa'ud Arabiyaan, biyyoota Islaamaa Giddu-gala Bahaa keessatti guddinaan sadarkaa duraa irratti argaman yoo ta'an, lola naannichaa keessatti gareewwan masaanuu lamaaf deggersa gochaa turan.
Bara 2023 Chaayinaan jaarsummaan jidduu seenuun hariiroon biyyoota lamaan jidduu fooyya'ee bakkatti kan deebi'e yoo ta'u, kun lola Yaman keessatti finciltoota Huutii Iraan deggartuu if Sa'ud Arabiyaa gidduutti dhukaasa akka dhaabbatu godhee ture.















